መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiFageenya qarqara qaamolee bishaanii murteessuuf wixineen labsii qophaa’aa jiraachuun ibsame

Fageenya qarqara qaamolee bishaanii murteessuuf wixineen labsii qophaa’aa jiraachuun ibsame

Fageenya qaamolee bishaanii fi lafa gogaa gidduu jiru murteessuuf; akkasumas daangaa fageenya murtaa’e gidduu jiru kabachiisuuf; nageenya qaamolee bishaanii eegsisuuf; qarqara qaamolee bishaanii (buffer zone) misoomsuu fi kunuunsuuf wixineen labsii dandeessisu qophaa’aa jiraachuu ministeerri bishaanii fi inarjii Addis Maaledaatti ibseera.

Ministeera bishaanii fi inarjiitti daarikteerri koomunikeeshiinii Tewoodiroos Margaa; qaamoleen bishaanii sababoota adda addaatiin balaaf waan saaxilamanuu fi kana hordofees balfaan waan guutamanuuf; hangi bishaan isaanii akka hir’atu; aramaan hinbarbaachifne akka itti biqilu; adeemsaanis goguu akka danda’an kaasanii; kana ittisuu fi too’achuuf wixineen labsii qophaa’uu Addis Maaledaatti himaniiru.

Wixineen labsii kun kanaan dura kan hinturree fi haaraa kan qophaa’e yoo ta’u; kanaan dura nageenya qaamolee bishaanii eeguu fi kunuunsuuf murteessaa fi barbaachisaa waan ta’eef hojiiwwan misooma yaa’aawwanii (eegumsa biyyoo fi bishaanii) hojjetaa turuu isaanii kan eeran daarikteerichi; ammas hojicha haala fooyya’een hojjechuuf labsiin qophaa’ee nageenya qaama bishaanii hunda eeguuf; hordofuu fi misoomsuuf akka yaadame ibsaniiru.

Akka fakkeenyaattis lageen magaalaa Finfinnee haala hammaataadhaan balfamuu isaanii kaasanii; kanaanis hawaasni yaa’a lageenii gara-gadiitti argaman lageen tajaajila adda addaatiif fayyadamuu akka hindandeenye eeran.

Bu’ura wixinee labsii qophii irra jiruutiin; qarqara qaamolee bishaanii fi lafa gogaa gidduutti hojiiwwan hayyamamanii fi dhorkaman; akkasumas enyuu fi akkamiin akka raawwataman tarreessuudhaan tumeera jedhame.

Hojiin eegumsa nageenya qaamolee bishaanii qaamolee bishaanii laga; haroo; hidha jechuun; lageenis yaa’a tokko; yaa’a lama; yaa’a sadii jechuudhaan qooduun hojii akka hojjetan daarikteerichi itti dabalaluun ibsaniiru. Kana waan ta’eef sochiiwwan qaamolee bishaanii kana irratti taasifaman nageenya qaamolee bishaanii akka hinmiineef too’annaa fi hordoffiin ni taasifama jedhaniiru.
Kanaafis nageenya qaamolee bishaanii waliigalaan eeguu fi faayidaa hawaasummaa fi dinagdee qaamoleen bishaanii argamsiisan ol-kaasuuf shoora olaanaa akka qabu eerameera.

Nageenya qaamolee bishaanii eegsisuu fi too’achuun dabalatatti; qaamolee bishaanii irraa faayidaa dinagdee fi hawaasummaa hanga danda’amu argachuuf hojiiwwan misoomaa ni hojjetamu jedhameera. Kanaanis hojiiwwan misoomaa bakkeewwan bashannanaa, humna maddisiisuu fi kan biraa hojjechuun wixinee labsii kana keessatti hammatamuun isaa eerameera.

Wixinee labsichaa irratti maryatamaa akka jiru kan ibsame yoo ta’u; yeroo dhiyootti qaama seeraa dhimmichi ilaalutti dhiyaachuun erga ragga’ee booda hojii irra ni oola jedhameera. Labsicha raawwachiisuufis danbii fi qajeelfamoonni akka qophaa’anu ibsameera.

Yeroo ammaatti qaamolee bishaanii Itoophiyaan qabdutti yaaddoon nageenyaa salphaa hintaane aggaamamee akka jiru eerameera. Haroowwan aramaa boceetiin qabaman dabalatee balfaan kan guutaman; aramaan kan itti marge; akkasumas dhangala’oon summaa’aa fi wantoota horma ta’an qabatan warshaalee fi magaalota keessaa gadhiifamanuun qaamoleen bishaanii faalaman jiraachuun ni himama.

Kunis misooma qabeenya qurxummii; tuurizimii; jal’isii; lubbu qabeeyyii qaamolee bishaanii keessa jiran; jijjiirama haala qilleensaa fi wantoota kanaan walqabatan biraa irratti dhiibbaan qabaatu hammaataa akka ta’e ni amanama


አዲስ ማለዳ Ebla 22 2014 No 46

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች