Qaamolee damee teeknooloojii irratti boba’aniif danbii onnachiiftuu investimentii qophaa’e

0
1256

Ministeerri Innooveeshinii fi teeknooloojii damee hindaaf kan ta’u,danbiinonnachiiftuu  investimentii qophaa’uu isaa ibse.

Danbii qophaa’e irratti keesumaa qaamolee damee teeknooloojiin jiran jajjabeessuuf jecha sirni hojmaataa gibiraa Fi taaksii bilisaajiraachuun manni hojichaa beeksiseera.

Baroota darbaniif kan turees haa ta’u kan ammaa jiru sirna faayinaansii,hojii kalaqaa fi teeknooloojiin deeggaruuf hojmaatni kan hin jirre waan ta’eef kana booda abbootii qabeenyaa fi interpiraayizoota  damicharratti bobba’an jajjabeessuuf sirna hojmaataa qopheessuun isaas ibsameera

Waan ta’eefis misooma moosajjii,ijaarsa giddu gala daataa,qorannoo kalaqaa fi hojii gabbisa teeknooloojii akkasumas qaamoleen Hojiilee biroo irratti bobba’anwayita meeshaa kappitaalaa fi ijaarsaagalchaan fayyadamoo jajjabeessituu kanaa akka ta’an beekuun danda’ameera.

Ministeera Innooveeshinii fi teeknooloojiitti Hogganaan sagantaa dijitaal tiraanisformeeshinii Dr.Abiyoot Baayyuu danbichi kan qophaa’ee walgahii manni maree ministeerotaa dhiheenya adeemsiseen ta’u,yeroo dhihoottis akkabahuus ibsaniiru.

Danbichi dameen kam maal argachuu qabaakkasumas akkamitti kan argatan kan jedhu ni ibsama kan jedhan hoggantichi keesumaa dinagdee dijitaalaa irratti faayidaa olanaa qabaa jedhaniiru.

Dabalataanis itti gaafatamummaa  manni hojii minsteerichaa kennaman keessaa tokko Fandii barbaaduuwaan ta’eef,hojichaa jalqabsiisuu kan oolu,labsii fandii Innooveeshinii jedhamumirkaneessisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.Kanaan dura bifa dorgommiitiin fandiin hojii jalqabsiisuu kennamaa akka ture eeruun, ta’u kun akka agarsiiftuutti itti fayyadamaakan ture waan tureef dhimmichi osoo addaan hin citiin bifa misoomaa gahee isaa bahachuun danda’uun hojmaata itti gochuun barbaachisaadha kan jedhan.

Kanaafis wixineen labsii qophaa’ee damee teeknooloojii dhuunfaa waliin Mariin taasifamuu fi mootummaa akka dhihaates dubbataniiru.

Immaammata saayinsii,teeknooloojii fi innooveshinii bara 2004 irraa eegalee itti hojjetaa tures bara kana haaraan bakka buufamuu kan kaasan hoggantichi Mootummaan seerota,misoomawwan bu’uuraa fi kanneen biroof haalota investimentii mijataa mijeessuun damee dhuunfaa gara hoggansaatti ceesisuuf hojjetaa jiraachuun ibsaniiru.

Ta’us keesumaa qaamolee  damee Ict irratti bobba’aniif sirna onnachiiftuu gibiraa fi qaraxa irraa bilisaa dhiheessuu irra kan darbe sosochiiin dirree innooveshinii babal’isuuf taasifamus keesumaa dhaabbilee refuu hojichaa jalqabaniif sirni hojmaata deeggarsa faayinaansii,teknikaa,bakka hojii fi kanneen biroo argachuu danda’anni diriirfamaadha kan jedhame.

Bu’aalee teeknooloojii bu’aa qabeessummasn isaanii mirkana’ee,gara oomishaa fi tajaajilaatti galan akka bittaa mootummaa keessatti hammataman taasisuurra kan darbe, gara biyya alatti kan ergan oomisha galii argamsiisan bakka kan bu’an akkasumas teeknooloojii interpiraayizootaa gara biyyoota birootti babal’ataniif hojmaatotni onnachiiftuu,deeggarsaa fi hordoffii akka diriirfaman eerameera.

Dhaabbileen onnachiiftuu fi tajaajila kennan Qorannoowwan teeknooloojii yuunitii misooma teeknooloojii irratti xiyyeeffannootaasisan akka hundeeffaman ,Hojiilee misooma innooveshiniifhojmaatnidameen dhuunfaa kallattiin mootummaa irraa deeggarsa mallaqaa argatus ni diriirfama jedhameera.

Dameen dhuunfaas oomishaa fi tajaajila qorannoo irratti xiyyeeffannoo akka taasisan sanarra kan darbe ammoo itti gasfatamummaa damee Ictto’achuu fudhatee immaammatoota qophaa’anis waliin akka hordofuu fi gamaaggamuu seerotni qophaa’aafi jiraachuunis ibsameera.


አዲስ ማለዳ Caamsaa 20 2014 No 50

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here