– Waggaa tokkotti kuntaalli tokko birrii kuma afur dabaleera
Gatiin nyaata lukkuu dabalata olaanaa agarsiisuu isaa fi hanqinni galtee mudachuu hordofee horsiistonni lukkuu hojii dhaabaa jiraachuu waldaan horsiistota lukkuu fi qindeessitootaa Addis Maaledaatti beeksise.
Hanqinni galtee nyaata lukkuu mudachuu isaa caalaatti gatiin isaas waan qaala’eef bu’a-qabeessummaan hojichaa qabbanaa’aa dhufuu isaatiin horsiistonni hojicha addaan kutaa jiraachuu hoogganaan waldichaa Birhaanuu Miliyoon Addis Maaledaatti himaniiru.
Hanqinni galtee nyaataa fi gatiin dabaluun ni jira kan jedhan Birhaanuun; faagulloo kuntaala tokko ji’a sadii dura birrii kuma afuriin bitaa turan yeroo ammaatti birrii kuma shaniin bitaa jiraachuu ibsaniiru. Walqabsiisaniis gatiin nyaatichaa waggaa tokko keessatti dacha ol akka dabalee ibsanii; waggaa tokko dura nyaata lukkuu kiiloo 100 ykn kuntaala tokko birrii kuma tokkoo fi dhibba tokkoon bitaa akka turan yaadataniiru.
Addis Maaledaan gabaasa waggaa tokko dura dhimmicha irratti hojjetteen horsiistonni lukkuu boqqolloo kuntaala tokko birrii kuma tokkoo fi dhibba tokkoon bitaa akka turan gabaasuun ishee ni yaadatama.
Yeroo ammaatti gatiin nyaata lukkuu kuntaala tokkoo birrii kuma shan waan galeef waggaa tokko keessatti birrii kuma tokkoo fi dhibba tokko irraa birrii kuma shan; dabalata birrii kuma afurii galmeessiseera.
Boqqolloo fi aatoo boonsituun nyaata lukkuutiif galtee ijoo ta’uu kan eeran hoogganaan waldichaa; buphaa oomishuuf lukkuuwwan baay’inaan naachisuun dirqama ta’us gatiin dabaluun isaa hojichatti dhiibbaa uumuu isaa dubbataniiru.
Birhaanuun Addis Maaledaatti akka ibsanitti yoo ta’e; gatiin nyaataa dabaluu isaa hordofee namoonni hedduun hojicha keessaa bahaa jiru. Biraanuun horsiistonni luukkuu hojii keessaa bahaa jiru kan jedhan yoo ta’u; horsiistonni 15 – 20 hojii addaan kutuu isaanii eeraniiru.
Horsiistonni lukkuu hojii addaan kutuun kan bahan gatiin nyaatichaa dabaluu fi hanqina galtee dandamachuu waan dadhabaniif ta’uu kan ibsan hooggantichi; hojii addaan kutaniiru kan jedhaman horsiistonni 15 – 20 dhaabbilee gurguddaa qofa keessaa ti kan jedhan yoo ta’u; isaan xixiqqaa keessaa kan hojicha addaan kutan baay’een akka jiran dubbataniiru.
Gama biraatiin sooma guddaa torban lama dura jalqabame sababeeffachuun gatiin buphaa rakasuun isaa kan ibsame yoo ta’u; kunis baasii nyaaticha bituuf bahu waliin wal simuu akka hindandeenye ibsame. Kanaan walqabtees; gatiin buphaa wayita soomni hinjirre bakka oomishamutti birrii torbatti gurguramaa akka turee fi amma garuu gara birrii shanii fi saantima shantamaatti gadi bu’uu isaa Birhaanuun Addis Maaledaatti beeksisaniiru.
Bu’ura kanaan utuu soomni hinseenin dura gatiin buuphaa birrii torba ture kan jedhan Birhaanuun; kanaanis buuphaa tokko qofa irraa bu’aan birrii lamaa fi saantima shantamaa ni argama ture. Amma garuu buuphaan tokko birrii shanii fi saantima shantamatti gurguramee omaa bu’aa hinqabu jedhan.
Lukkuun tokko buuphaa buusuuf jalqaba ji’oota afurii fi walakkaaf erga nyaattee booda buuphaa buustuun baasicha deebisuun kan danda’amu yoo ta’u; kunis buuphaa tokko irraa yoo xiqqaate bu’aa birrii lamaa fi birrii sadii argachuu gaafata. Lukkuun tokko ji’oota afurii fi walakkaa keessatti kan nyaattu nyaata gatii birrii 400 ta’uu Birhaanuun ibsaniiru.
Rakkinicha furuuf qaamolee dhimmichi ilaalu wajjin hojjetaa jiraachuu kan eeran hooggantichi; mootummaan rakkinichaaf xiyyeeffannaa kennuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Biyya keenyatti sanyiiwwan lukkuu baay’inaan buuphaa buusan Waayit Koreniish (gosa Ingiiiz); Birhaa maan (gosa Hindii); Waayit leeg hoorn (gosa Xaaliyaanii); akkasumas Booven Biraawun (gosa Hoolaand) akka ta’an ni himama.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 10 2014 No 39



