Dallaan Jogol balaan akka itti aggaamame biiroon aadaa, haftee fi tuurizimii naannoo Hararii ibse

0
467

Naannoo Harariitti kan arga-mu dallaan Jogolii fi naannawaa isaatti manneen hambaadhaan galmaa’an irra balaan aggaama-muu biiroon aadaa, haftee fi tu-urizimii naannoo Hararii Addis Maaledaatti beeksiseera.

Dhaabbata saayinsii, bar-nootaa fi aadaa adunyaa UNE-SCOtti hambaa adunyaa ta’uun kan galmaa’ee fi umurii waggaa 500 ol kan galmeessise gimbiin Jagolii fi manneen naannawaa isaatti argaman irra roobni yeroo gannaa fi wayita adda addaat-ti roobuun miidhaan irra ga-haa jira. Akkasumas namoonni naannwicha jiraatan yeroo yer-oon beekanii ykn utuu hinbeekin miidhaa irraan ga’anuun ham-baalee kanatti balaan aggaama-muu hoogganaan biiroo aadaa fi tuurizimii naannichaa Teweledaa Haaddush Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Hambaaleen kun karaa naannichaatiin waggaa wag-gaadhaan bajanni of danda’e ramadamee suphiinsi yoo taas-ifameefis rakkoo isaan mudatu irraa baraaruun akka hindan-da’amin Tawaladaan dubbatanii-ru. Itti dabaluunis waggaa darbe hambaan kun rakkoo keessa akka jiru yeroo jalqabaatiif moo- tummaa federaalaatti beeksi-suu isaanii fi deeggarsi akka taasifamuuf gaaffii dhiyeessuu isaanii ibsaniiru. Walqabsiisuu-nis hambichi akka suphamuuf jalqaba hojii qu’annoo hojjechuuf misooma manneenii naannichaa waliin cimdiidhaan hojichi jalqabamee kan ture yoo ta’u; hojichi guutummaadhaan xumuramuu waan hindanda’aminii fi yeroo sanatti sababa rakkoo nageen-yaa naannaawaa sana tureetiin hambaan kun utuu hinsuphamin hafeera jedhan.
Naannichi hanga danda’een hojii suphuu kana hojjetaa jira kan jedhan hooggantichi; hata’u malee balaa isa mudate irraa itti-suun akka hindanda’amne ibsa-niiru.

Biiroon aadaa, hambaa fi tuur-izimii naannoo Hararii bara kanas yeroo lammaffaadhaaf mootum-maa federaalaatiif gaaffii dhiy-eessuu isaa Tawaladaan yaa-dataniiru. Hata’u malee yeroo hanga ammaatti jiruun deebiin akka hinargaminii fi xiyyeeffan-naan kennamuuf gadaanaa ta’uu hooggantichi kan ibsan yoo ta’u; tmsi hambicha baraaruudhaaf taasifamu garuu ammas akka hindhaabbatin beeksisaniiru.

Addis Maaledaan waa’ee dhimmichaa kan gaafattee fi ma-qaan isaanii akka hinibsamne kan barbaadan ogeessi abbaa taayitaa eegumsaa hambaalee federaalaa keessa jiran tok- ko; gimbii Jogolii fi hambaalee naannawaa sana jiran irraat-ti balaan aggaamamuun akka hindhokfamne kaasaniiru. Wag-gaa darbe koree eegumsa ham-baalee adunyaa waliin ta’uun suphiinsa hambichaatiif kan oolu bajanni of danda’e ramadamee yoo tures; sababa rakkoo na-geenyaa naannoo sana tureeti-in hambicha suphuun hindan-da’amne jedhaniiru.

Kanaan dabalatatti bara ba-jataa 2013tti bajati suphiinsa hambichaatiif qabamee ture hojii biraatiif waan oolee fi bara ba-jataa kanatti gara ji’oota jalqa-baatti hojiitti gala jedhamee yoo tures; hanga ammaatti hojiin jalqabame omaa akka hinjirre ibsaniiru.

Abbaan taayitaa eegumsa hambaalee federaalaa yeroo ammaatti hambichaaf suphi-insa taasisuuf koree eegumsa hambaa adunyaa fi qaamolee dhimmicha keessaa qooda qa-ban wajjin maryachaa akka jiru eerameera.

Biiroon aadaa, hambaalee fi tuurizimii naannoo Hararii ham-baa magaalattii keessa jiru baraaruuf tattaaffii taasisuun ci-natti naannawaa magaalaa Ha-raritti kan argamuu fi hambaa maqaan ‘Awer Heelee’ jedhamu kennameef bakka ga’umsa tu-uristii taasisuuf hojjetamaa akka jiru hooggantichi himaniiru.


አዲስ ማለዳ Bitootessa 24 2014 No 41

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here