Hayyamni daldalaa waraqaa enyummaa sobaatiin kennaman rakkisaa ta’aniiru jedhame

0
1040

Magaalaa Finfinneetti waraqaa enyummaa sobaatti fayyadamuudhaan hayyama daldalaa bahuun meeshaaleen galmeessaa gurgurtaa faayidaa irra oolan baay’achuu fi kanaanis bittaa fi gurgurtaan nagahee sobaatiin raawwataman dabaluun isaanii qormaata hammaataa ta’aa dhufuu isaanii biiroon galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Finfinnee Addis Maaledaatti ibse.

Akka ibsa biirichaatti; yeroo ammaa hojii calallii taasifameen meeshaalee galmeessaa bittaa namoota afuriitiin maallaqni hinqulqullaa’in miliyoonni 600 ol argamuu fi maashiinonni irra hinga’amin hedduun jiraachuun isaanii beekameera.

Birrii miliyoona 600 sana keessaa hangi muraasni buufamuudhaan kan saamame yoo ta’u; dhimmichi poolisiidhaan qabamee hangi maallaqa hafee buufamuu fi dhiisuun isaa qulqulla’aa akka jiru himameera.

Hayyama daldalaa sobaan waraqaa enyummaa sobaatiin bahuun meeshaaleen galmeessaa gurgurtaa bitaman nagahee sobaa maxxansuunis saanduqa mootummaa keessaa maallaqni saamamaa jira. Gochaan babal’ataa dhufe kun hattoota ogoomaniin akka raawwatamuu fi qormaata hammaataa ta’aa dhufuun isaas eerameera.

Biiroo galiiwwanii magaalaa Finfinneetti daarikteerri daayirektoreetii odeeffannoo taaksii fi meeshaa galmeessaa gurgurtaa Gazzaany Lidatuu; meeshaaleen galmeessaa gurgurtaa hayyama daldalaa sobaatiin bitaman bittaa fi gurgurtaan wayita raawwatamu nagahee qofa kennu; meeshaan gurgurame ykn tajaajilli kenname garuu hinjiraatu jechuun Addis Maaledaatti himaniiru.

Maashinoonni sirrii yoo ta’anis teessoo garuu hinqaban; odeeffannoo bittaa fi gurgurtaa raawwatamees qaama mootummaa seera-qabeessa dhimmichi ilaaluuf gabaasa hintaasisan jedhan.

Bittaan erga raawwatamee boodas teessoo hayyama daldala isaanii qabannee yoo deemne hinargannu jechuun ibsanii; fakkeenyaaf tajaajila nama tokkoof kennaniif birrii 20 kaffalchiisanii nagahee birrii 100 kutuuf. Namichis meeshaa birrii 100 biteera ykn tajaajila argadheera jechuun dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaatti herreega buusa. Hata’u malee namichi meeshaa birrii 100 hinbinne; inumayyuu birrii 80 buufateera jechuu dha. Tooftaan kun birrii miliyoonatti shallagamuun wayita raawwatamu saamichi saanduqa mootumma irra gahu hammaataa dha jechuun ibsaniiru.

Maashiinonni sobaa guutummaa biyyattii keessa bal’inaan jiraachuu eeruunis; yakka kana hir’isuu fi ittisuuf magaalaa Finfinnee fi naannootti ministeera daldalaa fi induustirii akkasumas qaamolee biraa dhimmichi isaan ilaalu wajjin tumsuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Yakka maallaqa maashinoota sobaa qabamaniin buufamanii qaamolee raawwatan itti gaafatamtoota taasisuun akka deebi’an taasisneerra; maashinoota teessoo hinqabnes adda baasuun tajaajilaan ala taasisaa jira jedhaniiru.

Gama biraatiinis; daldaltoonni wayita bittaa fi gurgurtaa utuu nagahee qabanuu hinkennine jiraachuu eeranii; ta’us garuu baroota duraa wajjin wayita wal cinatti ilaalamu yakki kun hir’ataa jira jedhaniiru.

Kanaanis keessumattuu immoo harkaa fi harkatti kan fayyadaman irratti too’annaan taasifamaa jiraachuu kan kaasan daarikteerichi; hojiin too’annaa keenyaa bu’a qabeessa ta’uu kan nutty agarsiisu gibirri galtee dabalataa (VAT) argannu dabaluu isaa ti jechuun dubbatan. Markaatootti yeroo baay’ee nagaheen hinkutamu waan jedhamuufis hojmaanni (block management) jedhamu diriiree baay’ina hojjetaa dabaluudhaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisan.

Rakkoo dhiyeessii maashiniitiin kaffaltoota gibiraa maashiinii bituun irraa eegamu gama meeshaa galmee gurgurtaa haaraa bichisiisuutiin kaffaltoota gibiraa kuma lamaa fi 25 bichisiisuuf karoorfamee 634 qofa bichisiisuun akka danda’ame gabaasni raawii karoora ji’oota 10 bara bajataa 2014 ministeera galiiwwanii mul’iseera,


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 18 2014 No 54

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here