Irra caalaatti kenniinsa hayyamaatiin kan walqabatan wixineen qajeelfama dhaabbilee sab-quunnamtii 10 qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa sab-quunnamtii Itoophiyaa Addis Maaledaatti ibse.
Daarikteerri itti aanaan abbaa taayitichaa Gizaw Tasfaayee; labsiin sab-quunnamtii bifa haaraan fooyya’ee ragga’uun gara hojiitti seenuu isaa hordofee; labsii kana hojii irra oolchuuf qajeelfamoota adda addaa qopheessuu labsichaan tumameera jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.
Kanaaf kana ka’umsa godhachuun qophiin qajeelfamoota adda addaa raawwatamaa akka jiru ibsan. Bu’ura labsichaatiin qajeelfamoonni hojmaatonni 40 gahan diriiruu akka qaban kaa’ameera kan jedhan daarikteerri itti aanaan kun; yeroo ammaatti qajeelfamoonni 10 sadarkaa wixineetti qophaa’uu isaanii beeksisaniiru.
Qajeelfamoonni garri caalaan kenniinsa hayyamaa wajjin kan walqabatan ta’uu eeranii; hojmaaticha ifaa fi itti gaafatamummaa kan qabu gama taasisuutiin kan bahanuu dha jedhaniiru.
Kanaanis qajeelfama hayyama sab-quunnamtii ummataa; qajeelfama hayyama sab-quunnamtii daldalaa; qajeelfama sab-quunnamtiin hawaasaa ittiin keessumma’an; qajeelfama sab-quunnamtiin marsariitii ittiin keessumma’an; qajeelfama kenniinsa hayyamaa sab-quunnamtiin amantaa ittiin keessummaa’anii fi kan biraa labsicha keessatti hammataman jiraachuu himaniiru.
Kaayyoo olaanaan qajeelfamoota kanaa gama labsicha raawwachiisuutiin hojmaanni ifaan kan diriiran ta’uu kan eeran daarikteerri itti aanaan kun; wixineewwan qajeelfamaa amma qophaa’an kurnaniin dabalatatti qajeelfamoonni biraas qophaa’uu akka danda’an ibsan.
Kanaan dura wayita labsiin tajaajila biroodkaastii turetti kenniinsa hayyamaatiin walqabatee qajeelfamoonni afur ta’an kan uummataa, kan daldalaa, kan hawaasaa fi sabiskiriipshiiniin (qabiyyeewwan alaa fuudhanii tamsaasuu) yoo turanis; labsichi fooyyofnaan baay’inni isaanii akka dabale dubbatan.
Sab-quunnamtiin amantii wayita dhufan hayyamni akkamitti kennama qajeelfamni jedhu ni barbaachisa. Kanaanis wixineewwan qajeelfamaa kurnan keessaa jaha hojmaata haaraadhaaf jedhamanii yeroo jalqabaatiif kan qophaa’an yoo ta’u; afur immoo fooyya’anii kan dhiyaatan ta’uu daarikteerri itti aanaan kun ibsaniiru.
Qajeelfamoonni ulaagaa qabiyyee sagantaa sab-quunnamtii, hojmaata, ulaagaa tekinooloojii (technology standard), akkasumas editooriyaalii wajjin kan walqabatanakka bahan labsicha irra kaahamuus eeraniiru.
Wixineewwan qajeelfamaa qophaa’an keessa “qajeelfama sab-quunnamtii maxxansaa yeroo yeroon bahu; qajeelfama sirna mirkaneessa hirmaannaa uummataa fi qaamolee qooda fudhattootaa dame sab-quunnamtii; qajeelfama tajaajila raadiyoo fi televizhiinii uummataa addaa” kan jedhan keessatti argamu.
Fakkeenyaafis “qajeelfamni tajaajila raadiyoo fi televizhiinii uummataa addaa” daangaa raawwii qajeelfamichaa; kaayyoo; gurmaa’insa, aangoo fi hojii boordii; sirna kenniinsa hayyamaa; mirgaa fi dirqama abbootii hayyamaa; tarkaanfiiwwan bulchiinsaa fi seeraa adda addaa kan of keessatti qabatee dha.
Wayita ammaatti wixineewwan labsii kana hawaasa wajjin irratti maryachuun gabbisuuf akka hojjetamuu fi; qaamolee adda addaa wajjin ta’uudhaan beeksisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru; akkasumas yaada kennamu itti dabaluun gabbisuuf yaalamaa jiraachuu daarikteerri itti aanaan kaasaniiru.
Ta’us adeemsi barbaachisu xumuramee qaama ilaallatuun ragga’anii qajeelfamoonni kun hojii irra akka oolanu taasisuuf hanga ji’a tokkoo turuu akka dand’u eeraniiru.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 10 2014 No 39



