Naannoo saba sablamootaafii ummattoota kibbaa godina Konsootti bara 2011 jalqabee gaafii caasaa bulchiinsaa gaafachuu isaaniitiin lamiileen kuma 80 ol manaafi qabeenyaa isaanii irraa buqqa’uuyaa’iin mirgoolee namoomaa Itiyoophiyaa beeksisee.
Gaafii caasaa ka’uumsa walitti bu’iinsaa naannicha jiru deebisuudhaaf yaadamee bara 2003tti mootummaan naannichaa caaseefamee kan ture godinni ummattoota naannoo Sagan bara 2011 diigamuu isaatiin lamiileen naannichaa akkaataa gaafii caaseefamaarakko Ajjeechaa buqqa’uu miidhaa qaamabarbadaa’u qabeenyaa hordoofsiisuu isaa yaaiin kun qoranaadhaanmirkaneesuu isaa beeksiiseera.Naannichii bara 1990 jalqabee jeequmsa guddaa keessa akka tureefi qabeenyaafilubbu heddu ballessaa kan itti ture yaroo rakkisaa akka ture eerameera.
Bara 2011 irraa jalqabee lamiileen naannichaa yaroo daddabalamaa biroolee naannoof gaafii caasaa bulchiinsaa dhiyeessuun isaanii Yaa’iin mirgoolee namoomaa Itiyoophiyaa ibsa addaa 148ffa baaseen mul’iseera.haata’u male maaliif gaafii kana kaaftan jechuudhaan bara 2011 irraa jalqabee ummanni kuma 80 ol ta’u manaafi qabeenyaa isaa irraa buqqa’era jedheera yaa’iin mirgoolee namoomaa Itiyoophiyaa ibsa isaatiin.
Jeequmsii sababiin gaafii caasaa bulchiinsaauumameedu’a namootii nagaa 81f sababiin ta’u isaa qorannaa dhaabbatichaa niimul’isa. ajjeechiichi kan uumamee yaroo garaa garaa humnoota aanaa BurjiiKonsooAmmaaroottihidhatanii fi humnna addaa naannichaa gidduutti ta’u isaa ibsiichaanmul’ateera
Rakkoo nageenyaa naannichatti uumameen du’aafibuqqa’uujiraattootatti dabalee manni jiraattoota naannichaa kuma 45 ta’u ibiddaangubachuu isaa kan ibsequu’annichii lamiileen manni isaanii jalaa gubatee rakkoo irra akka jiran eereera.sababiirakko tasgabbii uumameen qabeenyaan biliyoonaan tilmaamamu barbada’uu isaa kan eerame yammu ta’u qabeenyaan lammiileebarbadaa’uu irraa baraaramee gareewwan gurmaa’aniin saamameera jadhameera
Bara 2011 irraa jalqabee maasaan qonnaan bulaaagabuubulaa jira kan jedhee yaa’iin mirgoolee namoomaa Itiyoophiyaamaasaa isaanii qotuudhaaf ba’anii humna addaa naannichaan kan ajjeefaman lakkofsii qonnaan bultoota ajjeeffamanii hedduudha jedheera.Sochiin hawaasummaafi dinagddummaa hawaasicha guutummaaguutuutti gufachuu isaa kan eeruu bu’aan qoraniichaa naannichatti gabaan erga cufame waggaa tokkoof baatii 6 ta’u isaa eereera.
Akkasumas geejjibnni erga addaan citee baatiin shan darbuun isaa kan eeramee yammu ta’u manneetiin barnootaa sadarkaa tokkoffaatti lammaffaa waggaa lamaaf akkuma cufamaniitti jiru jadhaniiru.Hospitaalli Sagan ummattoota naannichaa naannoo ganda 17 jiraniif akka tajajilu ijaarame mana hidhaafiikaampiiloltuu ta’eera manneetiin amantaa protestaantiifii Ortodoksii akkasumas masgiidonni musliimaa cufamaniiru. Hojiiwwan misoomaa dhaabbilee dhuunfaafi mootummaa jalqabaman hedduwwan bakka jiranitti dhaabbataniiru jechuudhaan yaa’iin mirga namoomaa Itiyoophiyaa ibsa isaatiin mul’iseera
Ibsi qorannoo dhaabbatichi baasee dhiibbamuu mirgoolee namoomaa naannoo saboota sablamootaafii ummattoota kibbaa godina Koonsoo aanaa addaa Ammaaroo aanaalee addaa gumaayideefii alee ta’u isaanii eeraniiru.
Yaa’iin mirgoolee namoomaa Itiyoophiyaa maqaa namoota naannichatti yeroo garaa garaaajjeeffamaniif miidhaan qaamaa irra ga’ee galmeessuu isaa hubachiiseera.Koreen nageenyaa ummatagumaaayiidee xalayaa dhaabbatichaaf gaafa 1012014 barreesseen tarkaanfiiwwan qaamoolee bulchiinsaa garaa garaan fudhatameen lamiileen dhiibamuu mirgaa garaa garaafsaaxiluu isaanii itti fufu beeksisuun isaa kan ibsame yammu ta’u mootummaan tarkaanfii barbaachisaa akka fudhatu koreen kun gaafateera jadhameera.
Gochaan murtiiwwanidiiladdunyaaf heera mootummaadhiibatanlammiilee irratti yammu raawwatamuu mootummaan tarkaanfii ariifataa fudhachuu dhabuu isaatiin namootii dhuunfaa irratti miidhaan ameentaa garaa garaa qabu qaqqabu isaanii dhaabbatichi eereera.
Nageenya naannichaa eegsisuudhaan dhiibbaa mirgoolee namoomaa qaqqabe qulqulleessuun haala danda’amu akka mijeessu rakkoolee dhiibbaa mirgoolee namoomaa kanaaf sababiin ta’an kutaalee hawaasaa isaan ilaallatu waliin mari’achuudhaan furmaata waaraa akka kennu mootummaan hiriinawwanbulchiinsaafcaasaa qorachuudhaan sirreessbarbaachisaa akka taasiisuufkessumaa lammiiwwan gaaffileebulchinsa gaarii lammiileekaasu isaaniitiin dhiibbaa mirgaa isaan irra ga’u kan ittisuu sirna seeraafi dhaabbattummaa akka diriirfamuu yaa’iin mirgoolee namoomaa Itiyoophiyaa gaafateera.
አዲስ ማለዳ 20 Onkololessa. 2014 No 19
______________________________
ትክክለኛውን የአዲስ ማለዳ ሶሻል ሚዲያ በመቀላቀል ቤተሰብ ይሁኑ
Telegram ➲ t.ly/SOXU
Facebook ➲ t.ly/flx8
YouTube ➲ t.ly/vSgS
Twitter ➲ t.ly/mxA4n


