Bishaan bokkaa ijoo manaa irraa walitti qabuun lafa keessatti kuusuun tajaajiloota adda addaatiif takinooloojiin dandeessisu hojii irra ooluuf akka ta’e instiitiyuutiin takinooloojii bishaanii Itoophiyaa Addis Maaledaatti ibse.
Takinooloojichi (Roof rain water harvesting) keessumattuu hongeen kan ka’e bakkawwan gammoojii hanqina roobaa qaban Boorana, Gujii fi Somaaleetti faayidaa olaanaa akka qabuu fi tarii ganna dhufuu jalqabee bakkawwan kanatti hojii irra ooluu akka danda’u eerameera.
Instiitiyuutiin takinooloojii bishaanii Itoophiyaatti daarikteerri dhimmoota koomunikeeshiinii Waasihun Alamaayyoo; takinooloojichi salphaa fi itti fayyadamuuf kan nama hinrakkisne ta’uu ibsanii; lafa irratti boolli erga qotamee booda tuubboo ykn ashandaa bishaanicha ijoo manaa irraa gara boollaatti galchu mijeessuufii dha jedhaniiru.
Boollichis bilokeetii irraa ijaaramuun simmintoon kan dibamu yoo ta’u; bishaanichi urkaan akka hinfudhatamne; balfi ykn lubbu-qabeeyyiin akka itti hingalleef sharaa pilaastiikaa jabaadhaan akka golgamu ibsaniiru.
Bishaanicha akka salphaatti boolla keessaa baasanii fayyadamuuf paamponni ykn harkiftuun harkaa lama akka itti hidhaman daarikteerichi eeranii; bishaanichi dhugaatii, ashaakiltii boroo, jal’isii, beeladaa fi tajaajila biraatiif ni oola jedhan.
Garaagarummaa bishaan cimmisuu wajjin qabus kaasuun; bishaan cimmifame waan hinqadaadamneef busaa fi dhibeewwan bishaaniin dhufan biraatti nama saaxila. Urkaa’ee dhumuu danda’uu isaa caalaatti jal’isiin ala hintajaajilu. Tekinooloojii kanaan garuu bishaan urkaa’u hinjiru; bishaanichis faayidaalee hundaaf oola jechuun dubbatan.
Biyyoonni akka Hindii jiran takinooloojii kanatti dursanii waan fayyadamaniif midhaan nyaataatiin of danda’uu irraa jalqabee faayidaa olaanaa akka irraa argatan kan ibsan daarikteerichi; Itoophiyaattis qonnaan bulaan galiin isaa gad-aanaa ta’e hundi mana isaatti galfachuun itti fayyadamuu kan danda’uu dha jedhaniiru.
Milkaa’innii fi barbaachisummaan isaa baay’ee kan amanamee dha jechuun eeranii; “instiitiyuutichi amma kan hojjete sadarkaa samuudaatti; itti fufuun naannoleen hundi humna ofii isaaniitiin tekinooloojicha akka misoomsan deeggarsaa fi hordoffii taasisuufiidhaan akka itti fayyadaman taasifama” jedhan.
Tekinooloojichi bakkeewwan baadiyyaa jiran yaada keessa galuun haa hojjetamu malee; magaalaa keessattis sababni faayidaa irra hinoolleef hinjiru jedhan. Magaalaa keessatti hanqinni bishaanii akkuma jirutti ta’ee bishaan wallaanuuf maallaqa olaanaatu baha erga jedhanii booda; “konkolaataa dhiquu fi simmintoo bukeessuuf utuu hinhafin bishaan wallaanametu faayidaa irra oola; muuxannoo itti fayyadama bishaanii gad-aanaa qabnu irraa ka’uun” jedhaniiru.
Kanaan dura hanqinni bishaanii wayita uumamu qaamoleen bishaan cimmisanii gurguran akka jiran kan ka’e yoo ta’u; ammas takinooloojii kanatti fayyadamuudhaan bishaan argamu dhugaatii fi jallisiidhaan dabalatatti faayidaa baay’ee akka qabaatu ibsame.
Takinooloojii kana gabbisuuf naannoo birrii kuma 20 kan fixe yoo ta’u; bishaanichi ega walitti qabamee booda bishaanicha qorachuuf laaboraatooriiwwan baayooloojikaalaa; kan keemikaalaa fi fiizikaalaa akka qabu beekuun danda’ameera.
Takinooloojichi keessumattuu qonnaan bulaan waggaa guutuu bishaan akka argatuuf akka gargaaru kan ibsame yoo ta’u; aanaalee 100 naannolee hunda keessaa filatamanitti hojii irra oolchuuf maallaqni barbaadamaa akka jiru dhaga’ameera.
አዲስ ማለዳ Ebla 22 2014 No 46



