Dhaabbanni dhiyeessaa galteewwan induustirii galteew-wan oomishaa biyyoota alaatii galan sababa hanqina shara-fa alaatiin dhiyeessuu hindan-deenye jechuun Addis Maale-daatti ibse.
Dhaabbatichi galteewwan ind-uustiriiwwan oomishtoota adda addaatiif ta’an dhiyeessaa akka ture ibsuun; yeroo ammaa garuu hanqina sharafa alaatiin kan ka’e galteewwan hedduu dhiyeessuu ergan dhiisee waggaa sadii ta’aa jira jedheera.
Keessumattuu huccuudhaaf jirbii damacame; erbee fi kirrii hodhaa kan dhiyeessu ta’uu kan ibse dhaabbatichi; yeroo ammaa hanqinni jirbii yoo jiraates sharaf-ni alaa waan hinjirreef dhiyees-suu akka hindandeenye beeksi-seera.
Akkasumas kan biraa biyya keessa kan hinjirree fi alaa galuu kan qaban galteewwan hedduun akka galan yoo barbaadames; hanqina sharafa alaatiin kan ka’e rakkinicha salphaatti furuun akka hindanda’amin dhaabbata dhi-yeessaa galteewwan induusti-riitti daarikteerri daayirektoreetii bittaa galteewwan induustirii Indashaaw Laggasaa Addis Maaledaatti himaniiru. Sibiilotaa fi qorkii fi xaasaaf galteewwan ta’an ni barbaadamu. Induustirii-wwan oomisha qonnaa qindees-sanis wantoota nyaata gabbisan ni barbaadu jechuudhaan daarik-teerichi dubbataniiru.
Dabalataanis; warshaaleen gogaas keemikaalota induustirii kan barbaadan yoo ta’u; induusti-riiwwan xixiqqaa fi giddugalees-saa kophee fi borsaa hodhanis galteewwan alaa galan (accesso-ries) ni barbaadu jedhan.
Daarikteerichi hanqina galteew-waniitiin kan ka’e induustiriiwwan hanga hojii dhaabuutti gahan ji-raachuu eeranii; kubbaaniyyoota alaa wajjin irra-deddeebiin wali-igalteen yoo taasifames hanqin-ni sharafaa waan hinfuramneef waliigaltichi ni haqama jedhaniiru. Kanaanis dhaabbata keenya gal-mee gurraacha (Black list) keessa galchaniiru; biyya keenyas isaan hinkaffalan jechuun baankota keenyallee amanuuf ni rakkatu jechuun ibsaniiru.
Fakkeenyaafis galtee nyaata qaama gabbisaniitiif waliigaltee raawwannee sababa hanqina sharafa alaatiin waliigaltichi haqa-meera kan jedhan daarikteerichi; kanaan kan ka’e tajaajilli keenya bu’ura karoora keenyaatiin adee-maa hinjiru jechuun dubbataniiru.
Induustiriin oomishaa kamiyyuu galtee ni barbaada kan jedhan daarikteerichi; ta’us warshaaleen galtee barbaadanii nu bira yoo dhufan hanga galtichi hindhufinit-ti isaaniin hingargaarru jechuun hubachiisaniiru. Harka keenya keessa gaaffiiwwan warshaalee hedduutu jira; nuyis sharafa alaa argataa waan hinjirreef wanti isaan gargaarru hinjiraatu jechuun ibsaniiru.
Dhaabbatichi oomishaalee akka bunaa fi saliixii gabaa alaat-ti erguudhaan sharafa argamuun galtee galchuuf socho’aa jiraa-chuu ibsanii; “jabaannee gab-aa alaatti erguudhaan sharafni alaa argamu yoo jiraate bu’uura imaammata mootummaatiin kan dursi kennamuuf adda baafnee kan deeggarru ta’a” jechuun ee-raniiru.
Warshaan hunduu hanqina galtee qaba kan jedhan daarik-teerichi; rakkinicha furuudhaaf falli isaa kan waliinii ti; kunis hum-na daldala alaa biyyattii guddisuu dha jechuun dubbataniiru.
Sharafni alaa akkamiin argama isa jedhu irratti hundaa’uudhaan hojjechuu akka barbaachisu kaasaniis; oomishaalee gabaa alaatiif ta’an oomishuu fi oomisha hunda alaa galchuu irra biyya keessatti bakka buusuuf hojj-echuun barbaachisaa dha; ka-naanis oomishaalee bakka buu-suun hindanda’amne qofa irratti xiyyeeffachuudhaan hojjechuun yoo danda’ame rakkinichi ni fur-ama jedhaniiru.
Induustiriiwwan hedduu biratti hanqinni ashaboo uumame gatiin boba’aa dabaluu isaatiin hanqi-na geejjibaa fi haala nageenyaa naannoo Affaar jiruun kan uuma-me ta’uu ibsanii; yeroo ammaatti waldaa oomishtoota ashaboo; akkasumas waajjira daldalaa fi induustirii naannoo Affaar wajjin ta’uun hanqinicha furuuf hojjetaa jirra jedhaniiru.
አዲስ ማለዳ Bitootessa 24 2014 No 41


