Bulchiinsa Masaraa Mootummaa Dbalatee Manneen hojii Meeshaalee Dhorkamuu qaban hindhorkine Bajanni isaanii ni Hir’ifama Jedhame

0
1061

Manneen hojii federaalaa meeshaalee dhorkuu qaban ji’a tokko keessatti yoo hindhorkine tarkaanfiin hanga bajata hir’isuutti gahu karaa ministeera maallaqaatiin fudhatamuu akka danda’u abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa beeksiseera.

Manneen hojii abbaa bajata federaalaa bara bajataa kana ji’oota saglan darbanitti dhorkamuun kan irra ture tajaajila kan hinkennine konkolaattota dhaabbatan 280 gadi hintaanee fi sibiilonni ciccitaan jiraachuu isaanii hojii dhaabbilee dhimmicha keessaa qooda qaban wajjin ta’uun hojii hojjetameen mirkaneessuun akka danda’ame hoogganaan sab-quunnamtii abbaa taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa Sexxeny Galaan Addis Maaledaatti himaniiru.

Fakkeenyaafis bulchiinsi daandii federaalaa waajjiraalee damee isaa naannolee uummattoota kibbaa fi Oromiyaatti argaman tokko tokkoon isaanii keessatti konkolaattota adda addaa sadii ol; bulchiinsi masaraa mootummaa konkolaattota adda addaa lamaa ol; yuunivarsiitiin Finfinnee konkolaattota sadii ol; yuunivarsiitii Arsiis akkasuma konkolaattota hindhorkamin sadii ol jiraachuu hooggantichi eeraniiru.

Hooggantichi ittuma dabaluudhaan abbaan taayitichaa manneen hojii federaalaa fi dhaabbilee barnoota olaanaatiif qabeenyaa dhorkuu qaban kanaanolitti akkuma ibsame Waxabajjii 30 bara 2014 ykn barri bajataa jalqabame utuu hinxumuramin akka dhorkanii fi qaamolee dhimmichi ilaalutti akka beeksisan ajeji kennameeraaf jedhaniiru. Dhaabbileen yeroo jedhame keessatti qabeenyaa kana hindhorkine bajata bara itti aanutti gadhiifamuuf irraa hir’isuu tarkaanfii dandeessisu fudhachuun dabalatatti ministeerri maallaqaa carraan hooggantoota dhaabbilee kanaa seeraan itti gaafatamaa taasisuu danda’u ni jira jedhaniiru.

Bara bajataa baranaatti ji’oota sagal darbanitti abbaan taayitichaa ogeeyyii instiitiyuutii misooma induustirii sibiilotaa wajjin ta’uudhaan dhaabbilee mootummaa magaalaa Finfinneetti argaman keessaa konkolaattota 659; magaalaa Gincii keessaa konkolaattota 26; magaalaa Caancootii konkolaattota 20 fi Holotaa konkolaattota 17; waliigalaan konkolaattota 722 keessaa konkolaattonni 176 caalbaasii fi 546 bifa ‘iskiraappiitiin’ kaafamanii dhorkamuu akka danda’an mirkaneessuun qaamolee dhimmichi ilaalutti beeksisuun dhorkuun danda’ameera jedhan.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa abbaa taayitaa hayyamaa fi too’annaa konkolaachistotaa fi konkolaattotaa Finfinnee wajjin ta’uudhaan kan hojjetaa jiru yoo ta’u; gama abbaa taayitichaatiin hojiiwwan odeeffannoo qulqulleessuu itti fufu jedhameera.

Hooggantichi itti dabaluunis yeroo itti aanutti konkolaattotaan gamatti konkolaattota bifa ‘iskiraappiitiin’ dhorkamuun irra tureen dabalatatti; maashinoota; meeshaalee waraanaa fi sibiilota ciccitaa caalbaasiidhaan induustiriiwwan sibiilota baqsanitti caalbaasiidhaan dabarsuuf tattaaffii gochuu qabu jedhaniiru.

Manneen hojii daangaan maallaqaa utuu isaan hindaangessin wayita qabeenyaa dhorkan adeemsa gurgurtichaa ilaalchisee manneen hojii ajajicha raawwachuun waan irra ga’an abbaa taayitichaatiif gabaasa akka taasisan gaafatameera.

Odeeffannoo gatii gabaa karaa ilaaluunis gaaffiiwwan dhiyaatan hubachuu fi qaawwaa jiru addaan baasuudhaan gaafa caalbaasiin banamu ka’umsa gatii jiru ejensii istaatistiiksii giddugaleessaa irraa akka gaafatanuu fi odeeffannicha argachuu yoo dadhaban akkasuma gaafa caalbaasiin banamu odeeffannoo gatii gatii dhiyoo ta’e akka ka’umsaatti akka fudhatanu abbaan taayitichaa eereera.

Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenyaa mootummaa gama biraatiin qaamolee dhimmicha keessaa qooda qaban wajjin qindoominaan hojjechuu kan itti danda’u adeemsa sirna dhorkaa keemikaalotaa fi eleektirooniiksii yeroo tajaajila isaanii xumuranii diriirsuu hanga xumurutti manneen hojii mootummaa keemikaalotaa fi meeshaalee eleektirooniiksii faayidaan ala ta’an of-eeggannoo fi eegumsa akka taasisanuuf gochuudhaan gamatti qajeelfamni fooyya’insa hojmaataa akka isaan qaqqabu taasifameera jedhameera.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 6 2014 No 48

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here