Hayyamni ergitoota jimaa 380 gochaa seeraan alaatti hirmaataniiru jedhamanii haqameera

0
1206

Karaa seeraan alaatiin gara biyyoota adda addaatti jimaa kan erganu dhaabbileen ergitoota jimaa 830 hayyamni isaanii haqamuu ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo Addis Maaledaatti beeksise.

Daldalli seeraan alaa oomisha alatti ergamu irratti taasifamuu fi hojii kontiroobaandii ittisuudhaaf Itoophiyaatti kan tumame seeraa fi danbii daldalaa darbuun kan hojjetan irratti ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannoo; sadarkaa biyyaalessaatti odeeffannoo qulqulleessuu fi gurmeessuudhaan ulaa Itoophiyaa oomishichi ittiin bahutti ykn daangaalee irratti too’annaa fi hordoffii cimaa taasisuudhaan tarkaanfiiwwan barsiisan fudhachuu irratti argama jedhameera.

Ministeerichi adeemsa qorannichaatiin gochaawwan seeraan-alaa irratti kan hirmaannaa qaban keessumattuu hojmaata seera-qabeessa achi dhiisuudhaan; hayyama hojii daldala oomisha jimaa erguu kan hinhaaromsin dhaabbilee ergitoota jimaa 830ni waan argamaniif hayyamni hojii daldala isaanii haqamuu hoogganaan hojii mana hojichaa maqaan isaanii akka hineeramne barbaadan Addis Maaledaatti eeraniiru.

Hayyama hojii daldalaa oomisha jimaa biyya alaatti erguu kan qaban yoo ta’anis; karaa seeraan alaatiin hayyama oomisha erguu qaama sadaffaaf dabarsanii kan kennan dhaabbileen ergitoota oomisha jimaa 40 ta’an hayyamni hojii daldalaa isaanii yeroof akka dhorkamu ta’eera jedhameera.

Ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa naannolee seeraan-alummaan babal’ataa dhufuu isaatiin biyyattii sharafa alaa argachuu qabdu dhabsiisuu isaatiin ala; qabeenya biyyaa badhaadha biyyoota olla taasisuun dinagdee Itoophiyaa irratti miidhaa olaanaa qaqabsiisa jiraachuun isaa eerameera.

Rakkinicha bu’uura isaa irraa furuuf ministeerichi oomisha jimaa Itoophiyaa keessaa bahu kaminuu yeroo yeroon galmeessuun hayyama ergiinsaa kennuuf kenniinsa tajaajila foddaa tokkootiif qophii xumuruu isaa himeera.

Dhaabbileen ergitoota oomisha jimaa oomisha jimaa erganu waliigaltee bittaa fi gurgurtaa fi hayyama baankii ittiin erganu fudhachuun dura; gara mana hojii ministeerichaatti qajeeluun akka galmeessanuu fi seera-qabeessa akka taasisanu gaafateera.

Itoophiyaan yeroo ammaa oomisha jimaa hangam gara biyyoota kamiitti akka ergaa jirtu Addis Maaledaan kan gaafatte yoo ta’es; ministeera daldalaa fi walitti hidhaminsa naannootti karaa kutaa sab-quunnamtiitiin odeeffannoo kennuuf hayyamamaa hintaane.

Maddi ministeera daldalaa fi walitti hidhaminsa naannoo Addis Maaledaatti akka ibsanitti; Itoophiyaan galii oomisha jimaa irraa argattu guddisuu fi mijeessuuf tattaaffiin baay’een taasifamaa jira jedhameera.

Itoophiyaatti oomishni jimaa waggoota 20 darban keessatti haala olaanaadhaan babal’achuu isaatiin Itoophiyaa sadarkaa adunyaatti toora biyyoota sadarkaa olaadhaan oomishanuu keessa ishee kaa’a.

Yeroo ammaa biqiloota qabiyyee bal’aa irra baay’inaan dhaabaman keessaa tokko kan ta’e jimaan; oomishaalee biyyattiin gara biyyoota alaatti ergitu keessaa isa tokko. Qonnaan bultoota Itoophiyaa miliyoonaan lakka’amanuufis madda galii daraan fayyaduu dha.

Jimaan gara-caalu kan oomishamu qonnaan bultoota lafa qonnaa xixiqqaa qabanuu fi oomisha isaanii raabsaa itti aanuuf ykn gabaa alaatiif giddugala gabaatti gurguratanuun. Fedhiin biyya keessaa jiraachuun oomishni jimaa olaanaan biyya keessatti faayidaa irra akka oolu kan taasise yoo ta’u; biqilichi barsiifattoota hawaasummaa, aadaa fi amantaa baay’ee wajjin gadi-fageenyaan kan walitti hidhame ta’uu isaa qorannoowwan ni mul’isu.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 4 2014 No 52

 

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here