Balfa eleektirooniiksii deebisanii faayidaaf oolchuuf hanqinni galteewwanii qormaata ta’eera

0
802

Balfa eleektirooniiksii walitti qabuun faayidaa irra oolchuuf kan hojjetu Hefliin  ykn dhaabbanni (Hefli Electronic Waste Recycling)  jedhamu hanqinni galteewwanii akka isa mudate Addis Maaledaatti ibse.

Dhaabbatichi; biyyattii keessa kuufamni balfa eleektirooniiksii yoo jiraates; hanqina hubannoo fi baay’ina biirookiraasiitiin kan ka’e galteewwan barbaachisan akkaataa barbaadamuun argachuu hindandeenye jedheera.

Meeshaaleen eleektirooniiksii baay’een kan jiran dhaabbilee mootummaa keessa waan ta’eef; biirookiraasii bira darbuun balfa eleektirooniiksii kana argachuun rakkisaa ta’uu dhaabbatichi hubachiiseera.

Hoogganaan dhaabbatichaa Tewoodiroos Kaasaaw; meeshaaleen eleektirooniiksiin ittiin darbu kamiyyuu yeroon tajaajila isaanii erga dhumee booda balfa eleektirooniiksii ta’u jedhanii; hojiin dhaabbata keenyaa balfa kana haala fayyaa namaa fi nageenya naannoo hinhubneen ittisuu fi irra-deebiin hojii irra akka oolan taasisuu dha jedhaniiru.

Kanaanis irra-deebiin faayidaa irra ooluu kan danda’an adda baasuun faayidaa irra oolchuuf (recycle) hojjenna; humna keenyaan ta’uu kan hindandeenye immoo gara biyya alaatti akka ergaman taasisna jedhan. Ta’us hundumayyuu asuma biyya keenya keessatti irra-deebiin faayidaa irra akka oolan taasisanii hojjechuuf maashiinonni fe’amaa jiran ni jiru jechuudhaan eeran.

Balfi balaafamaa jedhamuun waamaman kun yoo ittifaman malee dhibeewwan kaanseerii, dhibee sammuu fi kan biraatti nama saaxilu jechuunis ibsaniiru.

Itti dabaluunis; biyyoota biraatti maamilli tokko meeshaa eleektirooniiksii bite itti fayyadamee wayita xumuru; namaa fi naannoo utuu hinhubin karaa dhaabbata seera-qabeessaatiin dhorkamuu isaa dhaabbata oomishetti yoo beeksise ni kaffalamaaf. Kun garuu Itoophiyaa keessatti hojii irra hinjiru jedhaniiru.

Kanaanis meeshaalee kan binnu dorgomnee caal-baasiidhaani kan jedhan hooggantichi; dursa kan nuuf kennaa jiran dhaabbilee tokko tokko jechuun dubbataniiru.

Dorgomaa taanee wayita dhiyaannus dhaabbileen akka bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi Itiyoo-telekoom kuufama meeshaalee eleektirooniiksii qaban maallaqaan akka binnuuf dursa nuuf kennu jedhaniiru.

Kanaan dura Afriikaa-bahaa keessa dhaabbanni mootummaadhaan hundaa’e tokko kan ture yoo ta’u; erga cufamee waggaa lama darbeera erga jedhanii booda; yeroo ammaa dhaabbata isaan hoogganan (Heeflii) malee; bu’ura danbii bara 2010 baheetiin; dame kanaan hayyama seera-qabeessa fudhatee kan hojjetu dhaabbanni kan biraa akka hinjirre beeksisaniiru.

Hata’u malee dhaabbilee mootummaa adda addaa keessaa caal-baasiidhaan bituu fi dhaabbilee caal-baasii moo’atanii balfa eleektirooniiksii bitan kan biraa irraa deebisanii bituun hojichi akka itti fufe ibsaniiru.

Suuta suutaanis dhaabbileen adda addaa hubannoo akka horatanii fi kuufama balfa eleektirooniiksii qaban fedhii gurguruu agarsiisaa akka jiran eerameera.

Manni maree ministirootaa bu’ura danbii qabiinsaa fi ittisa balfa eleektiriikii fi eleektirooniiksii bara 2010 ba’eetiin; balfa eleektiriikii fi eleektirooniiksii jechuun meeshaalee madda calrallaatiin alatti meeshaalee fi kutaa meeshaalee eleektiriikii fi eleektirooniiksii ti.

Kanaanis balfi eleektirooniiksii ramaddii balfa balaafamaa (E-waste) keessatti haammatamee argama.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 4 2014 No 52

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here