Waraqqn enyummaa dijitaalaa kutaalee magaalaa shan keessatti kennamuu jalqabe.

0
1041

Baasiin maxxansaasn isaatiif bahe yeroof ifa hintaane.

Magaalattiitti raanbsaa waraqaa enyummaa seeraan alaa ni ittisa jedhamee kan itti amaname waraqaan enyummaa dijitaalaa; kutaalee magaalaa shanitti kennamuu jalqabuu isaa bulchiinsa magaalaa Finfinneetti ejensiin galmee taateewwan murteessaa fi odeeffannoo Addis Maaledaatti beeksise.

Kutaalee magaalaa Araadaa, Boolee, Yakkaa, Gullallee fi Addis Katamaatti raabsaa waraqaa enyummaa fi hojmaata seeraan-alaa ni fura jedhamee kan itti amaname maashiiniin waraqaa enyummaa dijitaalaa fi hojiin waraqaa enyummaa kennuu karaa dameewwan isaatiin guutummaadhaan jalqabamuu gorsaa olaanaan ejensii galmee taateewwan murteessaa fi odeeffannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee Malaak Mokonnin Addis Maaledaatti beeksisaniiru.

Waraqaan enyummaa dijitaalaa kun kutaalee magaalaatti maxxanfamee jiraattotaaf kennamuun isaa seeraan alummaa ittisuu isaatiin cinatti; maamiltoota si’aayinaan keessummeessuuf akka gargaaruu fi keessummessa jiraattota magaalattii wajjin walqabatee komeewwan irra-deddeebiin ka’an furuuf shoora olaanaa akka qabu eerameera.

Gorsaa olaan kun itti dabaluun; maashiiniin maxxansa waraqaa enyummaa dijitaalaa maallaqni olaanaan itti bahe yeroof hngam akka itti bahe ibsuun barbaachisaa akka hintaane fi ejensichi kutaalee magaalaa Finfinnee hunda qaqqabsiisuuf yaaduun; maashinoota maxxansaa 11 gadi hintaane turban tokko dura bittaa raawwachuun biyya alaatii gara Itoophiyaatti galchuu danda’eera jedhan.

Turban dhufu booda kutaalee magaalaa Qirqoos, Aqaaqii Qaallittii, Lammii Kuraa, Askoo fi kan biraatti maashiiniin maxxansa waraqaa enyummaa dijitaalaa raabsamuun; karaa kutaa magaalaatiin maxxansa waraqaa enyummaa raawwachuun jiraattotaaf tajaajila si’oomina qabu kennuun akka jalqabamu ibsameera.

Kana malees; hojmaata seeraan alaa too’achuuf piriinteroonni ammayyaa 250ni odeeffannoo raga taateewwan murteessaa maxxansan aanaalee magaalattiitti argaman 125f akka kennamanii fi hojmaata badaa ittisuun dabalatatti enyummaa qaama odeeffannicha maxxansuu ragaadhaan deeggaruun ni agarsiisa jedhameera.

Ejensichi dhaabbilee sadarkaa adunyaa irraa muuxannoo fudhachuun; chaappaawwan seeraan alummaa ittisan karaa dhaabbilee biyyoota alaatiin hojjechiisee; ministeera dhimma alaa, akkasumas sadarkaa adunyaatti fudhatama akka qabaatuuf odeeffannoowwan raga kutaalee magaalaa fi aanaalee irraa dhufaniif hojii istiikeroota sagantaa hojjechuu isaas Malaak eeraniiru.

Waraana Itoophiyaa kaabaa hordofee labsii yeroo muddamaa labsameen addaan cite kan ture tajaajilli waraqaa enyummaa jiraattotaa turban lama dura akka jalqabamee fi; kanaan walqabtee dhiphinni ‘neet woorkii’ fi rakkoon addaan ciccituu tokko tokko bakka mudatanitti tajaajila jiraattummaa qofatu kennamaa jira jedhameera.

Ejensichi; rakkoowwan eeraman kun hanga furamanutti hordoffii cimaa akka taasisuu fi jiraattonni magaalattii hojmaata seeraan alaa wayita argan qaamolee dhimmichi ilaaluu fi gahee qaban ykn humnoota nageenyaatti eeruu kennuun itti gaafatamummaa isaanii akka bahan gaafatameera.

Kanaan dura jechuunis yeroo waraqaan enyummaa dijitaalaan kennamuu jalqabee kaasee maxxansi waraqichaa karaa ejensichaa qofaadhaan akka raawwatamuu fi maamiltoonnis waraqicha argachuuf yoo xiqqaate guyyaa shanii ol akka itti fudhatu jiraattonni magaalattii irra-deddeebiin wayita kaasan ni dhaga’ama ture.

Ejensiin galmee taateewwan murteessaa fi odeeffannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee; torban lama dura addaan cite kan ture tajaajila waraqaa enyummaa bakka buusuu fi haaromsuu Gurraandhala 17 bara 2014 aanaalee hundatti jalqabsiisuu isaa ibseera.

Kanaan dabalatatti; addaan cite kan ture tajaajila waraqaa enyummaa haaraa aanaa gara aanaatti karaa waraqaa geggeessituun kennamu jalqabuun isaas ni yaadatama.

Waraaqaalee geggeessituu magaalota naannolee adda addaa irraa dhufan fuuchuun kan kennamu tajaajilli waraqaa enyummaa haaraa akka hinjalqabamnee fi tajaajilcha jalqabsiisuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 3 2014 No 38

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here