Awuraambaa Akka Fakkeenya Gaariitti

0
1115

Arraagaawu Alee jedhamu. Dhalatanii kan guddatan naannoo Amaaraa, godina Gondar-kibbaa, aanaa Foogaraa, ganda Wajjoo keessatti kan argamtu bakka Awuraambaa jedhamtee beekamtutti.

Arraagaawu tooftaa jireenyaa hawaasa Awuraambaa; keessumattuu waraana wayita ammaa biyya keenya keessa jiruun walqabsiisuun turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin nu taphachiisaniiru.

Arraagaawu hawaasa Awuraambaa irraa wanti hubatan tokko yoo jiraate; sadarkaa wal-loluutiin kan nama gahu yaadaan waliigaluu hafuu fi yaadaan gargar ta’uu hafuu isaa ti.

Akka ibsa Arraagaawu yoo ta’e; hawaasa walitti heddummatee waliin jiraatu dhiifnan; namni ofii isaa waliinuu yeroon gara falmiitti seenu akka jiru namni qalbii akeekkataa qabu utuu hinhubatin hinhafu jedhu. Falmii fi wal-dhabiinsi hawaasa biratti dhiifnaan; nama dhuunfaa tokkicha biratti illee kan hinhafne ta’uu cimsanii ibsu.

Gara wal-loluu fi waliigaluu dhabuutiin kan nu gahu yaadaan gargar ta’uu keenyaa fi fedhiin keenya dhuunfaadhaan ta’uu osoo hintaane; ‹‹kan kootu dursa; kan kootu caala›› jechuun of-jaalachuun booji’amnee kufuu keenya jechuun waan hubatan tarreessu.

Walqabsiisuunis; waan hundumaa fudhannee gara gaariitti yoo jijjiirre garaagarummaan yaadaa fi fedhii tokko nama taasisa malee kan wal lolchiisuu danda’u miti jedhu. Uumama namaa yoo keessa seennee ilaalle; lubbuu fi foonno isaa yeroo hunda faallaa walii ta’anii; garuu immoo kan wajjin jiraatanuu dha; Arraagaawu wayita fakkeenyaan deeggaranii ibsanitti.

Akka ibsa isaanii yoo ta’e; fedhiin foonii kanuma foonii ti; fedhiin lubbuus kan lubbuu ti. Hata’u malee garuu lamaanuu adda adda bahanii jiraachuu hindanda’an. Foonni yoo lubbuun adda irraa bahe reeffa taati. Lubbuunis foon jiidhaa keessa afuura ishee diriirfattee jiraatti. Kanaaf lamaanuu yoo adda adda bahan taatee du’a jedhamutu uumama.

Dhalli namaas akkasuma jedhu Arraagaawu. Dhalli namaa yaadaa fi fedhiidhaan yoo adda adda ta’es; wal danda’ee hinjiraatu taanaan wayita sanatti wal loluu; wal himachuu; wal arrabsuu; wal tuttuquu; kanarras darbee wal ajjeesuun heddummatee gaaga’ama hammaataa kan hordofsiisu hanga waraanaatiin wal gaha jedhu.

Kanaaf erga Awuraambaatti dhalatanii jalqabanii wanti hubatan hawaasa gidduutti wayita wal-dhabiinsi uumamu; mariidhaan hiikama malee rakkinichi ulfaatee gara jibbiinsaatti akka hinqajeellee dha.

Wal loluun kan jalqabamu wayita mariin kaayyoo isaa utuu galmaan hingahin hafuu dha. Mariin kan hinmilkoofne immoo badii ofii amanuu dhiisuuf tattaaffii hanquu taasifamuudhaani kan jedhan Arraagaawu; naannawaa guddatanitti miseensi hawaasaa jiru hundi wayita mariitti badii isaa fudhachuuf qophii akka ta’e dubbatan.

Kanaaf Itoophiyaa keessa taa’anii Itoophiyaanoti bakka biraa jiraatan Awuraambaa nagaa fi jaalalli; walii yaaduu fi wal gargaaruun keessatti babal’ate; wal tuttuquun si’a kanaa kan itti hince’in kana; kutaaleen hawaasaa biraa fakkeenya taasifachuu qabu jechuun aasaa Addis Maaledaa waliin taasisan irratti kaasaniiru.

Itoophiyaan heera mootummaa fi sadarkaa amantaattis waa’ee wal kabajuu; wa’ee wal jaalachuu; waa’ee tokkummaa; waa’ee wal gargaaruu; waa’ee rakkina mariidhaan hiikuu; waa’ee tokkummaa garaagarummaa keessa jiruu; sanyii; gosaa fi amantaadhaan olii fi gadi godhanii ilaaluu dhiisuu fi dhimmoota kana fakkaatan barsiifattootaa fi seerota ragga’aniin kan badhaatee dha.

Seerota heera Itoophiyaa keessa jiran keessaa illee fakkeenyaaf yoo eerre; keewwata 25 jalatti waa’een walqixxummaa fi garaagarummaan ilaalamuu dhabuu mirga namoomaa hinsarbamne jedhamanii kan tumaman keessaa isa tokko.

Mirgi lubbuun jiraachuu dhala namaa kan tumame sadarkaa adunyaatti akka ta’e ni himama. Kanaafis Waliigaltee Mirgoota Lammiiwwanii fi Siyaasa Adunyaa keewwata 4(2) jalatti mirgoota sarbamuu hindandeenye keessaa keewwata 6 jalatti kan ka’ame mirgi jiraachuu kan eeramuu dha.

Garuu; seeronni kun ni barreeffaman malee dhimmi hojii irra ooluu isaanii abjuu ta’ee waan hafe fakkaata. Seeronni barreeffaman yeroo kanatti kan hinkabajamne ta’anii mul’atu. Hawaasni Awuraambaa garuu seerota barreeffaman hojii irra oolchuu irra darbanii; seeraa fi danbii ofii isaanii raggaasisanii nageenya lallabuun jaalalaan kan jiraatan; Itoophiyaa keessa kan jiranii fi biyyoota adunyaa kan biraatiifis fakkeenya kan ta’anuu dha.

Kutaaleen hawaasaa hafan garuu gochaan akka kanaa jireenya isaanii irraa waan addaan baheef daandii gaaga’amaa keessa darbuuf kan dirqaman fakkaatu.

Kanaaf; biyyi keenya gama seerota tumamaniitiin hiyyeessa yoo hintaanes; seera tumame hojii irra oolchuudhaan garuu aadaan isaa gadi bu’aa dhufuu isaatiif; waggoota sadii as keessumattuu bara 2013 jalqabee yakkoonni raawwatamanii fi seeronni sarbaman agarsiistuu dha.

Egaa rakkoon akkasii wayita uumamu tokko tokkoon nama dhuunfaa maaliif kun ta’e? jedhee gaafachuu fi namoota biraa komachuu irra “an seericha nan kabajaa?” jechuun barsiifati of gaafachuu hir’ataa dhufuun; wayita ammaatti wanti hedduun kan jalaa gaaga’amaa jiru Itoophiyaadhaaf ka’umsa ijoo ta’uu isaa hayyoonni wayita dubbatan ni dhaga’ama.

Waraanaaf, lolaaf, waliigaluu dhabuuf, akkasumas waliin wal tuttuquun kan nu gahu nama caalaa maallaqa dursuu; faayidaa namoota biraa caalaatti faayidaa ofii caalchisuun gaggabuu ta’uu isaa namoonni hedduun irratti waliigalu. Kanaan dabalatattis seerota tumaman hojii oolchuu hafuun rakkoo isa biraa akka ta’e ciminaan dubbatama.

Seera barreessuu fi hojii irra oolchuun waan adda addaa ti kan jedhan hooggantuun sab-quunnamtii hawaasa Awuraambaa Innaaney Kibret; Itoophiyaa keessa jiraataa wal loluu fi himata akka balfaatti ciiga’uun yoo ulfaates ni danda’ama jedhan.

Hawaasni Awuraambaa waggoota 50 guutuu himata mana murtiitti isaan geese hinqaban kan jedhan hooggantuttiin; hawaasichi kan kana gochuu danda’e nama caalaatti maallaqa ykn aangoo waan hindursineef jechuun dubbatan.

Seerri biyya keessas ta’ee kan adunyaa namoonni waan gaarii akka hojjetan; nageenyi akka diriiruf waan baay’eetu odeeffama; garuu jechicha qabatamaadhaan jiraachuu malee waa’ee seerota nageenyaa beekuun qofti gatii hinqabu jedhu Innaaney.

Awuraambaan akkuma Itoophiyaanota bakka biraa jiraatanuu afaanota, ilaalchaa fi amantaa adda addaa kan qaban hawaasni garagaraa ganda keessa jiraatanuu dha. Hata’u malee; “garaagarummaan bareedina” akkuma jedhamu faalla’ummaan yaadaa yoo jiraates mariidhaan ni hiikama kan jedhu amantiin isaanii nageenya diriirsee akka jiraatan dandeessiseera.

Hawaasni Awuraambaa hojii kan dhiiraa ykn kn dubartii jechuun akka addaan hinqoodne wayita himamu dhagahuun baratamaa dhufuu isaatiin cinatti; ibsituu maqaa gaarii naannichaa ta’eera. Kana ilaalchisuunis hayyoonni damichaa bobba’an hojiin qoratan raga dha.

Har’aan kana wantoonni bifa isaanii jijjiirrataa dhufaniiru. Jaalalli namni namaaf qabu qabbanaa’aa jibbaan wayita babal’atu yeroo hubatamu irra jiraachuu keenya namoonni hedduun irratti waliigalu. Hawaasa duuchaan jibbuu irra darbinee sadarkaa dimshaashaan wal ajjeesuu irra erga geenyee bubbuleera.

Ogeeyyiin damee kanaa kan amma jiruu fi kan durii wayita waliin madaalan; “waraanni dur geggeeffamu namoonni nagaan akka hinmiidhamneef bakki itti wal lolan filatamee; kan booji’ame erga harka kennee booda moo’amtummaa isaa fudhatee kan moo’een kan itti qajeelfamu; firii isaa moo’uu fi moo’amuu kan taasifate ture” jechuun irra deddeebiin dhaga’amu.

Yeroo ammaatti wantoonni jiran faallaa ta’aniiru; waraanni namoota nagaatti kan qiyyaafate; enyummaa irratti xiyyeeffachuu isaatiif hawaasni naannawaa dirree waraanaa jiraatan dubbachaa jiraachuun hindagatamu.

Biyya rakkoo akkasii qabdu keessa taa’anii jibbaa fi wal ajjeesuu irraa fagaatanii; jaalala isaanii akka marga qarqara galaanaatti qananiisaa kan jiran lammiiwwan akka hawaasa Awuraambaa hindhabamne.

Hawaasa Awuraambaa keessatti waggoota 50 guutuu keessatti hawaasichi wal himatee yeroon mana murtiitti dhiyaate akka hinjirre jiraattonni naannichaa dhugaa bahu. Hawaasicha keessatti waggoota shantama ta’aniif himati mana murtiitti nama dhiyeessu uumamee hinbeeku kan jedhan hundeessaa hawaasichaa Zumraa Nuuruu ti.

Zumraan turtii Addis Maaledaa waliin taasisaniin akka ibsanitti yoo ta’e; waggoota 50 kana keessatti hawaasichi sababa walitti bu’uutiin wal himatee gara mana murtiitti qajeelee kan hinbeekneef dhimmi nama walitti buusuu fi wal himachiisu dhabamee osoo hintaane; garaagarummaa isaanii mariidhaan dhimma hiikkachuu jecha irra darbuun hojii irra waan oolchanuufi.

Kutaalee hawaasaa hedduu biratti kan mul’atu namni waa bal’eesse ykn kan nam biraatti darbe “eye bal’eesseera” jechuu irra ofii isaa ykn ofii ishee biliisa taasisuuf wayita tattaafatanii dha. Tokko tokko qaama sadaffaadhaan wayita itti himamu illee balleessaa isaanii amanuun fudhachuuf karra onnee isaanii dursanii wayita cufan ilaaluun hawaasa biratti akka aadaatti kan fudhatame fakkaata.

Kanaaf hawaasni Awuraambaa akka wal hinhimanne icitiin taasise maali? Gaaffii jedhuuf Zumraan wayita deebisan; namoota gidduutti wal-dhabiinsi wayita uumamu rakkoo akka isaan wal-dhabaniif uumame guddisanii ilaaluu irra; taa’anii maryachuun furmaanni waan argamuuf jedhu. Wal jaallatanii jiraachuu hawaasa Awuraambaatiif icitiin isaa guddaan kan jechuudhaan Zumraan dubbataniiru.

Itti dabaluunis; “wal loluun akkuma danda’amu wal loluu dhiisuunis ni danda’ama. Jaalalli, wal gargaaruun, tokkummaan bu’aa wal loluu dhiisuu ti. Wal ajjeesuun, wal tuttuquun, wal himachuun immoo bu’aa wal loluu ti. Kanaaf wal loluu dhiisuu irraa waan gaarii erga argannee; wal loluu irraa kan argannu immoo hammeenya erga ta’ee jibbiinsi maaliif waan gaarii nurraa fudhata?” jechuun ibsu.

“wal loluu irra yoo wal loluu dhiisne; wal loluus wal loluu dhiisuus gochuuf humna ni qabna; jaalala, yoo wal hinlolle maal taana?” kan jedhan Zumraan; yoo wal lolle immoo dhimma wal nu lolchiise jibbuu dha malee lammii keenya jibbinee ajjeesuun haa hafuutii wal himachuun ibsituu maraattummaa warra gowwaa fi dhibaahotaa ti waan ta’eef dhaabbachuu qaba jechuun balaaleffatu.

Akka ibsa Zumraa yoo ta’e; wal loluu kan qabnu lammii keenya waliin akka walitti buunuu fi akka wal himannuuf wantoota sababa nutty ta’an wajjin malee namoota waliin miti. Kunis waliif yaaduu; wal jaal’achuu fi waliigalanii jiraachuu namoota gidduutti gabbisa jechuun ibsan.

Kanaan dura yuunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa seeraa fi federaalizimii kan turan Sisaay Mangistee ji’a Waxabajjii bara 2006tti qu’annoon qu’atan; “sadarkaa waggoota 42 darban jechuun danda’amuun; namni miseensa hawaasni Awuraambaa ta’e nama biraa waliinan wall ole; daangaatu najalaa dhiibame; qabeenyatu na jalaa hatame ykn saamame; waliigalaan badii bulchiinsaatu narra gahe ykn haqatu najalaa dabe jechuun poolisiitti gabaaseemana murtiitti himata kan dhiyeessuu fi qaama sadaffaa biraatiin haqa argachuuf yeroo hojii isaa warqii ta’e sababni itti qisaasu tokko akka hinjiraanne taasisaa tureera” jechuun dhagahamaniiru.


አዲስ ማለዳ 14 Amajjii 2014 No 31

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here