Dhaabbileen barnootaa mogaasa sadarkaa isaanii hin heeyyamamnne Kennan mogaasa maqaa ragaa barnootaa barattota kanaan dura ebbisiisaniirra jiru Akka sirressan ejansiin toa’aataa barnootaa ola’aanaa hubachiisee.
Dhaabbileen barnootaa eyyama mogaasa sadarkaa hin eyyamamnne kennanii ittiin tajaajilamaa jiran jiraachuusaanii ejansiichii addis maaladaatti hiimeera.Dhaabbileen barnootaa mogaasa sadarkaa isaanii hi eyyamamnne fayadaman tokko tokko walii gad rakkachuu tajaajilamtootaafiis sababii ta’aa jiruu jadhameera.kana waan ta’eefis dhaabbileen kuun mooggaasa sadarkaa ragaa barnootaa barattota isaaniif Kennan sirresuudhaan walii gad rakkachuu barattota hanbisuu dirqama akka qaban ibsameera.
Tajaajila mirkaneessa ragaa barnootaa arggachuu yeroo gara ejansiin dhufaniitti mooggaasnni sadarkaa ragaa barnootaa isaaniirra jiru kan hin heeyyamamnne ta’ee yammu argamuutti ragaan barnootaa isaanii doggo ta’ee argama kanaaniis ragaan barnootaa isaanii fuudhatama dhaba jadheera ejansiichii.kanaaniis barattonni ittuu tajaajila hin argatiin baasiif rakkoo biraaf saaxilamuu.kuuniis yaroo daddabalamaa uumamuusaa itti gaafatamaan quunnamtii ummataa ejansiichaa obbo Taarraqanyi
Garasuu addis maaladaatti himaniiru.
Fakkeenyaafis lammiileen imala biyya alaalaf mirkanessii ragaa barnootaa akka isaanii kennamu yammu gaafatan dhaabbileen barnootaa ragaa barnootaa isaanii Kennan yuunivarstii yookaan kollejji jachuudhaan mogaasa sadarkaa isaanii hin heeyyamamnne fayadamanii ijaa argaman ragaan isaanii beekamtii seeraa ijaa hin arganne rakkoodhaaf saaxiluu jadhameera. Dabalaaniis kollejjonni sadarkaan isaanii kenamee kolleejji ta’ee ituu jiruu mooggaasa univarsiitii kolleejj jadhanii baratootaaf ragaa barnootaa barattota isaaniif ijaa Kennan wayita
minddeffama hojii rakkoo itti Uumaa jiraachuusaafii akkaataa kenninsa eyyamamaa irattis rakko wal fakaataa Uumaa akka jiru obbo Taarraqanyi kaasaniiru.sababii kanaan imalttonni imala ariifachiisaa qaban haala dhiimmii isaanii itti guufatutuu jiraachuu eeruu.
Dhaabbanni tokko tokko mooggaasa sadarkaa mataasaa Akka qabuu ejansiichaa hiimee akkaataa a kanaan dhaabbileen yuunivarstii yuunivarstii kolleej kolleejiifii institutii jadhame kan ibsamuu ta’u dhaabbileen barnootaa ola’aanaa akkaataan mooggaasa sadarkaa mataasaa danda’ee qajeelfama mataasaafi ulaagaalee madaallii bala’a akka qabu ejansiichii beeksiseera. Moogaafnii sadarkaa dhaabbilee barnootaa ola’aanaa dhuunfaa ejansii to’ataa barnoota ola’aanaatiin hin eyyamamnne seera qabeessummaa akka hin qabaanne ejansiichii ibseera.
Wagga sadii dura ejansiichii sababii hirriina to’annaafii horddofii qabuun dhaabbileen tokko tokko mogaasa sadarkaa isaanii hin kennamee fayadamanii karaa marsariitiiwaniifi midiiyaalee of beeksiisaa kan turan ta’usaatiin yeroo amma dhaabbileen kuun gara hojii seera qabeessummaatti akka galan hojjiwwaan heddu himatamaan akka jiran itti gaafatamaan quunnamtii ummataa ejansiichaa dubataniiru.kanaaniis yaroo ammaa faya’iinsii gaarii jadhamuu
jiraachuusaas itti gaafatamttichii eeranii ammas garuu dhaabbileen barnootaa rakkolee kana hin sirresiinee jiraachuu turtii addis maaladaa waliin taasiisaniin kaasaniiru.
Dhaabbatichii mogaasa sadarkaa yuunivarstii qaban ammatti Shan yammu ta’aan yuunivarstii Yuniitii, yuunivarstii Riift Vaalii , yuunivarstii Haaraambbee fi yuunivarstii Admaasdha.akasuumas dhaabbileen barnootaa mogaasa kolleejii yuunivarstii qaban Shan yammu ta’aan kolleejii yuunivarstii Alfaa , kolleejii yuunivarstii Niiwuu janareeshin,k kolleejii yuunivarstii Shabaa, kollejji yuunivarstii hoop, akasumas kolleejii yuunivarstii been ta’uu isaanii ejansiichii beeksiseera.Mogaasa sadarkaa hin eyyamamnne fayadamuudhaan midiiyaaleedhaan beeksisa hojjachiisuun sanadootaafii baanaroota garaa garaa iratti fayadamuudhaan maxxansiisuun dhorkaa ta’uusaa huubatameera.
Dhaabbileen ragaa barnootaa sadarkaa hin eyyamamnnen Kennan siireesuudhaaniifii gara fuula duuraattiis ragaa barnootaa keenaniiniis ta’e beeksiisawan hojjachiisaniin mooggaasa isaanii eyamamee qofa fayadamuudhaan dirqama seeraa ba’uu akka qaban ibsameera.
Barattonnis ragaa barnootaa kanaan dura mogaasa hin eyyamamnnen isaanii kenamee deebiisuu qabuus jadhameera akasumas wayita eebbaa ragaan barnootaa isaanii kenamuu mooggaasa sadarkaa isaa eeyyamamee ta’uusaa mirkanessii akka qaban eerameera.


