ABO Shaneen naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti namoota nagaa sagal ajjeesuun isaa ibsame.

0
698

Namoonni 17 ol immoo butamaniiru.

Gareen hidhataa ABO Shanee naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Giddaa Kiiramuutti namoota nagaa sagal ajjeesuu isaa jiraattonni naannichaa dhimmicha dhiyeenyatti hordofaa turan Addis Maaledaatti ibsan.

Gareen hidhataan kun keessumattuu aanaa Haroo-Limmuu fi Giddaa Ayyaanaatti waggootaa ol jiraattota naannichaa irratti hubaatii enyummaa irratti bu’ureeffate qaqqabsiisaa jiraachuu isaa; qabeenya jiraattotaa saamuu fi gubuu isaa akkasumas gara bakkawwan nagaa qabanuutti bahuuf namoota yaalan butuu irratti akka argamu eeramaa turuun isaa ni yaadatama.

Jiraattonni irra-deddeebiin nuuf qaqqabaa jechuun yoo hiyyatanis hanga ammaatti furmaata akka hinargatinii fi hanga gabaasni kun qindaa’etti hubaatichi akka hindhaabbatin jiraattonni dubbataniiru.

Amajjii 8 fi 9 bara 2014 hidhattoonni ABO Shanee magaalaa Angar-Guttinii naannawaa mandara lakkoofsa afuriitti namoota boqqolloo araddaa irraa walitti qabataa turan nagaa sagal ajjeesuu isaanii madden Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Namni maqaan isaanii akka ibsamu hinbarbaanne tokko “namoonni sagal ajjeefamaniiru; reeffi namoota jahaa yoo argames kan namoota sadii eessa akka jiru hinbeekamu” jedhaniiru.

Reeffi namoota jahaanii bakka hubaatichi itti raawwatame daangaa mandara lakkoofsa afurii fi shanii irraa gaariitti fe’amee gara magaalaa Guuttinii akka adeemee fi achuma magaalaa Guttinitti masgiidaa fi bataskaana argamutti Amajjii 9 bara 2014 sirni awwaalcha isaanii raawwatamuu namichi itti dabaluun ibsaniiru.

Dubartiin kan biraa madda Addis Maaledaa “buqqaafameen bakka dhokataa tokkon jira; sirna awwaalchaa sana dhaqeen ture” jedhan; “namoonni baay’een ajjeefamaa jiru; qabeenyi saamamaa, mannis gubataa jira” jechuun waan argan dubbataniiru.

Tibba kana ABO Shaneen qaaxxee raawwateen namoonni sagal ajjeefamuun isaanii mirkanaa’eera kan jedhan dubartittiin; kanaan walqabatee “namoonni 17 ol du’uu fi jiraachuun isaanii hinbeekamin bakki gahan hinbeekamu” jedhaniiru.

Qaaxxee tibbana raawwatameen namoonni miidhaman baay’een isaanii boqqolloo walitti qabuuf kan bahan ta’uun ibsameera. Kana ilaalchisuunis jiraattuun naannichaa kan biraa “namoonni ani beeku hiryoonni koo Islaamonni saddeet butamaniiru” jechuun ibsanii; “namoota du’an keessaa tokko hojii guyyaatiin kan jiraatanuu fi abbaa ijoollee shaniiti” jechuun ibsaniiru.

Kanumaan walqabsiisuunis daandiin cufaa ta’uu, balaan abiddaa jiraachuu akkasumas nama ajjeesuun akka hindhaabbatin himaniiru. “qaaxxee fi hubaatiidhaan marfamnee akkam hataanu? mootummaan garuu dhimma Wallaggaa kan hinilaalle hanga yoomiitti?” jechuun gaafataniiru.

Namni kan biraa gara Addis Maaledaatti bilbiluudhaan yaada kennan gama isaaniitiin; hubaatichi itti fufee akka jiruu fi qaamni isaaniif qaqqabe akka hinjirre dubbataniiru. “mootummaan callisee nu ilaale; dhuguma Wallaggaa hinbulchuu? Nuti ilmaan mootummaa mitii? Namni kun hundi utuu dhumuu kan callifame maal balleessineetu? Enyutti haa hiyyannu? Jechuun gaafatan.

Ibsa  jiraattotaa irraa hubachuun kan danda’ame hubaatichi waan hindhaabbatiniif mootummaan yoo xiqqaate daandiiwwan cufaman bansiiseefii gara nagaan jirutti bahuu filannoo xumuraa ta’uufii akka danda’uu dhaa.


አዲስ ማለዳ 14 Amajjii 2014 No 31

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here