ABUT konkolaattota 300 ol qopheessee qabeenyaa Wurgeessaafi Wucaalee jiru saameera jedhamee

0
1567

Mana maree bakka bu’oota Ummataan shororkeessaa kan jedhamee ABUT konkolaattota 300 ol qopheessee qabeenyaa Mootummaafi namootii dhuunfaa naannoowwan DalaantaaWurgeessaafi Wucaalee jiru saamuu isaa jiraattonni naannichaa Addis Maaladaatti himaniiru.

Madden odeeffannoo Addis Maaladaa kan dubbatan torbee darbee Onkololeessa 2014 torbeelammaffaati ABUT Wurgeessaafinaannoo ishee to’achuudhaan namootii naannichaa lakkoofsa ammanaa jechuun hin danda’amneajjeesuudhaankonkolaattota 300 dhiyesee qabeenyaa motummaafii namoota dhuunfaa gara naannoo Tigraayitti imalchisuuisaati.

Wucaaleetti amma Wurgessaatti akkasumas karaa Dalaantaakonkolaattotagurguddoo meeshaa fe’uufqophaa’an qarqara daandii irratti agarreera kan jedhan jiraattonni gidduu kana gara Bahir DaariifiiDaseetti imalan ABUT mana namoota dhuunfaabanee meeshaalee garaa garaa miidhaanilleeittu hin hafiinfe’aa turu isaati kan isaan odeeffanno kennan.

Gareen shororkessituummaa dhaan himamee ABUT baatii Onkololeessa 2014Magaalaa Dassee irraa fageenya kilomeetira 60 irratti kan argamtu magaalaa guddoo aanaa Ambaassal Wucaalee to’achuu isaa kan ibsan jiraattonni magaalatti gara Dassee dhufan jiraattonni magaalaa HabruufiiHaayiq lakkofsii isaanii sirritti hin beekamneen gara Daseetti deemaa jiraachuu isaanii dubbataniiru.

Gareen hidhata kanaan dura bakka BaqlooMaanaqiiyaafiiTsehaayMawuucaajedhamuu to’atee ture Onkololeessa 8 2014 dabarsinemagaalaa guddoo DalaantaaWagalXeenaas to’achuu isaa kan ibsan yammu ta’u maashinoota hospitaala DalaantaafiiQorichootaittu hin hafiinkonkolaataattifa’ee fudhateera jadhaniiru.

Raayyaan ittisa biyyaa naannicha ture naannicha ergii gad dhisee bahee boodadhashororkessituummaa dhaan kan himamee ABUT Dalaantaa kan to’atee kan jedhan jiraattonni kun Raayyaan ittisaa naannicha gad dhisee yammu bahuudhuukaasnni tokkoiyyu kan hin jirre ta’u isaatiin ABUT danqaa tokko malee akka magaalatti galuu akka gargaaruni hin hafnee jachuudhaan yaada isaanii kan kennan.

Jiraattonni kuun akka jedhanitti yoo ta’e gareen shororkessaa ABUT torbee sadii dura naannoo Gaashanaattii midhaan ga’ee haamee fudhachaa yoo tureshaleellaa xayyaaraa torbee dura isa irattii taasifameen naannicha gad dhisee deemuu isaa kan mul’isanyamu ta’u amma gabaafnni kun qindaa’etti naannichii yaroo lammataa garee kanaan to’atamuu isaa ammas saamicha raawwachaa jiraachuu isaa tii hubachuun kan danda’amee.
Itti dabalaniis garichiiiddo to’atee ture akka gad dhisuu taasifamee turuun isaa gargaarsi ummataa waan ijaa keessajirrudha yaada jedhuun amma naannicha yammu lammata to’atuulammiilee nagaa irratti miidhaa hammaataa dhaqqabsiisaa jiraachuu isaatti dabalee mana namoota dhuunfaa tokko tokkoonsakata’e qabeenyaa fe’aachaa jira jadhaniiru.

GaashanaafiiLaalibalaa gidduutti kan argamuu naannoo Dibkootti akkasumas WaadlaaDalaantaafii naannoo caanaatti amma gabaasaniikunqindaa’ettiWaraanni meeshaa guguddaa dhaan deeggaramee gaggeeffamaa kan jiru yammu ta’u kanaanisdubarttonnifda’iimman lakkofsii isaanii ammanaajedhameehinbeekamneeajjeefamniiru.

Maddenodeeffannoo Addis Maaladaa itti dabalaniis NaannooGaashanaa Ambaa jedhamuuGaashanaattiargamuutti garee shororkeessaa ABUT da’oo hojjatachaa kan jiru ta’u eeruudhaan naannichii lamatato’annoo jala ooluun isaa haleellaa kana caalaatti hammaataa taasiseera Raayyaan ittisa kana nurraa qolachuun hafee hali inni qabee gad dhisuu nuun dhumaatiihamaaf dabarsee nuukennaa jira waan ta’eef mootummaan itti gaafatama isaa kan hinbaanee amma yoomitti jachuudhaan gaafataniiru.

Itti dabalaniis gareen shororkeessaa ABUT haleellaanlammiilee nagaa irratti raawwachaa jiru kan adda isa taasiisuukeessumaa aanaa Ambaassalittihaleellaa meeshaa waraanaa gurguddaatinraawwateen lamiileen nagaa heddu du’aafisaaxilu isaa ta’ueeran.

Magaalaa Hayiqiittibasaasttonni garee shororkeessaa ABUT 40 argamuu isaaniitiin namootiin naannichaa gara dassee deemaa jiraachuu isaanii kan mul’isan yammu ta’u bulchaan magaalaa Dassee Abbabba Gabra Masqalamma mille lakkofsii buqqaatootaa dabalaa kan jiru ta’us amma ammaatti magaalaa Daseettihaleellaankamiiyyu hin raawwatamnee jadhaniiru.

Itti dabalaniis milishaannaannoohidhataafiidargaggoota gurmeessuudhaan garee miidhaa geessisuufiigaa jiru qolachuuf qophii irra jiraachuu isaanii mul’iisaniiru.
Addis Maaladaan gara itti gaafatamaa dhimmootakomunikeeshinii godina Wallo kibbaa SiyyumAhimad yoo bilbiltus bilbila waan hinkaafneef dhimmicha ilaalchisee yaada qaban itti dabaluunittu hin milkaa’aniifhafeera.


አዲስ ማለዳ 13 Onkololessa. 2014 No 18
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here