Naannoo Affaaritti tajaajilli baankii hawaasaatti qormaata ta’eera
Naannoo Amaaraa godinaalee sadiitti daa’imman kumni jahaa fi 305 maatii isaanii akka dhaban dhaabbanni Abbagaar uummataa too’annaa taasiseen mirkaneessuu isaa beeksise.dhaabbanni Abbaagaar Uummataa Itoophiyaa naannolee Amaaraa fi Affaaritti lammiiwwan sababa waraanaatiin buqqa’aniif kan taasifamu gargaarsi namoomaa, kenni tajaajila mootummaa bu’uraa fi sadarkaa hojiin deebisanii bayyanachiisuu irra jiru ilaalchisuun hordoffii taasise ifa taasiseera. Bu’uruma kanaan naannoo Amaaraa godina Walloo Kibbaatti daa’imman 700 maatii isaanii lamaan; 853 maatii tokko; 52 maatii irraa kan adda bahan yoo ta’u; godina Shawaa kaabaatti daa’imman 113; Gondar-kaabaatti kumni afurii fi 587 maatii isaanii dhabaniiru jedhameera.
Naannichatti wayita waraanichaatti gudeedamuu fi qaaxxeen koorniyaa kan irra gahe immoo Gondar-kaabaatti 56; Gondar-kibbaatti 89; Walloo-kaabaatti 548; Waaghimiraatti 111; Walloo-kibbaatti 342; Shawaa-kaabaatti 119; Hawaasa Oromootti 8; waliigalaan haadholiin, shamarran, dhiironnii fi maanguddoonni 1217 ol gudeedamuu fi qaaxxeen koorniyaa isaan irra gaheera jedhameera.
Du’aan kan maatii isaanii dhaban immoo Walloo kibbaa 548; Hawaasa Oromootii 297; Shawaa-kaabaatii 134 ta’uu gabaasni dhaabbata Abbagaar mul’iseera.
Wayita waraanichaatti namoota qaamni isaanii miidhame kan adda baase dhaabbatichi; Walloo kibbaatti daa’imman 213; Gondar kaabaatti 784; Hawaasa Oromootti 402; Walloo kaabaatti 75 miidhamtoota qaamaa ta’aniiru.
Dhaabbatichi gabaasa baaseen dhaabbilee fi qabeenyaa mootummaa, kan dhuunfaa fi uummataa irra; akkasumas qabeenyaa dhaabbilee amantaa irra badiin hammaataan karaa kallattii fi al-kallattiitiin irra gaheera jedheera. Miidhamichi dameewwan dinagdee, hawaasummaa kan namoomaa irra gahuun isaa eerameera.
Gama biraatiin; naannoo Afaaritti lammiiwwan kanaan dura sababa waraanaatiin buqqa’anii gara qe’ee isaaniitti deebi’an dhabiinsa misooma bu’uraalee fi tajaajilaatiin rakkataa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera. Dhaabbileen mootummaa fi dhaabbileen misoomaa mootummaa haala guutuu ta’ee fi sadarkaa guutuu dha jedhamuun tajaajila kennuu dadhabuun isaanii hawaasichi tajaajiloota fayyaa, barnoota, teelee, eleektiriikii, bishaanii fi baankii akka hinarganne taasiseera jedhameera.
Baankonni keessumattuu baankiin daldalaa Itoophiyaa sababa yaaddoo waraanaatiin godina afraffaa aanaalee hunda keessatti tajaajila baankii waan hinjalqabiniif uummannii fi dhaabbileen mootummaa gidiraa fi baasii olaanaaf saaxilamuu isaanii caalaatti; dameewwan magaalaa guddoo naannichaatti argaman irratti dhiibbaa olaanaa haalli itti uume jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.
Lammiiwwan buqqa’uun buufataalee yeroo keessatti argamaniif (dubartoota, daa’imman, miidhamtoota qaamaa fi maanguddoota) deeggarsi namoomaa fi meeshaalee taasifamuuf gahaa fi wal-gitaa ta’uu hafuu kan ibse dhaabbatichi; nyaati gabbistuun daa’immanii; haadholii harma hoosisanuuf aannan dhabamuun; dubartootaaf meeshaaleen qulqullinaa guutamuu hafuun; lammiiwwan miidhamtoota qaamaa fi maanguddootaaf gargaarsi bakka jiranutti gahuufii hafuu eereera.
Lammiiwwan buqqa’anii buufataalee qubannaatti argamanuuf; wallaanamtoota deddeebi’anuu fi kan dhaabbataadhaan qoricha fudhatanuuf dhiyeessiin isaa wayita ilaalamu muraasa ta’uu akka taajjabe kan beeksise dhaabbanni Abbagaar uummataa; sababa rakkoo dhiyeessii misooma bu’uraalee bishaanii, kan eleektiriikii, baankii fi teeleetiin qaala’insi gatii shaqaxootaa uumamuu isaatiin hawaasni naannichaa hammaachuu qaala’insa jireenyaatti saaxilamuun isaa eerameera.
Naannoo Affaaritti namoonni nagaan 653 du’uun isaanii akka mirkanaa’e dhaabbatichi beeksiseera. Dhaabbanni Abbaagaar Uuummataa qorannoo isaa kanaan namoota waraanichaan lubbuu isaanii dhabaniin dabalatatti namoonni kumni jahaa fi 609 miidhaan qamaa akka isaan irra ga’e mirkaneeffadheera jedheera.
አዲስ ማለዳ Ebla 15 2014 No 45


