Hanqinni oomisha shonkooraa warshaalee sukkaaraatiif galtee ta’uu jiraachuun ibsame

0
871
  • Piroojeektiin misooma sukkaaraa Walqaayit dhaabbateera.

Hanqinni oomisha shonkooraa warshaalee sukkaaraatiif galtee ta’uu mudachuu fi kanaanis hojiin warshaalee sukkaaraa hedduun gufachuun ibsameera.

Odeeffannicha Addis Maaledaa kan qaqqabsiisan hojjettoonni warshaalee sukkaaraa akka ibsanitti; yeroo ammaatti hanqinni oomisha shonkooraa warshaalee sukkaaraatiif galtee ta’uu ni jira. Kanaanis warshaaleen hojii dhaaban akkasuamas humna muraasaan kan hojjetanu jiraachuu isaanii eeran.

Fakkeenyaafis warshaan sukkaaraa Xaanaa-Balas hanqina agadaatiin humna isaa guutuudhaan oomisha kennaa hinjiru jedhameera. Warshaan sukkaaraa Wanjiis akkasuma sababa hanqina shonkooraatiin oomishni isaa akka gufate eerameera.

Warshaan sukkaaraa Wanjii ol-ka’insi bishaan lafa keessaa warshichaa ol ka’aa dhufuu isaatiin hanqinni oomishtummaa shonkooraa isa mudataa jira jechuudhaan hoogganaan sab-quunnamtii koorporeeshiinii sukkaara Itoophiyaa Rattaa Dammaqaa Addis Maaledaatti himaniiru.

Kanaanis waldaaleen oomishtoota agadaa naannicha jiran haalli misoomicha keessaa itti bahan jiraatus; warshichi lafa hektaara kuma saddeet irratti ofii isaatiin shonkooraa misoomsaa waan jiruuf rakkinichi ni furama jedhaniiru.

Warshaa sukkaaraa Matahaaraattis akksuma roobni arfaasaa yeroodhaan waan hinroobiniif; hongeen naannicha jiru kan yeroo biraa adda waan ta’eef beeladoonni horsiisaan bultootaa shonkooricha waan miidhaniif hanqinni shonkooraa muraasni mudateera jedhan.

Koorporeeshiinichi ibsa Addis Maaledaaf kenneen; warshaa sukkaaraa Xaanaa Balas lakkoofsa tokkoof shonkooraan lafa hektaara kuma 13 irratti misoome jiraachuu eeree; warshichi yeroo jalqabaatiif gara oomishaatti gala waan jiruu fi warshaan sukkaaraa tokko yeroo jalqabaatiif wayita gara oomishaatti seenu gara humna guutuudhaan daakuu irra kan gahu adeemsaan ta’uu isaatiin; warshichi humna yeroo ammaatti daakuuf qabuuf shonkooraan gahaa ta’e misoomee qophii ta’uun warshichaaf dhiyaataa jira jedhan.

Hata’u malee ijaarsi warshichaa xumuramee yeroo hojiitti galuun isa irra turerraa waggaa torbaa ol harkifachuu isaa fi agadaan lafa hektaara murtaa’e irratti misoome yeroon warshaaf dhiyaachuun irra ture darbuu isaatiin; muraasni agadichaa fi qabiyyeen suukiroosii isaa gahaa gahaa ta’e warshichaaf akka dhiyaatu taasifama jedhameera.

Shonkooraan dulloome (qabiyyeen suukiroosii isaa gahaa kan hintaane) immoo muramee lafaa akka misoomu taasifamaa waan jiruuf hanqinni shonkooraa akka hinjirre koorporeeshiinichi ibseera.

Naannoo Affaaritti kan argamu warshaan sukkaaraa Tandaahoos sababa hongee irra-deddeebiin naannicha mudatuutiin oyiriin shonkooraa waan barbadaa’eef dhimmichi xiyyeeffannaa mootummaa federaalaa fi naannichaa waan gaafatuuf; dhimmichi mootummaa federaalaatiif akka dhiyaate ibsaniiru.

Kanaan walqabatees haala wayitaawaa adunyaa fi biyyaalessaatiin walqabatee dhiibbaan waan jiruuf; xaa’oo fi qorichi farra-aramaa misooma shonkooraatiif oolu akkasumas rakkoon dhiyeesii kan biraas mudateera jedhameera.

Meeshaalee jijjiirraa warshaalee fi qonnaa biyya alaatii bitanii galchuun rakkoo ta’uu isaatiinis hojiin meeshaalee jijjiirraa biyya keessaatti fayyadamuu hojjetamaa jira jedhan.

Gama biraatiin; jaarsa irra kan turee fi sadarkaa piroojeektii kan ture piroojeektiin misooma sukkaaraa Walqaayit; waraana Itoophiyaa-kaabaatiin walqabatee hojiin isaa dhaabbatee jira jedhameera. Piroojektichi sanaan dura hojiin hidhaa, warshaa fi misooma jal’isii isaa dhibbeentaa 80 ga’ee kan ture yoo ta’u; yeroo ammaatti qaamni haala irra jiru qulqulleessu koorporeeshiinii sukkaaraa, mootummaa federaalaa fi humna nageenyaa naannichaa irraa walitti gurmaa’uun gara hojiitti galuun isaa ibsameera.

Warshaalee sukkaaraa Finca’aa, Arjoo-Dhidheessaa, Oomoo-kurraaz lakkoofsa lamaa fi sadiitti rakkoon nageenyaa giddugaleessa ta’e darbee darbee kan hubatamu ta’us; yeroo ammaa kanaan walqabatee warshaan sukkaaraa hojii dhaabe hinjiru jedhameera.


Caamsaa 27 2014 No 51

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here