Tekinooloojiin ‘5G’ takinooloojii moobaayilaa dhaloota shanaffaa yoo ta’u; qunnamtii si’ataa barri dijitaalaa barbaadu uumuu keessatti takinooloojii tarkaanfii guddaa imale ta’uun isaa ni yaadatama.
Tekinooloojiin ‘5G’ ariitii wal-jijjiirraa odeeffannoo tekinooloojii ‘4G’ amma jiru dacha 10 hanga 100 akka caalu qorattoonni ni ibsu.
Kana jechuun fayyadamtoota interneetii moobaayilii ariitii sekondii meegaa-baayitii hanga ammaatti jiru gara sekondii giigaa-baayitiitti akka guddisu qorannoowwan adda addaa ni ibsu.
Yuunivarsiitii Kolombiyaa Niiw Yoorkitti argamutti barsiisaa injineeriingii eleektiriikaalaa kan ta’an piriifeeseerri tumsaan Riish Kiriishinaaswaamii tekinooloojiin ‘5G’ daraan barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Sababa wayita kaa’anis ariitii neet woorkii amma jiruun waan raawwachuu dadhabne raawwattuuwwan humna neet woorkii olaanaa gaafatan akka fayyadamnu nu dandeessisa jedhaniiru.
Piroofeeseerichi fakkeenyaan akka ibsanitti; fiilmota sadarkaa giigaabaayitiitti jiran sekondii keessatti interneetii irraa buusuuf akka dandeessisuu fi akka raawwattuu verchuwaan riyaaliitii fi konkolaattota nam-maleeyyii irratti wal jijjiirraa odeeffannoo si’ataatti fayyadamuu dandeessisa jedhaniiru.
Dabalataanis; tekinooloojiiwwan barichi fidhaa jiru jechuunis kan akka ‘riyaaliitii agumentidii’ fi konkolaattota nam-maleeyyii jiran waljijjiiraa odeeffannoo daraan olaanaa ta’e akka barbaadan eeran.
Takinooloojiin ‘5G’ adeemsa duubatti harkifannaa odeeffannoo gara miilii-sekondii tokkootti gadi-buusuutti kaayyeffatee ka’eera kan jedhan piroofeeseerichi; kunis meeshaaleen socho’aan odeeffannoo sekondii tokkoon kuma tokko keessaa tokko (1/1000) gaditti wal jijjiiruu akka isaan dandeessisu ibsaniiru.
Dhaloottan darbanitti tekinooloojiiwwan kan fayyadaman carallaa eleektiroo maagineetii tekinooloojiiwwan akka danbalii raadiyootti fayyadamuudhaan waan ta’eef itti fayyadamaan tekinooloojiiwwan kanaa haala olaanaadhaan dhiphina neet-woorkiitu isaan mudata.
Kana waan ta’eef; rakkoo kana furuuf danbalii raadiyoo olaanaa gaafachuu isaa caalaatti kan santii meetiraan safaramu gara dnbalii miilii meetiraatti gadi buusuu barbaachiseera.
Tekinooloojiiwwan kun dursinee kan beeknu utubaawwan neet woorkii kan hinbarbaanne fiixee gamoowwanii fi utubaawwan eleektiriikii irratti hidhamuu waan danda’amanuuf daandii walitti dhufeenyaa haaraa ni banu jedhameeraaf.
Garuu gosni danbaliiwwan kanaa rakkoowwan biraa isaan mudataniiru. Kana keessaas danbaliiwwan kun mukeenii fi gamoowwaniin liqimfamuu jalaa hinbaane jedhu. Daddabarsitoonni neet woorkii hangi isaanii xixiqqaa ta’e kun uumamuu hojiiwwan qorannoo haaraadhaaf shoora olaanaa qabu turan.
Neet woorkiin dhaloota shanaffaa (5Gn) daddabarsitoota neet woorkii duraan turan irratti anteennaawwan lakkoofsaan baay’ee kan ta’an, hangi isaanii immoo gadaanaa ta’an dabaluun; akkasumas humna daddabarsuu isaanii dabaluudhaan kan uumame yoo ta’u; duubatti harkifannaa odeeffannoo daraan hir’isuu isaa tarreessaniiru.
Tekinooloojiiwwan kun kanaan dabalatattis humna eleektiriikii daddabarsitoota neet woorkii kanaan dura turanii gadi ta’e fayyadamuun isaaniis adda isaan taasisa.
Adunyaa irratti biyyoonni 70 ta’an tekinooloojii ‘5G’ kan fayyadaman yoo ta’u; kana keessaa biyyoonni Afriikaa shanis qaqqabamaa ta’aniiru. Itoophiyaattis Caamsaa 1 bara 2014 Itiyoo telekoom tajaajila neet woorkii dhaloota shanaffaa (5G) jalqabuu isaa beeksiseera.
Neet woorkii si’ataa isa dhumaa adunyaan bira geese Hiwaaween Chaayinaa kalaqe tajaajila neet woorkii dhaloota shanaffaa (5G) kan jedhamu yoo ta’u; tekinooloojiin ‘5G’ sochii guyya guyyaa namoota dhuunfaa fooyyessuun raawwii hojii induustiriiwwanii si’oomsuuf shoorri isaa olaanaa akka ta’es eerameera.
Interneetiin dhaloota shanaffaa tekinooloojii dhaloota arfaffaa wajjin wayita wal cinatti ilaalamu dacha 100 oliin ariitii wayita qabaatu; sekondii tokkotti odeeffannoo giigaa baayitii 100 wal jijjiiruu akka dandeessisus odeeffannoowwan akka eeran Itiyoo-telekoom beeksiseera.
Itiyoo telekoom duraan Finfinnee qofa keessatti daangeffamee kan ture tajaajila neet woorkii moobaayilaa ‘4G’ kutaalee biyyattii hundatti babal’isuun magaalota 136 ol fayyadamoo taasiseera.
Dhaabbatichi kan diriirse misoomni bu’uraalee babal’ina neet woorkii moobaayilii ‘4G’ neet woorkii moobaayila ‘5G’tiif qophii ta’anii hojjetamuun isaanii hindagatamu.
Hooggantuun Itiyoo telekoom Firehiwoot Taammiruu akka ibsanitti; kubbaaniyyichi ji’oota darbanitti yaalii taasise xumuruun neetwoorkii moobaayilaa dhaloota shanaffaa jalqabeera.
Hooggantuttiin itt dabaluun; tajaajilicha bakkawwan muraasa magaalattii keessatti argachuun akka danda’amu kan ibsan yoo ta’u; Paarkii Tokkummaa; Daandii Charchil; akkasumas naannoo waajjiraalee Itiyoo telekoomitti tajaajila ‘5G’ hajii irra oolchuu isaanii akka ibsan ni beekama.
Neet woorkichi dhaabbata Chaayinaa Huwaaween diriirfamuu isaa kan ibsan hooggantuttiin; tekinooloojii neet woorkii dhaloota shanaffaa daraan si’ataa dha jedhamu fayyadamuuf maamiltoonni bilbila harkaa tekinooloojichaan wal simuu fi misooma bu’uraa neet woorkii ‘5G’ dhiyeessu isaan barbaachisa jedhameera.
Maamiltoota moobaayilaa miliyoona 65 ol kan qabu Itiyoo telekoom maamiltoonni isaa miliyoonni 25 fayyadamtoota interneetii moobaayilii akka ta’an ragaaleen ni eeru.
Salaamaawiit Dibaabaa (maqaan ishee kan jijjiirame) barsiistuu yuunivarsiitii yoo ta’an; tekinooloojiin ‘5G’ Itoophiyaa keessatti jalqabamuun isaa shoora olaanaa akka qabuu fi har’a neet woorkonni moobaayilii baay’ee tekinooloojiiwwanitti gahooman fayyadamuun itt fayyadamtoota bilbila moobaayilaa tajaajila filatamaa kennu jedhaniiru.
Itti fayyadamtoonni ‘5G’ faayidaa hedduu akka argatan kan dandeessisu dhaloonni shanaffaan teknooloojii olaanaa dha.
Fayyadamtoonni ‘ismaart foon’ odeeffannicha argachuu wayita barbaadan fedha isaanii kan guutan neet woorkota ‘4G’ kutaalee adunyaa adda addaatti suuta suutaan bakka bu’uu irratti argama. Danbaliin isaa raawwachiiftuuwwan ariitiidhaan bobbaasuudhaan namoota dhuunfaa qofa osoo hintaane ijaartotas ni fayyada.
‘5Gn’ bilbiloota moobaayilaa fi meeshaalee biraa irratti ‘4G’ fi ‘4G’ LTE wajjin wayita dorgomu ariitiidhaan hojjeta. Fayyadamtoonni fiilmota, viidiyoowwanii fi muuziqaa daqiiqaa muraasa keessatti akka buufatan dandeessisa jechuunis ibsaniiru.
Biyyoota adunyaa keessatti dhaabbileen tekinooloojichatti fayyadaman walga’iiwwan ‘online’ dabalatee tajaajiloota kana fakkaatan akka itti fayyadaman akka taasisee fi qorannoon dhiyeenya kana taasifame akka mul’isutti bitattoonni ‘5G’ fayyadaman adeemsa buusuu keessatti guyyaatti sa’atii 23 qusatu jedhameera.
Barsiistuttiin ittuma dabaluudhaan; ‘5Gn’ wayita ‘4G’ cinatti ilaalamu duubatti harkifannaa gad-aanaa qaba; akkuma Al, loT, fi kan akka dhugaa gara fuula-duraa jiran raawwachiiftuuwwan hahaaraa gahumsaan deeggaru.
Kana qofa osoo hintaane fayyadamtoonni bilbila moobaayilaa toora interneetii banuun bu’aa-ba’ii tokko malee wantoota akka daawatan isaan dandeessisa. Kan biraa wayita odeeffannoowwan barbaachisaa tokko tokko barbaadan yeroo kamiyyuu gara marsariitii seenuun daandii ni kenna jedhan. ‘5G’n ‘4G’ caalaatti hanga dachaa 100 humna qaba.
Dhabbileen karaa tooftaa seelulaaraa fi waayifaayii gidduutti odeeffannoo akka wal jijjiiran dandeessisa; kunis raawwii gaarii argachuuf baay’ee gargaara. Kanaan dabalatatti marsariitii gahumsa olaanaadhan fayyadamuuf tooftaawwan akka dhiyeessu dubbataniiru.
Faayidaa olaanaan ‘5G’ inni tokko odeeffannoo si’oomina danda’ameen dabarsuuf kan gargaaru qabiyyee daddabarsaa dabaluu dha. Dabalataanis fayyadamtoonni bilbila moobaayilaa neet woorkii ‘5G’ erga filatanii booda walitti dhufeenya arifataa daddabarsa caalu qabu mirkaneessuu ni danda’u.
Tekinooloojiin ‘5G’ diroonotaa fi sakattaatota dabalatee meeshaalee adda addaa waliin walitti dhufuuf daraan filatamaa dha. Induustiriiwwan oomishtummaa isaanii akka guddisan IOT fudhachuu jajjabeessuuf daandiiwwan akka saaqu ibsaniiru.
Miidhaa olaanaan ‘5G’ walgeettii adunyaa muraasa kan qabuu fi bakkeewwan muraasa qofatti kan argamu ta’uu isaa ti. Magaalonni qofti neet woorkii ‘5G’ irraa baay’ee kan fayyadamanu yoo ta’u; bakkeewwan fageenya qaban waggoota murtaa’aniif tajaajilicha dhabuu danda’u.
Gama biraatiin; si’oomni isaa fannootti ‘4G’ waliin wayita dorgomu meegaa baayitii 100 hincaalu. Dabalataanis bilbiloonni moobaayilii walitti dhufeenya ‘5G’ yoo fayyadaman tekinooloojii baatirii fooyya’e isaan barbaachisa. Fayyadamtoonni bilbilaa hedduun ‘5G’ wayita fayyadaman meeshaa isaanii irratti ho’inni akka isaan mudatu dubbatu.
Nageenya saayibarii ilaalchisee nageenyi saayiberii hanqina ‘5G’ keessaa isa tokko; sababni isaa buttaa ykn ‘haakii’ waan hordofsiisuufi. Babal’achuun qabiyyee daddabarsaa yakkamtoonni kuusaa odeeffannoo akka salphaatti akka hatan isaan dandeessisa.
Kana caalaatti soofti weerii gara saaxilamummaa qaaxxeetti qajeelutti fayyadama. ‘5G’n meeshaalee hedduu wajjin wayita walitti dhufu carraan hubamuu isaa baay’ee olaanaa dha.
Kana waan ta’eef; dhaabbileen bu’uraalee misoomaa isaanii giddugala raawwii nageenyaatiin eegsisuun baasii dabalataa hordofsiisa. ‘5G’n icitii waan hinqabneef buttoonni qaaxxee isaanii caalaatti sirriitti karoorfachuu danda’u. kunis dhaabbilee sadarkaa olaanaadhaan miidha.
Dabalataan qabiyyeen daddabarsaa hordoffii nageenyaa yeroo ammaa waan balleessuuf; marsariitiin yaaddoo saayibarii ittisuuf tarkaanfii nageenyaa barbaada.
Nageenya gahumsaan fooyyessuuf barnoonni bitattootaa barbaachisaa dha. Gama biraatiin cimuu ‘5G’ isa jalqabaa waliin ta’uun nageenya fooyyessuuf tattaaffiin taasifamaa jira. Meeshaalee IOT hunda hirpha nageenyaa waliin hammayyeessuun rakkoowwan bu’aa gaariidhaan moo’achuuf ni gargaara.
Kana qofas miti; fayyadamtoonni ‘5G’ rakkoowwan hinbarbaadamne hir’isuuf tarkaanfiiwwan biraa tokko tokko hordofuu qabu jedhaniiru.
Tekinooloojiin moobaayilii ‘5G’ neet woorkii ‘4G’ amma jiruu wajjin wayita wal cinatti ilaalamu si’oomina tamsaasa odeeffannoo dacha kudhaniin akka dabalu waadaa seenameera.
Dhiibbaan fiizikaalaa carallaa eleektiroo-maagineetiikii irra-deddeebiin ni jijjiirama. Kanaaf dhufuun ‘5G’ qajeelfamoota nageenya carallaa sirrii ta’e ilaalchisee gamaaggama olaanaa sadarkaa adunyaa kaasiseera. Kanaafis gamaaggama yaaddoo fayyaa hiika qabuuf odeeffannoon gahaan akka hinjirre waliigalameera jedhan.
Ogeessa saayinsii koompiyuutaraa kan ta’an Yohaannis Damissee gama isaaniitiin; ‘5G’ jechuun ‘2G’, ‘3G’, ‘4G’ akkuma jedhaman tekinooloojii fooyya’ee dhufe yoo ta’u; Itoophiyaafis ta’ee hawaasaaf faayidaa olaanaa akka qabu eeran.
Kunis Itoophiyaatti dhaabbileen dhuunfaa fi kan mootummaa kamiyyuu tekinooloojichatti fayyadamuudhaan hojiiwwan isaanii interneetiidhaan wal qabatan si’oomsuuf akka fayyaduu fi hawaasnis bilbila hammayyaatiin tekinooloojichaati fayyadamuun tajaajila sagalee akkasumas kan interneetii si’ataa carraa ittiin argatan gabbisa jedhu.
Kana malees; tekinooloojichatti fayyadamuudhaan sadarkaa wallaansaa ol kaasuun ni danda’ama kan jedhan Yohaannis; kanaaf immoo tekinooloojicha karaa kallattii (online) wal qabsiisuun lammiiwwan wallaansa akka argatan gargaara jedhan.
Dabalataan dhaabbilee barnootaatti karaa interneetiitiin tekinooloojicha diriirsuun barnoota kallattii si’aayina qabu kennuuf akka gargaaruu fi Itoophiyaanis karaa tekinooloojichaatiin bu’aa olaanaa akka galmeessistu gargaara jedhu.
Ogeessi injineeriingii kompiyutaraa Saamu’eel Tafarraa gama isaaniitiin; tekinooloojiin dhaloota shanaffaa Itoophiyaa keessatti akka jalqabamee fi magaalaa Finfinneetti bakkeewwan muraasatti tajaajila jalqabuu isaa eeranii; itti fayyadamni isaas tekinooloojicha interneetii wajjin wal qabsiisuun tajaajila adda addaatiif akka oolu ibsaniiru.
Dameen tekinooloojii kun faayidaawwan hedduu kan qabu yoo ta’u; fakkeenyaafis dame fayyaa keessatti tajaajila bal’aa akka kennu ibsaniiru.
Faayidaan dinagdee keessatti qabu akka adunyaatti dhibbeentaa 0.1 yoo ta’u; sadarkaa Itoophiyaatti immoo tekinooloojichi dinagdee tasgabbeessuu keessatti humna olaanaa kan qabuu dha. Firiin isaas yeroo itti aanu jijjiirama hangam akka fide qaamolee qooda keessaa qabanuun kan ibsamu ta’a jedhan ogeessichi.
Waliigalaan tekinooloojiin ‘5G’ Itoophiyaa tekinooloojiidhaan guddisuu irra darbee gama carraa hojii uumuutiin; gama qonnaatiinis faayidaan isaa guddaa dha. Ogeessichi itti dabaluunis hojiiwwan samuuda albuudaa baasuu roobootiin fayyadamuun tajaajilaaf ni oola jedhan.
Dabalataan humni eleektiriikii eessa akka jiru akkasumas bakkeewwan addaan itti cite beekuuf ni gargaara jedhan. Maanufakcheeriingii fi dameewwan kana fakkaatan guddisuufis tekinooloojichi akka gargaaru ogeessichi eeraniiru.
Ogeessichi ittuma dabaluun; ‘4G’ fi neet woorkoonni biraa Itoophiyaa keessatti bakka adda addaatti sirriitto utuu hinhojjetamin tekinooloojiin dhaloota shanaffaa akkamitti jalqabame gaaffiin jedhu ni jira jedhanii; tekinooloojicha fudhtanii hojii jalqabsiisuun carraan tekinooloojiiwwan biraa guddisuuf dandeessisu bal’aa ta’uu beeksisaniiru.
Ogeessi injineeriingii komputaraa Naatinaa’eel; Itiyoo telekoom ‘2G’ ykn dhaloota lammaffaa irraa jalqabee teknooloojiiwwan adda addaa yeroo yeroon ifoomsaa kan dhufe yoo ta’u; ammas dhaloota shanaffaa ifa taasisuu isaa yadachiisaniiru. Itiyoo telekoom tekinooloojiiwwan yeroo darban ifoomse; dhalootaa-dhaloota gidduu garaagarummaan hammayyaa fi si’oominaan walqabatan ni jiru jedhan.
Fakkeenyaafis; ‘4G’ fi ‘5G’ gidduu tajaajila sagaleetiinis ta’ee kan interneetiitiin tekinooloojii olaanaan tajaajilaa; kan si’oomaa fi hammayyummaa akka jiru ogeessichi ibsaniiru.
Tekinooloojichi jalqabamuun isaa Itoophiyaan gama tekinooloojichaatiin jijjiirama galmeessisuu isheetiin gamatti; baankonni, tajaajilli eleektiriikii Itoophiyaa, dhaabbileen tajaajilaa kan biraas adeemsa hojii isaanii hammayyeessuu irra darbee maamiltoota isaaniif utuu hingidirfamin tajaajila kennuuf akka gargaaru ogeessichi ibsaniiru.
Dhaabbanni mootummaa fi dhuunfaa kamiyyuu akkasumas lammiiwwan tekinooloojichatti fayyadamuu isaanii hordofee Itoophiyaan gama tekinooloojichaatiin ni milkoofti jedhan.
Caamsaa 27 2014 No 51


