Naannoo Gambeellaatti dargaggoonni saddeettamni hidhattootaan butamaniiru

0
912
  • Buufataaleen investerootaa lamas gubamaniiru jedhameera

Naannoo Gambeellaa aanaa addaa Itaang ganda Meeraatti dargaggoonni hojii guyyaatti bobba’an saddeettamni hidhattoota Sochii Biliisummaa Gambeellaa fi ABO Shaneedhann butamuu isaanii jiraattonni Addis Maaledaatti ibsan.

Hojjettoonni guyyaa kun erga butamanii guyyoota shan yoo guutanis; hanga ammaatti haalli keessa jiran hinbeekamu jechuun jiraattota naannoo sanaa keessaa maqaan isaanii akka ibsamu kan hinbarbaanne madden Addis Maaledaa dubbataniiru.

Hidhattootaan kan butaman dargaggoota 80 ta’uu jiraattonni kan ibsan yoo ta’u; gareen hidhataa kun buticha kan raawwate naannoo Gambeellaa fi godina Qellem Wallaggaa gidduutti kan argamtu aanaa addaa Itaang ganda Meeraatti ta’uu ibsaniiru.

Butamtoonni erga butamanii jalqabee lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu isaanii beekuun hindanda’amne kan jedhan jiraattonni; hubaatiin butii kun kan uumame Waxabajjii 20 bara 2014 ta’uu Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Dargaggoonni kun hubaatichi kan isaan mudate maasii qonnaa dureeyyota lamaa irratti wayita hojii humnaatti bobba’anitti dha. Hubaatichi kan raawwatame waaree booda kan jedhame yoo ta’u; buufataaleen investerootaa lamas balaan gubachuu irra gaheera jedhan jiraattonni.

Abbootiin buufatichaa kanaan dura kan Humaraa turanii fi sababa waraanaatiin Humaraa gadhiisanii aanaa addaa Itaang qubatanii kan turan investeroota dhalattoota Amaaraa ta’uu isaanii jiraattonni ibsaniiru.

Buufataaleen investerootaa wayita gubatanitti meeshaalee adda addaa achi keessa turan wajjumaan faayidaan ala ta’aniiru jedhameera. Buufataalee kana keessa kan turan konkolaattoti qonnaa fi xaa’oon sababa gubannaatiin faayidaan ala ta’uu isaanii jiraattonni akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Hidhatoonni dargaggoota hojii guyyaatti bobba’an butaniiru jedhaman; butamtoota gara bosona Qellenitti akka geessan yoo beekames; milishaa fi humni addaa naannoo sanaa dhimmicha hordofuuf yaalanii humna keenyaa oli jechuun deebi’aniiru jechuun jiraattonni Addis Maaledaatti himan.

Naannichi dirree fi gara naannoo Gambeellaa; gara Qellem Wallaggaa akkasumas gara Sudaan kibbaa kan daangessu waan ta’eef hubaatiif mijataa dha kan jedhan madden amanamoon Addis Maaledaa; gareen hidhataa kun namoota bute utuu hinmiidhin argachuun ulfaataa akka ta’e kaasaniiru.

ABO Shaneen magaalaa Gambeellaa; Dambi Doolaa; akkasumas Waxabajjii 11 bara 2014 naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa aanaa Gimbiitti hubaatii qaqqabsiise kan yaadatan madden Addis Maaledaa; amma immoo hubaatiin kan itti baname Sochii Biliisummaa Uummata Gambeellaa jechuun hidhattoonni of waaman ABO Shanee wajjin tumsuuni jedhan.

Jirattonni Addis Maaledaatti akka ibsanitti yoo ta’e; hojjettoonni humnaa kun kan butaman dhalattoota Amaaraa ti jedhamuun hojjettoota biraa keessaa filatamaniitu.

Haalli hojjettoonni humnaa kun keessa jiran kan isaan yaaddesse jiraattonni; qaamni dhimmichi ilaalu dhimmicha akka furu hubachiisaniiru. Dargaggoota kana kan butee fi humna olaanaa kan qabu hidhataa ABO Shanee ta’uu jiraattonni Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Addis Maaledaan hoogganaa koomunikeeshiinii mootummaa naannoo Gambeellaa Oggetuu Odiing rakkoo uumameef furmaanni maaltu fudhatamaa akka jiru deebii argachuuf yaaliin taasiste hinmilkoofne. Yaalichi kan hinmilkaa’in hooggantichi bilbila isaanii kaasanii deebii utuu hinkennin waan cufaniif.


አዲስ ማለዳ Waxabajjii 25 2014 No 55

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here