Itoophiyaan idaa boba’aa birrii biliyoona 100 fi biliyoona lamatu irra jira.
Qajeelfama sirreeffama gatii gurgurtaa bu’aawwan boba’aa fi raawwii tumsa yaadamee fi; hojmaata ijaarsa gatii bu’aawwan boba’aa fi daangaa bu’aa hojii irra oolchuuf boqonnaa qophii irra akka jiru abbaan taayitaa too’annoo dhiyeessii fi raabsaa boba’aa fi bu’aawwan boba’aa Addis Maaledaatti ibse.
Bittaa fi gurgurtaa boba’aatiin walqabatee irra-jireessaan qajeelfamoonni lama qophaa’anii Muddee 20 bara 2014 mana maree ministirootaatiin kan ragga’an yoo ta’u; qajeelfamoonni kun kan qophaa’an qorannoo waggaa tokko caalaa fixeen ta’uu isaa fi qorannichi kan qoratame ogeeyyii olaanoo waajjiraalee ministeerotaa adda addaa torba keessaa walitti baba’aniin ta’uu abbaa taayitichaatti hooggantuun kutaa koomunikeeshiinii Qumnagaree Iwunatuu himaniiru.
Qajleefamoota kana keessaa tokko waggoota 25f tajaajilaa kan ture qajeelfamni hojmaata ijaarsa gatii boba’aa fi daangaa bu’aa fooyya’ee dhiyaateera jedhan.
Kan biraa qajeelfamni sirreeffama gurgurtaa bu’aawwan boba’aa fi raawwiin tumsa yaadamee kan qophaa’es; gatiin boba’aa Itoophiyaa gatii boba’aa adunyaa hordofuudhaan yeroo yeroon sababa hinsirra’iniif gatii adunyaa, kan Afriikaa fi biyyoota ollaatii gadiin gurguramaa turuun isaa kan beekamu yoo ta’u; kunis qaala’insa jireenyaa hammeessuun hawaasa irratti dhiibbaa akka hinuumne yaadda’uun akka ta’e mul’isaniiru.
Gatiin boba’aan biyya keessatti ittiin gurguramu gad-aanaa ta’uun isaa hojmaata kontiroobaandiitiif karra kan bane yoo ta’u; daldalli boba’aa seeraan alaa fi qisaasamni boba’aa akka uumamuuf sababa ta’uu isaa eeraniiru.
Dabalataanis baachuu kan dandeessuun olitti dhiibbaa idaa keessa akka galtu kan taasisee fi gurgurtaa boba’aa irraa kan ka’e ji’a ji’aan idaa birrii biliyoona saddeetiitti akka galtuu fi hanga yoonaattis idaan birrii biliyoona 100 fi biliyoona lamaa akka irra jiru beeksisan.
Kanaafis qajeelfamni haaraan hojii irra ooluun isaa dhiibbaa idaa biyyattii hir’isuu fi maallaqa kisaaraadhaan qisaasa’aa jiru hojiiwwan misoomaa biraatiif akka oolu ni taasisa jedhaniiru.
Itti dabaluunis; mootummaan boba’aa gatii gadaanaadhaan gurguruun isaa kan fayyadaa jiru hawaasa hiyyeessa osoo hintaane kan humna dinagdee fooyya’e qaban akka ta’ee fi hawaasni hiyyeessi kallattiinis ta’ee al-kallattiin ammas gatii olaanaa kaffalaa akka jiru hubachuun akka danda’ame ibsaniiru.
Boba’aa irratti birriin tokko yoo dabalamu sababa gahaa malee meeshaalee biraa irratti hanga birrii 20 fi isaa ol qaamoleen dabalan; kana malees shirri dinagdee irratti hojjetamu qaala’insa jireenyaa hammeessaa akka jiru dubbatan.
Gatiin tokko tokkoon shaqaxaa dabaluun hariiroon boba’aa wajjin qabu; boba’aadhaan walqabatee ololli sobaan afarfamu hanga odeeffamu miti kan jedhan hooggantuttiin; yeroo ammaas utuu gatiin boba’aa hindabalin biyyattii keessatti qaala’insi gatii nam-tolcheen jiraachuu eeran.
Hojmaata qajeelfama kanaatiinis qaamolee tajaajila geejjibaa hawaasa hiyyeeyyiif kennaniif deeggarsi yaadame akka taasifamuu fi dabalati gatii geejjibaa akka hinjiraanne ni taasifama yaada jedhu kennaniiru.
Kanaan dura ittiin hojjetamaa kan ture sirni bulchiinsa fandii tasgabbeessa gatii boba’aa akka ture eeranii; sirni kunis mootummaan wayita gatiin boba’aa gabaa adunyaa irratti hir’atu fayyadamtootaaf gatii hir’isuu irra bu’aa argatu kaazinaa keessa kaa’uudhaan wayita gatiin boba’aa dabalu fayyadamtoota irratti gatii utuu hindabalin maallaqqa ol kaa’e fayyadamuun gatii tasgabbeessuuf hojjetaa turuu ibsan.
Yeroo dhiyoo as garuu gatiin boba’aa gabaa adunyaa irra jiru guyyaa guyyaan dabalaa jiraachuu fi yeroo ammaas jikiti boba’aa hincalalamin barmeelli tokko hanga doolaara 103tti haala gurguramaa jiruun gatiin boba’aa Itoophiyaa keessatti utuu hindabalin tureera jedhan.
Kana waan ta’eefis kaayyoon qajeelfamichaa inni ijoon deeggarsa gatii imaammataan hindeeggaramin hambisuudhaan gara sirna bulchiinsa fandii tasgabbeessa gatii boba’aatti akka deebi’u gochuuf yaadamee akka ta’ee fi hojii irra oolchuufis yeroo ammaatti qorannoon qajeelfama hojmaataa taasifamaa akka jiru beeksisaniiru.
Gama biraatiin sirna gabaa boba’aa buufataalee raabsaatii gadi jiranii abbaa taayitaa too’annaa fi dhiyeessaa boba’aa fi bu’aa boba’aatiin wixineen qajeelfamaa haaraan qophaa’uu isaa fi dhiyeenyatti ragga’ee hojii irra akka oolu ibsaniiru.
Qajeelfamni kun wayita hojii irra oolu keessumattuu bakkeewwan buufataaleen raabsaa boba’aa hinjirretti haala boba’aan itti qaqqabu; kenniinsa hayyamaa; ijaarsa gatii boba’aa; akkamiin akka geejjiban akkasumas akkamitti akka gurguran qajeelfama ibsu ta’uun himameera.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 3 2014 No 38



