Godina Wallaggaa lixaatti baay’inni namoota Shaneedhaan ajjeefamanii kuma tokkoo fi 600 gaheera jedhame

0
1398

Naannoo Oromiyaa godina Wallagaa lixaa aanaa Gimbii ganda Toleetti waraana biliisummaa Oromoo jechuun kan of waamu Shaneedhaan namoonni ajjeefaman baay’inni isaanii kuma tokkoo fi 600 caaluu ragaaleen ijaan argan ibsan.

Reeffa namoota hubaatichaan ajjeefamanii walitti qabuutti kan bobba’anii fi nageenya isaaniitiif jecha maqaan isaanii akka eeramu kan hinbarbaanne ragaaleen ijaan argan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; hubaatii hidhattoonni raawwataniin namoonni kumni tokkoo fi 600 ol akka ajjeefamanii fi reffa namoota 900 ta’anuu lakkoofnee awwaalleerra jedhaniiru.

Namoonni ijaan argan kun itti dabaluunis; namoota hanga yoonaatti reeffi isaanii argamee awwalamen dabalatatti; utuu mana isaanii keessa jiranuu gubamanii kan du’anii fi sababoota adda addaatiin bosona keessatti bade haalli itti hinargamin jiraachuu dubbataniiru.

Jiraattonni naannoo sanaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa aannaa Gimbii ganda Toleetti Waxabajjii 11 bara 2014 eegalee “garee ABO Shaneetiin” qaaxxeen raawwaame hammataa fi suukanneessaa ta’uu dubbataniiru.

Ajjeechaan namoota nagaa irratti dimshaashaan raawwatame dhaabbileen sab-quunnamtii adunyaa wal-harkaa fuuchuun hawaasa adunyaa biraan gahaniiru. Baay’inni lammiiwwan hubaatichaan du’anii yeroo sanaa jalqabee hanga ammaatti kan dabalaa jiru yoo ta’u; ammas haalli naneenyaa naannoo sana jiru amansiisaa akka hintaane jiraattonni Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Aanaa Gimbii ganda Toleetti hubaatiin raawwatame enyummaa irratti kan xiyyeeffate ta’uu kan ibsan jiraattonni naannoo sanaa; garee Shanee fi tumsitoota garichaa achi jiraatanuun qabeenyaan namoota ajjeefamanii fi godaananii saamameera jedhan.

Jiraattonni naannoo sanaa itti dabaluunis; naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa ganda Tolee kutaa hawaasaa jiraatanuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa kennaafii hinjiru kan jedhan yoo ta’u; haala nageenyaa naannoo sanaa fulla’insaan furuu akka hindandeenye eeraniiru.

Yeroo ammaa humni ittisa biyyaa bakka sana kan jiru yoo ta’es; bosona adda addaa naannoo sanatti argamu keessa gareen ABO Shanee jiraachuu hordofeebakkawwan humni nagaa hinqaqqabnetti socho’uun hubaatii qaqqabsiisuu irraa akka of hinqusatin jiraattonni dubbataniiru.

Naannicha keessa humni addaa mootummaa naannichaa, humni ittisa biyyaa seenuu hordofee haalli nageenyaa kan duraan ture irra jijjiiramni tasgabba’uu jiraatus; amansiisaa dha jechuuf akka rakkatanu himan.

Jiraattonni naannichaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; lammiiwwan kuma sadii gahan qe’ee fi qabeenya isaanii irraa akka buqqa’anii fi garee ABO-Shaneetiin qabeenyi saamamaa jira jedhaniiru.

Addis Maaledaan waa’ee dhimmichaa gaafachuuf hoogganaa biiroo koominikeeshiinii mootummaa naannoo Oromiyaa Hayilyy Adunyaatiif irra-deddeebiin bilbila yoo bilbiltes deebii hinarganne. Dabalataanis; koomishineera koomishiinii poolisii naannoo Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa gaaffii isaaniif dhiyaateef deebii kennuu hinbarbaanne.

Miidhaan kun erga raawwatamee booda mootummaan naannichatti raayyaa ittisa biyyaa akka bobbaasee fi garee hidhataa sana irratti tarkaanfii fudhataa jiraachuu beeksiseera. Hubaatii namoota nagaa irratti eyummaa bu’ureeffachuun raawwatame hawaasni adunyaa kan balaaleffate yoo ta’u; mootummaan hubaatii yeroo yeroon lammiiwwan irratti raawwatamu dhaabuu dadhabuu isaatiin qeeqa salphaa hintaane keessummeessaa jira.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 18 2014 No 54

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here