Muuxannoon oomisha biyya keessaatti fayyadamuu gabbachuu qaba

0
1203

Itoophiyaan oomisha gabaa biya alaatti dhiyeessitu irra kan gabaa biyya alaatii bitti akka caalu ni beekama. Kunis kan ta’e dhiyeessiin oomisha biyya keessaa fi fedhiin fayyadamtootaa wal simuu hafuu isaatiin haata’u malee; dabalataanis lammiiwwan muuxxannoon oomisha biyya isaaniitti fayyadamuun qaban gad-aanaa ta’uu irraa akka madde ni dubbatama.
Itoophiyaa keessatti tilmaamni gadi-bu’aan hawaasni oomisha biyya ofii isaatiif qabu biyyattii bakka shaqaxni biyya alaa itti urgufamu taasisuu isaa caalaatti dinagdeedhaan sadarkaa olaanaan hirkattuu biyyaa alaa akka taasise ni himama.

Oomishni biyyattiitti oomishamanu ulaagaa gabaa adunyaa kan guutanuu fi gatiin isaaniis madaalawaa ta’ee osoo jiruu; ilaalchi oomishichatti fayyadamuuf jiru gad-aanaa waan ta’eef yeroo hedduu oomishaalee biyya keessaatiif xiyyeeffannaan wayita kennamu hinmul’atu.

Kanaanis hawaasni oomisha biyya ofiitiif amantaan qabu gad-aanaa ta’uu isaa hordofee; oomisha biyya alaa qulqullinni isaa kan biyya keessaatii gadi ta’ee fi kan gatiin isaa kan biyya keessaa caalu; waanuma oomisha biyya alaa ta’eef qofa wayita bitatu mul’ata. Faallaa kanaatiin oomishni Itoophiyaa immoo biyyoota biraa keessatti maqaa haaraan kennameefii gatii qaala’aatti akka gurguramu dubbatama.

Kunis biyyattii keessatti industiriiwwan oomisha biyya keessaa akka hinguddanne; humni namaa qaroome akka hinjiraanne; carraan hojiis akka hinbabal’anne taasisuudhaan, waliigalaan biyyattiin waan hedduudhaan akka miidhamtu taasiseera namoonni jedhanu hedduu dha.

Biyyoonno Eshiyaa-bahaa kan akka Chaayinaa, Jaappaan, Taayilaandii fi kan biro dhiibbaa biyyoota biraa irra gahu qolachuu fi birmadummaa isaanii eegsisuuf furmaanni guddaan dinagdee ofii guddifachuu ta’uu hubachuudhaan oomisha ofii isaaniitti fayyadamuu jalqabuun isaanii humna fooyya’aa har’a irra gahaniif qooda olaanaa akka gumaacheef ni dubbatama.

“Asian Tigers” jedhamuun kan beekamaniif kutaadhuma Eshiyaa-bahaa kanatti kan argaman Singaapoor, Kooriyaa-kibbaa, Taayiwaanii fi Hoong-Koong icitiin guddina arifataa isaanii oomisha, tekinooloojii fi beekumsa biiya isaanii; akkasumas kan biraa bu’aawwan kanaan walqabatan guddisuuf kutannoo horatan ta’uutu amanama.

Akkasumas waraana adunyaa lammaffaa booda Awurooppaanota dunquqquu dinagdee itti seenan keessaa kan baase beekumsaa fi oomisha biyya keessaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuun hojjechuu isaanii akka ta’e dubbatama. Hubaatii olaanaan waraanichi isaan irraan gahe daandii dinagdeedhaan akka dursan isaan dandeessise akka hordofanuuf isaan dirqisiiseera.

Kunis wantoota barbaachisan hunda gargaarsaa fi bittaadhaan gara biyyaatti galchuu irra humna ofii daguuduudhaan humna biyya keessaatiin dachee ofii irratti oomishuudhaan itti fayyadamuu ture. Oomisha ofii gara biyyoota biraatti erguu fi dinagdeedhaanis furguggifamuu kan danda’an kanatti aanee akka ta’e himama.

Karaa biraatiin biyyoonni Afriikaa baay’een dinagdeen isaanii hanga har’aatti biyyoota guddatanitti kan hirkatee fi dhiibbaan siyaasaas kan itti baay’ateef dinagdeedhaan waan hinbiliisominiif akka ta’etti fudhatamuu ni danda’a.

Biyyoonni kun akka salphaatti meeshaa dheedhii fi humna namaa biyya keessaatiin oomisha oomishuu danda’an illee utuu hinhafin wayita biyyoota alaatii galchan mul’atu. Kunis tasgabbii dhabuu gabaa sababa hanqina sharafa biyya alaatiin uumamuun cinatti ce’umsa beekumsaa fi tekinooloojii biyya keessaa akka hinqabaanne taasisuun; gabaa idil-adunyaa keessaas gahee akka dhaban isaan taasisaa.

Biyyoonni kunneen haala kanaan yoo itti fufan; biliisummaa dinagdees hanga hinmirkaneefatinitti dhiibbaa siyaasaa keessaa bahuu akka hindandeenyeef raga dha.

Yeroo ammaatti oomisha biyya keessaatti fayyadamuun Itoophiyaadhaaf dhimma qananii ykn filannoo osoo hintaane; haala dirqisiisaa filannoo biraa hinqabne ta’uu isaa kan eeran ni jiru. Kunis biyyattii yakkoota ifaa fi ifaa hintaaneen shira dinagdee hojjechuun liqii fi gargaarsa akka hinarganne; akkasumas hojiiwwan walfakkaatanuun gaaga’ama dinagdee keessa akka seentu humnoonni taasisan waan jiranuuf; fedhii ofii dhiyeessii oomisha ofiitiin guutuu barbaachisa jedhama.

Gochaan kun gama tokkoon dhiibbaa dinagdee biyyattii mudatu kan laaffisu yoo ta’u; gama biraatiin immoo lammii fi induustirii oomishaa uumuudhaan gara guddina dinagdee fooyya’eetti akka qajeeltuuf ishee gargaara.

Itoophiyaan tibba kana gabaa ‘AGOA’ (African Growth and Opportunity Act) keessaa dhorkamuu isheetiin dhiibbaa dinagdee uumamu ittisuuf oomisha alaa galu hir’isuun oomisha biyya keessaatti bal’inaan fayyadamuun adeemsa sirrii ta’uu isaatu eerama.

Itoophiyaan gabaa adunyaa fi kan biyya keessaattis kan beekamtu oomisha dheedhiin (midhaan calla fi buna, fuduraa fi muduraa, gogaa fi kal’ee) haata’u malee oomishaaleen warshaa adda addaas jiraachuun isaanii ni beekama. Kana keessaa huccuu, kophee fi bu’aawwan gogaa isaan gurguddaa dha.

Kanaanis; keessumattuu oomishaalee gogaa gabaa alaatii galchuuf Itoophiyaan waggaatti doolaara biliyoonaan lakkaa’amu akka baastu ogeeyyiin damichaa ni dubbatu.

Hata’u malee baasii damee kanaan ba’u hambisuudhaaf yoo hojjetame humni namaa gahaanii fi meeshaaleen dheedhiin jiraachuu isaanii kanumaan walqabsiisuun eeru. Rakkinichi garuu oomishaalee gogaa biyya keessatti oomishamaniif caasaan gabaa jiru babbadaa ta’uu isaa; akkasumas muuxannoon lammileen oomisha biyya isaaniitti fayyadamuuf qaban gad-aanaa ta’uun isaa bu’aa argamu gadi-buusaa akka jiraatu dubbatu.

Sirni too’annaa waan hinjirreefis oomisha gogaa karaa seeraatiin gara biyyaatti galu irra kan karaa seeraan alaatiin seenuun biyya keessa guutu dachaadhaan waan caaluuf; oomishtoonni biyya keessaa gabaa keessaa akka bahan akka taasisuu fi dinagdeenis akka gaaga’amu gochaa taasisu ta’uutu dubbatama.

Kana hambisuuf karaa oomishtootaatiin iyyanni irra-deddeebiin dhiyaachaa yoo tures; mootummaan xiyyeeffannaa sirrii utuu itti hinkennin waan tureef rakkinichi utuu hinhiikamin turuu isaatu ibsama. Wayita ammaatti dinagdee gad-aanaa fi biyyoota alaatti hirkate biyyattiin qabattee jirtu sababeeffachuun dhiibbaa siyaasaa dabalaa dhufeen ykn kan biraatiin; darbee darbee dandeettii oomishuu fi aadaa itti itti fayyadama isaa guddisuu qabna wayita jedhamu ni hubatama.

Dhiyeenya kanas damee oomisha gogaa irratti shora muraasa ni gumaacha kan jedhame piroojeektiin biyyaalessaa ifoomee ture.

Piroojeektiin kun biyya keessas ta’ee damee oomisha gogaa oomishtoota biyya alaatiin qabamee qabame baraaruu fi sharafa biyya alaa olaanaa oomishicha alaa galchuuf dhangala’u salphisuuf ni gargaara kan jedhame piroojeektii kophee, borsaa fi saqqii barattootaa oomishuu dha.

Piroojeektichi waggaa tokkotti baasii sharafa biyya alaa doolaara miliyoona 70 ni baraara kan jedhame yoo ta’u, interpiraayizoota oomishtootaa xixiqqaa fi gad-aanaa damee kanatti bobba’an haaraa kuma 15 ni uuma abdiin jedhu itti kennameera. Carraan hojii olaanaan gama kanaan uumamu akkuma jirutti ta’ee; piroojeektichi yoo milkaa’e oomishaalee gabaa alaatti dhiyeessuudhaan damee kana irraa sharafa alaa maddisiisuun akka danda’amus ni dubbatama.

Instiitiyuutii misooma induustirii gogaatti dursaan garee koomunikeeshiinii fi sab-quunnamtii Biruk Xilaahun dhimmicha ilaalchisuun ibsa Addis Maaledaaf kennaniin; bu’aa oomisha gogaa guddisuuf kanaan dura qaamolee gogaa fi kal’ee dheedhii gara biyyoota alaatti ergan irratti akkuma gibirri dhibbeentaan 150n murtaa’ee ture; oomishaalee gogaa gara biyyaatti galan irrattis haala walfakkaatuun gibirri akka itti murtaa’u gaafataa jirra jedhaniiru.

Kunis kan ta’u oomishaaleen biyya keessatti oomishaman utuu jiranii oomishaaleen biyya alaatii galuun irra hinturre waan jiraniif ta’uu himaniiru.

Kan hordofnu gabaa biliisaa waan ta’eef baasii fi galii sirreessuuf kan gochuu dandeenyu taaksii dabaluu, akkasumas baay’inaa fi qulqullina oomisha keenyaa dabaluu dha kan jedhan dursaan garee kun; guutummaa guutuutti oomisha biyya keessaatti haafayyadamnu yoo jenne gahaa miti; kana guddisuuf immoo induustiriiwwan oomishaa xixiqqaa fi giddugaleessaa baay’isuu barbaachisa jedhan.

Piroojeektiin jalqabame kutannoodhaan yoo hojii irra oole gabaa bal’aan waan jiruuf (barattoota miliyoona 30tu jira); waggaatti barattoota qofaadhaaf kopheewwan cimdii miliyoona 60 fi borsaa miliyoona 30 oomishuun akka danda’amu eerameera.

Biyyattii keessatti bu’aawwan gogaa kan oomishan sadarkaa induustiriitti 22 yoo ta’an; oomishtoonni xixiqqaa fi giddugaleessi immoo 16. Kanaanis waliigalaan 38 yoo ta’anis guutummaan kan oomishan waan hintaaneef; humna isaanii guutuudhaan yoo oomishan illee waggaatti kophee cimdii miliyoona afur qofa akka oomishanu obbo Biruk ibsaniiru. Kanaanis qaawwaan gabaa bal’aan jiraachuu eeranii; oomishaalee alaa galan hir’isuudhaan oomisha biyya keessaatiif xiyyeeffannoo kennuudhaan induustiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaa haaraa gara hojiitti galchuuf instiitiyuutichi hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Yuunivarsiitii Salaaleetti barsiisaa fi qorataan dinagdee Addis Abebaaw; muuxannoon oomisha biyya keessaatti fayyadamuuf qabnu kan xiqqaateef ilaalcha dabaa biyyoonni guddatan adeemsaan nurratti ijaaraniin ta’uu ibsaniiru. Kanaanis oomishaalee induustiriiwwan oomisha isaanii gurguddaatti oomishaman biraandii fi beeksisatti fayyadamuudhaan keenya irra kan isaanii kan fooyya’e dha jennee akka amannu nu taasisaniiru jedhan.

Haala amma keessa jirruun humna oomisha gahaa oomishuu waan hinqabnee fi oomishaaleen keenya baay’eenis gatii fi qulqullinaan kan alaa galuu wajjin waan hindorgomneef oomisha hunda kan biyya keessaatiin bakka haabuusnu yoo jenne hindandeenyu kan jedhan qoratichi; hata’u malee karoora yeroo dheeraa taasisuudhaan yoo qabanne faayidaa hedduu irraa arganna jedhan.

Taaksiin ramadamus oomishaalee biyya keessaa fi kan alaa galan irratti garaagarummaa gatii olaanaa ta’e kan uumuu fi barbaachisummaa oomisha biyya keessaa kan dabalu ta’uu qaba jedhanii; kaan hordofnu gabaa biliisaa ti jechuun dhorkicha taaksii qofaan taasisuunis gahaa miti amantaa jedhu qabu.

Yaadni gabaa biliisaa sadarkaa yaad-rimeetti kan jiru malee biyyoonni guddatanii kana hordofanus oomisha baasanuu fi galcha irra daangaa ni kaa’u jedhaniiru. Kanaafis karaa salphaan taaksii dabaluu akkasumas oomishaalee alaa galan irratti kootaa kaa’uu yoo ta’es; hangaa fi muuxannoo itti fayyadama oomisha biyya keessaa guddisuun fooyya’insi akka dhufu beeksisan.

Oomisha biyya keessaatti fayyadamuun agarsiiftuu jaalala biyyaa ta’uu qaba jedhaniiru. Namoonni oomisha biyya isaaniitti fayyadamuudhaan carraan biyya isaanii itti fayyadan bal’aan akka jiru hubachiisuun barbaachisaa akka ta’e himan.

Hoji-dhabdummaa xiqqeessuu fi qabeenyaawwan hojii irra hinoolinitti fayyadamuuf oomisha biyya keessaatiin boonuu fi dursa kennuufiin filannoo sirrii akka ta’e hubachiisaniiru.
Xiyyeeffannaan mootummaan dhimma kanaaf kenne daraan gad-aanaa ta’uu isaa mul’isuufis; teessowwanii fi meeshaalee waajjiraa akka salphaatti biyya keessatti oomishamuu danda’an sharafa alaatiin wayita galan arguun sirrii miti jechuun dubbatan.

Namoonni bebbeekamoo fi qondaaltonni siyaasaas oomisha biyya isaaniitti wayita fayyadaman agarsiisuudhaan muuxannoo gad-aanaa oomisha biyya keessaatti fayyadamuu furuu qabu jedhaniiru.


አዲስ ማለዳ 23 Muddee 2014 No 28

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here