መነሻ ገጽAfaan OromooHaala YerooButii fi Gidiraan Hanga Yoomiitti?

Butii fi Gidiraan Hanga Yoomiitti?

Maqaan isaa akka eeramu hinhayyamne; seenaa isaa garuu nutty hime. Mana maree bakka bu’oota uummataatiin gooltummaan kan itti murtaa’e gareen ABO-Shanee buttaa yeroo adda addaatti taasisu ilaalchisuudhaan waan maatii isaa irra gahe nutty hime. Seenaan isaa akkasi:-

Abbaan nama seenaa kana nutty himee naannichatti hayyoota ni jiru jedhaman keessaa adda duree turan. Wayita haqni dabu kan falman; malaammaltootaa fi burjaajessituuf kan hinmijanne; hiyyeessi wayita miidhamu miidhamni isaa akka waan isaan irra gaheetti kan fudhatan; “rakkoon nama biraas kan kiyya; rakkoon kun bor sababni nurra hingeenyeef hinjiru” kan jedhanuu dha. Namni miidhame xiyyeeffannaa akka argatuuf kan tattaafatan turan.

Maatiin isaa hundi kan jiraatu oomisha saliixii, boqqolloo fi aatoo boonsituu abbaan dargaggeessa kanaa oomishanii galchanuun. Ijoolleen isaanii kan barnoota hordofan; miseensonni maatichaa hundi ayyaanota gammachuudhaan kan dabarsan yaadaa fi dhiphina isaanii hunda abbaa warraa kana irratti gataniitu.

Egaa gaaf tokko naannoo isaaniitti jeequmsi hinyaadamin uumame. Hidhattoonni ABO-Shanee jiraattota naannichaa miidhuu fi qabeenyaa isaanii saamuu jalqaban.

Kana hordofees jiraattonni lubbuu isaanii baraaruuf haadholiin daa’imman baatanii; dargaggoonnii fi abbootiin dura bu’uudhaan daandii wayyu irra qajeelchuun gara naannoo nagaan jiruutti yaa’uu itti fufan.

Jiraattonni naannichaa qabeenya jireenyaa isaanii guutuu horatan dhiisanii wayita baqataa turanitti hedduun isaanii konkolaataa imalan waliin butamaa turan. Kun utuu kanaan jiruu abbaan nama seenaa kana nutty himees carraan butamuu kun isaan mudateera.

Hidhattoonni kun abbaa isaa butanii wayita fudhatan kan arge dargaggeessi kun maaliif jechuun yoo falmes; “gaaffiidhaaf barbaanne” deebii jedhutu kennameef. Jecha gowwomsaa kana malee deebiin biraa buttoota irraa utuu hinargamin hafe.

Butamuun abbaa isaa nagaa isa dhorke; kanaafis buttootaa wajjin wal falmuu jalqabe. “Abbaan kee akka hiikaman yoo barbaadde birrii fidi” kan jedhu ajaja akka salphaatti buttoonni kennan ture. Maatiin isaanii hubaatii tasa uumame kanaan qe’ee fi qabeenya isaanii dhiisanii bahaniiru. Birrii borsaa isanii keessa ture karaa irratti saamamanii hidhattoonni kun wayita isaan ajjeesuuf ka’anitti haadholiin jilbeenffatanii boo’aa kadhachuu isaaniitiin darbuu danda’aniiru.

Abbaan seenaa kanaa waan ta’ee fi kan keessa darbe Addis Maaledaatti himuu itti fufeera. Abbaa isaa hiiksisuuf michuuwwan abbaa isaa irraa maallaqa liqeeffachuuf murteesse. Fidi kan jedhame birrii kuma 300 fi kuma 10 ture. Ilmi namicha butaman kanaa hiryootaa fi maatii irraa barbaadee birrii fidi ittiin jedhan qabatee dhiyaate.

Abbaan isaa waan jalaa hidhameef filannoo biraa dhabeetu malee isa irraas kan hindeebine ta’uu isaanii beekaa akka ture ni yaadata. Dargaggeessi kun rakkoon abbaa isaa mudate akka waan isa irra ga’eetti itti dhaga’amaa fi onnee itti horaa hidhattootatti dhiyaatee laphee guutuudhaan aasofsiise. Birricha fideera garuu wayita abbaa koo hiiktanin kenna ittiin jedhe.

“Abbaan kee ni hiikama; birricha fidi; nuti kan barbaannu birrii dha; kan hiikamu garuu bori” kan jedhu ture deebiin buttootaa. Filannoo biraa kan hinargatin ilmi namicha butamee kun birricha kennee hiikamuu abbaa isaa abdiidhaan eeguu jalqabe.

Kan ta’e garuu akka inni eege hinturre. Hidhattoonni sun birricha erga fudhatanii booda abbaa isaa akka ajjeesan imimmaaniin hudhamaa dubbata. Imimmaan isaa qabachuuf yaalaas “maal gatii qaba; miidiyaan dhaga’us dhaga’uu baatus jijjiirama maaliitu dhufa? Kanaan dura akka gabaasanuuf himeen ture; garuu qilleensa irra hinoolle” jechuun itti dabale.

Itti fufees yeroo ammaatti maatiin isaa buqqa’anii akka jiran eeruun; maallaqa abbaa isaa hiiksisuuf liqeeffate kaffaluu akka hindanda’in kaaseera. Dabalataanis midhaan oyiruu isaanii irra ture; qabeenyaa mana isaanii keessa ture konkolaataatti fe’amee akka fudhatamee fi oyiruu isaanii qotuufis amma yeroon akka itti darbe dubbateera.

Yaaddoo

Waggoottanii as naannolee Itoophiyaa garaagaraa keessatti haala enyummaa bu’ureffateen namoonni qe’ee itti dhalatanii guddatan; kan itti fuudhanii heeruman gadhiisanii bahuuf dirqamaa jiru. Sanaa olitti immoo wayita baqatan adamfamanii butamuun ajjeefamaa jiraachuu dubbatu.

Namoonni taatee kana qooddatan akka jedhanutti yoo ta’e; gochaan namoota nagaa irratti raawwatamaa jiru mana isaanii gadhiisanii akka bahan gochuu qofa osoo hintaane; butuu; erga butanii booda birrii kaffalchiisuu; yeroo tokko tokkos erga kaffalchiisanii booda akka ajjeesanuu dha.

- ይከተሉን -Social Media

Gochaan seeraan alaa kana fakkaatu caalaatti kan mul’ataa jiru keessumattuu naannoo Oromiyaa aanaalee naannoo Wallaggaa jiran keessatti. Addis Maaledaan yeroo adda addaatti qaaxxee ABO-Shaneen qaqqabsiisu ilaalchisuun kan gabaaste yoo ta’u; kanaanis keessumattuu aanaalee Giddaa Ayyaanaa fi Liimmuutti jiraattonni mana isaanii gadhiisuun gara magaalaa Guttinitti akka godaananii fi namoonni baay’een butamuun akka ajjeefamanuu dha beekuun kan danda’ame.

lammiiwwan du’a irraa hafan kumni 40 ol gara magaalaa Angar-Guttinitti godaananii kan turan yoo ta’u; tibba kana hojiin gara mana isaaniitti deebisuu yoo jalqabanis deeggartoota Badhaadhinaa ti jedhamuun butamanii birrii kaffaluuf dirqamaa jiru jedhameera.

Hanga yoonaatti buqqaatonni deebi’uu jalqaban kan aanaa Giddaa Ayyaanaa ti kan jedhan buqqa’aan maqaan isaanii akka hineeramne barbaadan “hanga yoonaatti kan gidiraan irratti raawwatamaa ture dhalattoota Amaaraa ti. Amma garuu dhalattoonni Oromiyaas rakkataa jiru” jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.

Itti aansuunis tibbana namoonni godaansa irraa deebi’an 17 deeggartoota Badhaadhinaa ti jedhamuun Shaneedhaan akka butaman odeeffannoon qaba jechuun eeranii; butamtoonnis bahuudhaaf hanga birrii kuma 300 fi kuma 400 kaffalaa jedhamaa jiru jedhan. Jiraattonni akka jedhanutti namoota butuu fi birrii kaffalchiisuun waggoottaniin dura jalqabame.

Aanaa Limmuutii kan godaanan namni biraa “utuu qabeenyaa isaa baafatuu ABO-Shaneedhaan kan qabamee fi qabeenyaa isaa hunda saamamee mana hidhaa galuun waggoota kan lakkoofsisee fi nama hanga ammaatti hinhiikamin nan beeka” jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Maddi Addis Maaledaa akka jedhanutti yoo ta’e butamaa kana dhimmi kanaan ga’e qabeenyaa isaa qabatee gara nagaan jirutti adeemuu isaa yoo ta’u; qabeenyaan birrii kuma 600 baasu fe’atee ture dhaalamee innis hidhameera.

Haati manaa isaa hiiksisuuf yoo deemanis birrii kuma 400 kaffalaa jedhamanii kaffaluu waan dadhabaniif hanga ammaatti akkuma butametti jira jedhan. Maddi Addis Maaledaa akka ibsanitti; hanga yoonaatti hubaatii enyummaa bu’ura taasifateen namoonni baay’een butamanii kan ajjeefaman yoo ta’u; namoonni godaansa irraa deebi’aniiru jedhamanis taatee wal fakkaatu keessummeessaa jiraachuu hordofee ammas godaanuuf dirqamuu isaanii ibsaniiru.

Itti dabaluunis aanaa Giddaa Ayyaanaa mandaralakkoofsa afurii fi shan keessa kan turanii fi namoonni buqqa’anii turan tibba kana kan deebi’an yoo ta’es; qaaxxeen duraan ture waan hindhaabbatiniif ammas irra-deebiin buqqa’aa jiru jedhan.

- ይከተሉን -Social Media

Jiraataan aanaa Limmuu kan biraa mandara lakkoofsa torba qofa keessaa namoonni torba butamanii akka turanii fi walakkaan isaanii erga birrii kaffalanii booda akka ajjeefaman; kaan immoo birrii akka hinkaffalinii fi teessoon isaanii akka hinbeekamne ibsaniiru.

Dabalataanis “birrii kaffaltus kaffaluu baattus butamnaan filannoon kee du’uu dha. Butamanii carraa gadhiifamuu kan argatan muraasa” jedhan.

Seeraan wayita ilaalamu

Itoophiyaa keessatti seeronni tumaman hedduun akka jiran amanama. Namni kamiyyuu yakka hojjetee seeraan adabamuu isaa dura sammuu isaa gaarii fi badaa adda baasutti fayyadamee carraa yakka irraa biliisa ta’uu yoo qabaates; qaama kana raawwateef immoo seeraan akka adabamu seeronni tartiibaan tumaman ni jiru.

Namoonni baay’een akka jedhanutti fi bakkeewwan adda addaatti akka mul’atutti yoo ta’e garuu keessattuu waggoottanii as lammiiwwan qaamolee seera cabsanuu fi seeraan ol ta’aniin gaaga’amni irra-deddeebiin akka isaan irra ga’u dubbatu.

Hayyoonni dame kanaas dhimmicha ilaalchisuudhaan wayita ibsa kennan; nama nagaan taa’e osoo hintaane namni yakka raawwateyyuu kan seerri jedhuun gaafatamaa ta’a malee butanii ajjeesuu fi birrii kaffalchiisuun gochaa seeraan-alaa ta’uu isaa hubachiisu.

Faayidaa dhuunfaatiif; faayidaa siyaasaatiif; akkasumas kaayyoo abbootii taayitaa fi kan kana fakkaatanu milkeessuuf nama dabarsanii kennuun seera-cabsuu dha kan jedhan Addis Maaledaa wajjin turtii kan taasisan ogeessa seeraa Kaappitaal Kibiree ti.

Namni kamiyyuu mirga biliisaan socho’uu fi jiraachuu akka qabu heera mootummaa Itoophiyaatiin; adabbii namoota mirga socho’uu fi lubbuun jiraachuu sarbanii ilalchisuun immoo seera yakkaa Itoophiyaatiin tarreetti taa’eera jedhan ogeessi seerichaa.

- ይከተሉን -Social Media

Nama butuu ilaalchisee bu’uura seera yakkaa Itoophiyaatiin adabbii ofii isaa qaba kan jedhan Kaappitaal; nama tokko doorsisaan, gowwomsuun ykn karaa walfakkaatu kan biraatiin qaamni bute hidhaa cimaa waggaa torbaatiin akka adabamu seerri adaba yakkaa Itoophiyaa keewwata 594 jalatti kaa’eera jedhan.

Butichi dubartii irratti kan raawwatame yoo ta’e immoo adabbichi akka dabaluu fi hidhaa waggaa sadii hanga kudhaniitiin akka adbsiisu seera yakkaa keewwata 6/87n tumameera jechuun itti dabalan.

Marii Biyyaalessaa – Furmaata Argachuuf

Itoophiyaa keessatti bakka adda addaatti nageenyi boora’uu hordofee qaamoleen adda addaa karoora dhuunfaa ykn garee isaanii milkeessuuf haalli nama itti butan ni jira kan jedhan yuunivarsiitii Dirre Daawaatti qorataa saayinsii siyaasaa Suraafeel Geetaanee ti.

Suraafeel keessumattuu namoonni jaalala maallaqaatiin booji’aman ajandaa ummataa fi biyyaaf ta’u hinqaban erga jedhanii; kaayyoon isaanii ijoon faayidaa dinagdee argachuu dha; kana wayita godhan immoo namoota dhuunfaa ukkamsu jechuudhaan ibsaniiru.

Gochaan kun sadarkaa adunyaatti yakka jedhamuun gochoota ibsaman keessaa tokko ta’uu kan ibsaan barsiisaan saayinsii siyaasaa kun; ka’umsi gochaa seeraan-alaa kun walitti bu’iinsa; seerri laafuu fi mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannaa kennee hojjechuu dhiisuu isaa ti jechuun yaada isaanii kennan.

Rakkinicha dhandhamanii rakkoon wal fakkaatu akka isaan hinmudanneef furmaanni akka kennamuuf irra-deddeebiin namoonni gaafatan hedduun yaada kennaniin; hubaatii hanga yoonaatti isaan mudate qofaan osoo hintaane yeroo itti aanuttis rakkoo wal fakkaataan akka isaanitti hinaggamamneef yaaddoo qaban kaasan.

Kana ilaalchisuunis barsiisaan saayinsii siyaasaa kun yeroo itti aanutti maaltu ta’uu qaba gaaffii jedhuuf dhaabbileen hundaa’anii humni nageenyaa hojii isaa sirnaan hojjechuu akka qabu gorsa kennan.

Suraafeel walqabsiisuunis; mirga lammiiwwan bakka tokkoo gara biraatti socho’uu heera mootummaatiin kaa’uu qofa osoo hintaane qaamolee hubaatii seera kanaa “ol” ta’aniin raawwatanu seeraan gaafachuun hojii isaa jalqabaa akka ta’e mootummaan dagachuu hinqabu jechuun hubachiisan.

“Rakkoo qabnu ofii keenyaan furachuun kanuma keenya” kan jedhan Suraafeel; Afriikaa-lixaattis rakkoon kana caalu uumamee akka ture yaadatanii; warri lixaa garuu rakkinicha mariidhaan akka furatan eeran.

Namoonni siyaasaa Itoophiyaa siyaasni hordofanu siyaasa kasaaree dha kan jedhan barsiisichi; namoonni siyaasaa “isaan kaan waan barbaadan yoo jedhanis Itoophiyaanis doonii keenya waan taatee fi dooniin keenya yoo dhidhimte immoo enyuyyuu jiraachuu akka hindandeenye amanuun ummanni wal jaallachuu qaba” jechuun gorsa kennan.

Gama biraatiin rakkinicha furuuf hundaa olitti marii sabootaa taasisuun filannoo biraa kan hinqabnee fi har’a bor jechuun dhimma beellamni kennamuuf akka hintaane hayyichi dubbataniiru.

Jiraattonni gama isaaniitiin; yaada furmaataa ilaalchisuudhaan yaada kennaniin; mootummaan hooggantoota tumsitoota ABO ta’an adda baasee beekuun hojii isaanii hordofuu akka qabuu fi; kun ta’uu baannan garuu rakkinichi furamuu akka hintaanee dha.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 6 2014 No 48

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች