Ji’oota sagalitti oomishni qurxummii tooniin kuma66 argamuun ibsame

0
1233

Bara bajataa kana ji’oota sagalitti oomishni qurxummii tooniin kuma 66 ol argachuun akka danda’ame ministeerri qonnaa beeksiseera.

Ministeera qonnaatti daarikteerri daayirektoreetii misooma qabeenya qurxummii Huseen Abagaaz Addis Maaledaatti akka ibsanitti; haroowwan keessaa oomisha qurxummii toonii kuma 34; hidhaawwan keessaa toonii kuma 20; akkasumas lageen keessaa naannoo toonii kuma 66argachuun danda’ameera.

Bara bajataa kanattiqurxummii toonii kuma sadii fi 500 Sudaaniif dhiyeessuuf karoorfamee tooniin kuma lamaa fi 900 ashaboon kan qophaa’ee fi tooniin kuma tokkoo fi 500 immoo gogaan qopha’ee ergameera jedhan. Kunis oomisha qurxummii olaanaa kan karaa seeraan alaatiin karaa Keeniyaatiin gara alaatti ergamu utuu hindabalatin akka ta’e eeran.

Dabalataanis; wucoon qurxummii tooniin kuma 600 fi kumni 22 qonnaan bultootaa fi haroowwaniif kan raabsame yoo ta’u; bishaan ciisaan qorxummiin itti hour kumni tokkoo fi dhibbi shanii ol qotamuu ibsaniiru.

Oomishni qurxummii haroowwan qeenxamaa fi haroowwan gurguddaa keessatti hir’ina malee dabalata agarsiisaa akka hinjirre ibsan. Kanaafis akka sababaatti kan eeramu hawaasni naannoo haroowwanii jiran haalli qurxummii ittiin kiyyeessanuu fi meeshaaleen ittiin fayyadaman boodatti hafaa fi seeraan ala ta’uu dha jechuun dubbatan.

Gama biraatiin garuu haroowwanii fi hidhaawwan biraa keessatti bal’inaan oomishamaa jira jedhaniiru. Fakkeenyaafis Gilgal Gibee tokkoffaa fi sadaffaatti; akkasumas lageen keessaa oomishni fooyya’e argamaa jiraachuu kaasaniiru.

Ta’us garuu oomishni qurxummii haala waliigalaatiin wayita ilaalamu; oomishichi akka biyyaatti xiqqaa dha jechuun ibsaniiru. Humna jiru hunda fayyadamuu utuu dandeenyee oomishni argamu toonii kuma 95 hincaalu ture; kun immoo uummata miliyoona 100 caaluuf wayita qoodamu akka biyyaatti dhiyeessiin oomisha qurxummii jiru daraan gad-aanaa fi fedhii uummataa kan hinguunne ta’uu isaa mul’isa jedhan.

Lafti biyyattii dhiyeessii bishaanii ni qaba; haalli qilleensaas mijataa dha; gabaanis ni jira. Bal’ina biyyattii keessaa dhibbeentaa 1.4 kan ta’u oomisha qurxummiitiif daraan mijataa yoo ta’u; kana keessaas dhibbeentaa 80 kan ta’u immoo mijaa’ummaa giddugaleessaa (moderate) kan qabu ta’uu himaniiru.

Oomisha gadaanaa kana guddisuuf carraa kanatti fayyadamuun furmaanni isaa humna ofiitiin oomishuu dha kan jedhan daarikteerichi; tattaaffiin kunis yeroo fi tekinooloojii gaafata jechuun itti dabalaniiru. Damee kanatti dureeyyonni dhuunfaas yoo hirmaatan hanga oomishichaa guddisuuf ni fayyada yaada jedhu itti ida’aniiru.

Yeroo baay’ee sanyiiwwan qurxummii biyya keessa hinjirre biyyoota alaatii akka galan kaasanii; oomishaaleen qurxummii biyya keessa jiranis bifa addaan cicciteen yoo ta’es akka galan ibsaniiru. Oomishni qurxummii ji’oota sagalii kan bara darbe yeroo walfakkaataa wajjin wayita wal biratti ilaalamu garaagarummaa baay’ee akka hinqabnes dubbataniiru. Kanaanis oomishni bara kanaa kan bara darbee toonii kuma jaha caalaa caalmaa hinagarsiisne jedhameera.


አዲስ ማለዳ Ebla 15 2014 No 45

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here