Konkolaattota daangaa cehanii galanii fi taarifa irraa galiin birriin biiliyoona 2.3 argame

0
931

Ji’oota salgan  darbanitti konkolaattota daangaa cehuun gara biyyaa galanii fi taarifa dabalataa irraa galiin birrii biiliyoona 2.3 argamuu Bulchiinsi daandiiwanii Itoophiyaa Addis Maaledaatti himeera.

Bara bajataa kana ji’oota salgan darbanitti taarifa boba’aaf irratti kaa’ameen dibataa fi zayitii konkolaattota akkasumas fayyadama daandii irratti taarifa kaa’ameen fi ulfaatin konkolaattota bu’uura godhachuun haaromsa eenyaa walii galaan maddoota galii afur irraa galii birriin biiliyoona 2.3 ol argachuu Hogganaan sabqunnantii uummataa bulchiinsa daandiiwanii Itoophiyaa Asiraat Aseelee Addis Maaledaatti himaniiru.

Dhiheessiin boba’aa biyyoota biroo irraa gara Itoophiyaa erga galanii booda osoo warra boba’aa raabsan bira osoo hin gahiin dura taarifa kaa’amee irraa galii birrii miiliyoona 200 fi Kuma 100 fi Kuma 85 ol,konkolaattota  biyyoota alaa galan dibataa fi zayitii fayyadaman irratti taarifa kaa’ameen birrii miiliyoona 3 fi Kuma 100 fi Kuma 85 ol argachuu isaa hoggantichi eeraniiru.

Hoggantichi itti dabaluun Jibuutii,Keeniyaa fi biyyoota biroo irraa konkolaattota seera qabeessa daangaa cehanii gara biyyaa galan yookaan fayyadama daandii irraa taarifni birriin miiliyoona 3 fi Kumni 500 fi kumni 78 ,konkolaattota uummataa hanga konkolaattota gurguddootti, kanfaltii haaromsa konkolaattotaa irraa birrii miiliyoonni 100 fi miiliyoonni 75 fi kumni 700 fi kumni 90 fi 870 waliin galaan birriin biiliyoonni 2 fi miiliyoonni 300 fi kumni 68 argamee jedhaniiru.

Bulchiinsi daandiiwanii bara bajataa kana ji’oota salgan darbanitti  galii argachuuf karoorse dhiibbantaa 90.96 walitti qabuu kan danda’u yoo ta’u,weerara koovid 19 Fi rakkoo Itoophiyaa keessa jiruu waliin Wal qabatee sababoota karoorri isaa akka hin milkoofne taasisan keessaa kan ta’uun ibsameera.

Kan bara darbee yeroo Wal fakkaataa yeroo Wal bira yoo madaalamu birrii biiliyoona tokkoo ol caalmaa qabaachuu fi kanaafis dhaabbatichi dhaabbilee deeggarsaa waliin qindoominaan hojii cimaa hojjechuu danda’uun isaa galichi akka argamuuf gahee isaa gumaacheera jedhameera.

Galiin walitti qabamu suphaa daandiif oolchuuf yaadamee,abbaa taayitaa daandiiwanii Itoophiyaaf birrii miiliyoonni 1.97 fi kumni 800 fi kumni 12 fi 357,ejensiiwwan daandii naannooleef  birrii miiliyoonni   300 fi kumni 700 fi kumni 15 fi 802,ejensiiwwan daandii magaalotaaf birriin  miiliyoonni 1 fi Kuma 800 fi kumni 29  galii ta’uun himameera.

Dhaabbatichi erga hundeeffamee jalqabee galii birrii biiliyoona 30 ol walitti qabuun ejensiiwwan daandii Federaalaa,naannolee fi magaalota adda addaaf ramaduun daandiiwwan Kuma 500 km oliif hojiin suphaa akka raawwatamu taasisuun danda’amu fi suphaa damee daandichaaf baasiin dhiibbantaa 15  kanfaluun danda’ameera jedhameera.

Daandiiwwan tajaajil mijataa itti fufinsaan akka kennaniif yeroo yerootti suphaa yeroo fi idilee taasisuun akkasumas suphaawwan tasaa kan isaan barbaachisu yoo ta’u,daandiiwwan suphaa barbaachisaa yeroo isaatti akka taasifamuufii fi hojiiwwan nageenya tiraafikaaf xiyyeeffannoon kennameera jedhameera.

Galiin fandii daandii yeroo gara yerootti dabalata kan dhufe yoo ta’u,baroota jalqabaa birrii miiliyoona 300 kan ture yoo ta’u,bara bajataa kanatti daballii olaanaa agarsiisuun eerameera.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 20 2014 No 50

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here