Malaammaltummaa maallaqa saamuu yookaan mata’a fudhachuu qofaa mitii. Qaamnii itti gaafatamaan ramadame tokkoo itti gafatamasaa fedhii mataa isaaf yoo taasiisee yookaan itti gaafatama isaa fayyadamne hojii hin mallee yoo hojjete kunis malaammaltummaa jedhamee amanama. namootii dhuunfaa qofa ittu hin ta’in dhaabbileen fi mootummonni ille itu hin hafin malaammaltummaa akka raawwatan himama. Kanaaniis guddina sadarkaa hin mallee mindaa dandeettii gidduu galeessa hin taasiifanne darbees ammo kaayyoo hin malleef dhaabbachuun dhimoota malaammaltummaa keessatti qabamanidha.
Biyyaalee malaammaltummaa dhaan heddu qoramanif qorqamaa jiran keessaa tokko Itiyoophiyaa dha. Kessumaa bara 2010 dura ittu jijjirraan hin taasifamiin waggoota 30n darbanitti sirni ture biyyattii malaammaltummaa dhaan akka hubeetuu yaroo daddabalamaa ka’a. Bara 1983 booda baatilee sadiifi afur keessatti maallaqa miliyoonaan lakkaa’amu qondaalttonni saaman jiraachuu qaamoolee yaroo sanatti dhimmicha keessa beekan irraa hubachuun ni danda’ama.
Akkuma beekamuutti haalli amma biyyi keenya itti jirtu akkuma yaroo kaanii hojiin mootummaa yaroo isaanii idileetiin akkaataa hojii kana duraa hordofee gaggeeffamaa hin jiru. Waajiraaleen mootummaa hojii dhaaban jiru. akkasumas ammoo Waajiraaleen mootummaa hojii isaanii humna namaa xinnodhaan hojjachaa jiran jiru. Akkaataa gurmii waraanicha hordofee dhufeen namootiin hojii hin beekne irratti ramadamanii yeroof hojjachaa jiran jiraachuu danda’u.
Kunis akkaataa hojii ture irraa haala baheen hoji raawwachuufi hojiiwwan wayita waraanaa uumaman haarawa mata’a kennuufii fudhachuuf qaamoolee barbaadaniif fucha gaarii akka ta’u bayyeewwan yammu dubbatan dhaga’amu.
Labsii yaroo ariifachiisaa hordofee namootiin shakiidhaan hidhaman jiru Kanaaniis qaamooleen seeraa dhimmichattii siqeenya qaban kennaa fudhatanii sirreeffamtoota akka hiikaniifii sirna haqaa irattii gufu akka ta’an dhaga’ameera. Karaa gara biraa iddo hundaati lammiilee buqqa’aniifi loltootaaf deggarsii walitti qabama. Bajatnni mootummaa hojii yaadameef irraa jijjiramee bajatnni yammu dacha’u mul’ata. Yeroo kanatti egaa duras iftoomina kan hin qabne akkaataan hojii jiruu saamichaaf heddu akka saaxiluu tilmaamuun hin dhibuu.
Itiyoophiyaatti malaammaltummaan hidda isaa kan gad fageefatee ta’uun isaa nibeekama. Kanaaniis malaammaltummaa kana maqsuudhaaf dhaabbileen heddu itti gaafatamanii itti kennamuun nibeekama. Kanneen gidduudha poolisii fedaraalaa Itiyoophiyaafi komishiinii farra malaammaltummaa fii naamusa Ministeerri haqaa manneetii murtiifii dhaabbileen dhimmichi kallatiinis al kallatiinis isaan ilaallatu ni eeramu.
Kanaaniis haala qabatamaa amma biyyattiin keessa jirtuu tilmaama keessa galchuudhaan dhaabbileen gurguddoo jedhaman dhimmichi isaan ilaallatu maal hojjachaa jiruu isa jedhuuf Addis Maaladaan ibsa gaafatteeti.
Poolisii fedaraalaa Itiyoophiyaatti daayireektara komuniikeshiinii midiiyaa kan ta’an Jeeyilaan Abdii ibsa Addis Maaladaaf kennaniin haala qabatamaa jiruu waliin wal qabatee shororkeessitoota waliin walitti dhufeenya qabuu jedhamee yookaan manni isaanii sakata’amee meeshaa waraanaa seeraan alaafi wantoonni biraa mana isaanii keessatti argamee namootii to’annaa seeraa jala olan mata’a fudhachuudhaan Poolisoonni hiikan akka jiran eeruun nuu qaqqabeera jedhaniiru. Ta’es eeruu nu bira ga’u karaa lamaan ilaala. jalqaba eeruwwan ammam dhugaa akka ta’an ni qulqulleessine kanaanis siirreefamtoota seeraa karaa hin mallee mata’a fudhatanii hiikan shan ta’an ragaa irratti qulqulleessine tarkaanfii fudhanneerra. lammata ammoo amma kaayyoo shororkeessitootaa sirriitti fashaleessaa kan jiru ol’aantummaadhaan humna poolisii kana waan ta’eef ummanni akka isa wal hintaanee ragaas akka hin kennineef maqaa poolisii balleessuudha hunda hattuu fakkeesuudhaan eeruun malaammaltummaa waliin wal qabatuu dogongoraa dhiyaatu jira jedhaniiru.
Kanaaniis ragaan karaa sirrii ilaalamuu qabaa jedhu Jeeyilaan yakkawwan malaammaltummaa poolisii biratti raawwatamuu eeruun yoo nu qaqqabe qulqulleessine tarkaanfii ni fudhannaa jechuudhaan ibsaniiru. Ummanni ijaaf gurra Ummataati kan jedhan daayireektarichi yakka malaammaltummaas ta’e biraa ummata keessatti hojjetamuu poolisiifi eeruu kennuun yoo danda’amee qaamoolee yakka hojjetan yammuu seeratti dhiyeessuuf qophiidha jedhaniiru. Ummatnis poolisii waliin wal ta’u qabaa jedhu. Amma ammattis eeruu ummataatiin yakkamtoonni heddu qabamuu dubbataniiru.
Komishinii farra malaammaltummaa fi farra naamuusaati daayireektara seeraafi gorsaa Gazaahinyi Gaashaaw gama isaaniitiin komishiniichii ol’aantummaadhaan kan hojjetu malaammaltummaa ittisuu ijaarsa naamusa leenjiif qorannaa gaggeessuu ta’u ibsanii qabeenyaa qondaaltootaafii itti gaafatamtoota hojii mootummaa galmeessuun hojii isaa birraatti jedhaniiru. Yakkawwan labsii yeroo ariifachiisaa waliin wal qabatee uumaman haata’u qaamooleen malaammaltummaa dhaan shakkaman yoo jiraatan qulqulleessani seeratti dhiyeessuun kan isa ilaallatu poolisii fedaraalaa ta’u mul’isan.
Ta’es yakka malaammaltummaa jiruun komiishinichi waan irraa eegamu yammu hojjetu hin mul’atu kan jedhuun komiin yammu itti dhiyaatu mul’ata. garuu dhaabbatichi hojii dhaloota naamusa gaariitiin qaruu hojjachaa jira jedhaniiru. Amma Waraanni addatti yoo ta’es malaammaltummaa ittisuun adda birraatti jedhaniiru. Kanaafi kanaan duras yakkawwan malaammaltummaa heddu akka gaafataman taasifnee dursanii ittisuu irrattis kan hojjennee jira jedhaniiru. Hojii kanaan wal qabatee hojjetamuun Finfinnee keessatti manneetiin 300 ta’an abbaa hin qabnnee akka argaman ragaan jira jedhaniiru daayireektarichi dhimmichi kan ilaallatu garu bulchinsa magaalichatti jedhaniiru.
ogeessa seeraa kan ta’an Abukaatoo Daniel Fiqaaduu akkasuma Sababii labsii yeroo ariifachiisaa gochaaleen malaammaltummaa fakkaatan jiru erga jedhanii booda labsichi kanaaf akka Sababii tokkotti eeramu danda’a jedhaniiru. Labsii lakkoofsa 5/2014 irratti namni tokkoo poolisiidhaan yoo shakamu haa Hidhamuu jedha. Kun ammoo sii shakkeera jedhamee yoo kan Hidhamuu ta’e namni sun kan isa hidhuun dhufee sana waliin maallaqaan walii galuuf yaaluu hin dhiisuu jechuudhaan ibsaniiru.
Seerawwan biraatiin shakkiin amansiisaa yoo jiraatteedha namoonni kan hidhaman kan jedhan Abukaatoon kun aangoon poolisiifi kennamee heddummateera kunis malaammaltummaaf ulaa saaqa jedhu. Namootiin hidhaman sa’aatii 48 keessatti seeraafi dhiyaachuun dhabuun isaanii akkasuma malaammaltummaaf Sababii guddaa birraatti jechuudhaan mul’isaniiru.
Labsicha keessatti ifatti kan kana godhee adabbii ammanaa isa eega kan jedhu dhibuu isaatiin duuchaadhumaan kana hin godhiin jechuu irra darbee malaammaltummaan akka hin babal’anne yoo barbaadame labsii seera ifa ta’e qabuu baasuu akka barbaachisuu cimsanii dubbataniiru.
Ministeera haqaatti ittii gaafatamaa press sakretariyaati ta’anii kan tajaajilan Awwal Sulxaan akka ibsaniitti labsichi erga ka’ame booda poolisiin dhimoota mata’a waliin wal qabateefi eruuwwan kan biraa akka isa ga’an qorannaaniis akka gaggeeffamu eeranii qaamni amma ammaatti himanii itti dhiyaate mana murtiitti dhiyaate akka hinjirre dubbataniiru. Polisiin shakkii ga’a yoo qabaatee namoota to’annaa jala oolchuu akka danda’u ibsanii saatii 48 keessatti yoo seerattii dhiyaachuun baatan dirqama hiikuu hin qabu Kun labsii yeroo attattamaan kaa’eeraf jedhaniiru.
Kunis kan ta’u labsicha hordofee poolisiin hojii daddabalamaa qabuun ta’u akka danda’u kaasanii sababii malee garuu shakkamaa sa’aatii tokkoof illee seerattii ittu hin dhiyeessiin tursiisuu akka hin dandeenyee mul’isaniiru.
Dhaabbileen malaammaltummaa ittisan cimaa ta’u qabuu amma eeruun isaan qaqqabuutti eeguus hin qaban. Ummatichii ittuma ilaaltuufi malaammaltummaa kan raawwatu Kanaafuu saaxiluu qaba yaadawwan jedhan dhiyeessaniiru. poolisiin tiraafikaa birrii 50fi 60 fudhatu jalqabee amma Hattoota amma birrii miliyoonaan lak’amuutti saamanitti gochaan isaanii ummata jalaa kan dhokattee miti. Harkkatti yammu fudhatan arguulle baatan haala kana fakkaatu yoo argan eruu ittu kennanii poolisiin dursee itisuudhaaf sirna diriirsa jedhaniiru.
Inni biraa Gazexeessaan gidduu kana gara Dasseefi Kombolchaa deemee turee maqaan koo akka hin eeramne jedhe waan taajjabe Addis Maaladaaf qodeera. namootiin Finfinneetti loltuudhaaf meeshaalee tokko tokkoo fidanii dhufan haalli kennaa kana itti keenan naamusa kan hin qabnee ta’u kaasee Finfinnee kutaa magaalaa tokkoo dubartiin dhufte uffata fudhachuuf yammu namoota Harkkatti qabdu argee jedheera. Loltuu waanan uffadhu hin qabuu qorrii jira jedhuun diddee deebite fute deemtuus argeera jechuudhaan kan argee himeera.
Isa loltoota qoraan gubataniif dhufee fudhachuun hafee isa qaban illee keennu tuu nama qaba kan jedhee gaazexeessaan kun hedduwwan of jaallattota waan ta’aniif fucha argatan hundaan gola isaanii gutuu barbaadu. sirni darbees xin sammuu hattummaa guddaa dhisee darbuu isaa kaase.
Akkasuma namni jiraataa magaalaa Finfinnee ta’eef maqaan isaa akka hin waamamnee gaafate waan gaaf tokko argee Addis Maaladaaf yammu qooduu labsiin yeroo ariifachiisaa kun ba’ee gaaf tokko Poolisoonni naannoo saatii sadii namootii waraqaa eenyummeesaa hin qabnee dhaabsiisan daqiiqaawwan muraasa ergii dhaabaniin booda kan qabddan kennaatii gara mana keessaniitti galaa jedhaniin isaaniis waan kisii keessaa qaban kennanii yammu deeman argee jedheera.
Malaammaltummaan biyya gara boodatti deebisuutiin kan amma isaa ga’u hinjiru. Biyyaa ijaaruudhaaf fiis ta’e diiguudhaaf xiyyeeffannaan malaammaltummaa ira jiruu ol’aanaa ta’u biyyaalee garaa garaa irraa hubachuun ni danda’ama.
malaammaltummaan namootii tajaajila mootummaa irraa abdii kabachiisuun aarsuun waan hin barbaannef akka kaka ‘an isaan taasisuu danda’a. Wayee Yakkoota malaammaltummaa labsii lakkoofsa 881/2007 irra kan ta’e kana kan mirkaneessuudha. Hojjetaan dhaabbilee ummattummaa yookaan mootummaa kami iyu itti gaafatamaa isaatiin yookaan hojii isaatiin dhimma isaa dhiyaate irratti Sababii ga’a tokko malee yoo murteessuu baate yoo tursiisee abbaa dhimmaa yoo rakkisee yakka malaammaltummaa dhaan gaafatama. hidhaa amma waggaa shan ga’un adabamu danda’a seerri jedhu yoo jiraatee seera kana hubatee kan falmuu kutaan hawaasaa jiraachuu dhabuun isaa akkasuma qaamnnii ga’a seera kana raawwachiisuu dhibuun malaammaltummaan Itiyoophiyaatti dabalatee akka ta’u Sababii ta’u isaa amantee hedduwwaniitii.
አዲስ ማለዳ 2 Muddee 2014 No 25



