Saatelaayitoota Itoophiyaan gara samiitti ergite irraa odeeffannoowwan argaman faayidaa irra oolaa hinjiran jedhame.

0
737

Saatelaayitoota lamaan Itoophiyaan yeroo adda addaatti gara samiitti ergite irraa odeeffannoowwan argaman tajaajila irra oolaa akka hinjirre ibsame.

Itoophiyaan Muddee 10 bara 2012 saatelaayitii yeroo jalqabaaf gara samiitti ergite ‹‹ETRSS1››  fi isa hordofuun waggaa tokko booda kan samiitti ergite saatelaayitii lammaffaa ‹‹ET-Smart-RSS›› irraa odeeffannoo fuuchuun dhaabbanni faayidaa irra oolchu akka hinjirre Addis Maaledaan madden adda addaa irraa mirkaneeffatteetti.

instiitiyuutiin Ispees saayinsiin fi tekinooloojii Itoophiyaa Addis Maaledaatti akka ibsetti; odeeffannoo saatelaayitii irraa fudhatee xiinxaluun odeeffannoo yoo oomishes dhaabbanni odeeffannoo kaayyoo barbaadamuuf itti fayyadamu hinjiru.

Daarikteerri sab-quunnamtii fi koomunikeeshiinii instiitiyuutichaa Girmaa Dajanee; odeeffannoon saatelaayitoota irraa argamu hojiiwwan qonnaa fi raga qilleensaatiif akkasumas balaa tasaa ittisuuf akka tajaajilu ibsaniiru. Ta’us garuu dhabbileen kun odeeffannicha fudhachuun kaayyoo barbaadamuuf oolchuuf fedha akka hinqabne ibsaniiru.

“ministeera qonnaatti balbala rurrukunneetu maaloo odeeffannoo saatelaayitiitti fayyadamaa jenneetu kennina” kan jedhan daarikteerichi; instiitiyuutii meetiyorooloojii Itoophiyaa fi dhaabbilee biraas bifuma kanaan gaafachaa turre jedhaniiru.

“Instiitiyuutii meetiyoorooloojii Itoophiyaa waliin mallatteessinee jalqaba irratti odeeffannoo fudhachaa turan; booda garuu maaliif akka ta’e utuu hinbeekamin addaan kutan” jechuunis dubbataniiru.

Yeroo ammaatti wayita adda addaatti kan walitti qabame odeeffannoon teeraabaayitii hedduun jiraachuu isaa fi odeeffannichas dhaabbilee caalaatti qorattoonni akka itti fayyadamanu daarikteerichi eeraniiru.

“Dhaabbilee hedduun odeeffannoo kallattiidhaan saatelaayitii irraa argametti fayyadamuu irra odeeffannoo waraqaa irraa instiitiyuutii ji’oo-ispaashaalii fi odeeffannoo (dhaabbata hojiiwwan kaartaa duraanii) fudhachuu barbaadu; kanaanis yeroo ammaa dhaabbileen lamaan tokko akka ta’anuuf gurmaa’insa haaraadhaan mootummaan kan murteesse waan ta’eef rakkinichi ni furama amantaa jedhun qaba” jedhan.

Hoogganaan sab-quunnamtii Instiitiyuutii meetiwoorooloojii Itoophiyaa Ahimaddiin Abdulkaiim gama isaaniitiin; “saatelaayitoonni lamaan odeeffannoo meetiwoorooloojiif ta’u erguu waan hindandeenyeef; nuti odeeffannoo kan fudhannu saatelaayitoota Awurooppaa fi biyyoota guddatanii fi miseensa meetiwoorooloojii adunyaa ta’an irraa ti” jedhaniiru.

Ministeerri qonnaas akkasuma gara fuula duraattii odeeffannoo saatelaayitiitti fayyadamuuf tarsiimoon jiraachuu malee itti fayyadamee akka hinbeekne Addis Maaledaatti ibseera.

Ministeera Innooveeshiinii fi tekinooloojii keessaa hoogganaan hojii maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne tokko; dhaabbileen odeeffannoowwan saatelaayitiitti fayyadamuun irra jiraatu hojmaata aadaa kanaaan dura baratan keessaa bahuun akka isaan rakkisu ibsaniiru. Walqabsiisuunis saatelaayitiin isheen jalqabaa yeroon tajaajila ishee waggaa lamaa fi walakkaa irraa hanga waggaa sadii waan ta’eef kana booda tajaajila kennuu yoo dhaabde waan eegamuu dha jedhaniiru.

Saateaayitiin isheen lammaffaan dhaabbata Chaayinaa sadarkaa idil-adunyaa tokkoo wajjin tumsuun gara samiitti waan ergamteef humna ishee guutuudhaan tajaajila kennaa jirti jechuunis itti dabaluun dubbataniiru.

Addis Maaledaan keessumattuu saatelaayitiin isheen jalqabaa haala yeroo ammaa irra jirtuu fi Inxooxxootti kan argamu waa’ee buufata fudhannaa odeeffannoo kaasuudhaan Instiitiyuutii ispees saayinsii fi tekinooloojii Itoophiyaatiif gaaffii dhiyeessite bu’ureffachuun; hoogganaan sab-quunnamtii instiitiyuutichaa Girmaa Dajanee haala hanga ammaatti jiruun ‘odeeffannoo ergaa’ jiraachuu ishee fi kana booda kan ishee hafu ji’oota muraasa ta’uu beeksisaniiru.

Hanga ammaatti too’annoo jala taatee odeeffannoo ergaa akka jirtu eeranii; “wayita eleektiriikiin guyyoottaniif badu illee saatelaayitittiin toora ishee eeggachuun socho’uu ishee fi tajaajila kennaa jiraachuu ishee ejensii saayinsii ispeesii Chaayinaa waliin walitti dhiyeenya waan qabnuuf too’achuuf hinrakkannu” jedhaniiru.

“kan odeeffannoon itti fuudhamus yeroo hedduu tajaajila hinkennu eeruuwwan jedhan waan jiraniif; darbee darbee addaan ciccituun eleektiriikii ni mudata; kunis taatee biyyattiitti baratame waan ta’eef yeroo tokko tokko odeeffannoo utuu hinfudhatin nu jala darbuu danda’a; kanaan ala meeshaan odeeffannoo fuudhu sirriitti hojjeta” jechuun ibsaniiru.

Saatelaayitiin Itoophiyaa isheen jalqabaa baasii doolaara miliyoona saddeetiitiin waggoota lama dura gara hawaatti ergamuu ishee fi guddina Itoophiyaatiif shoora guddaa akka qabaattu himamuun isaa ni yaadatama.


አዲስ ማለዳ 14 Amajjii 2014 No 31

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here