Naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa lixaa ganda Tolee fi naannoo sanatti sababa rakkoo nageenyaatiin buqqa’an dhibbi torbaa ol dhukkuba daddarbaadhaan yoo qabamanis wallaansa argataa akka hinjirre Addis Maaledaatti beeksisaniiru.
Jiraattonni naannoo sanaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; naannoo Oromiyaa godina Wallagaa lixaa aanaa Gimbii ganda Tolee fi naannoo sanatti torban lama dura irraa jalqabee gareen ABO Shanee ajjeechaa fi hubaatii qaqqabsiise baqachuun buufataalee dahannaa naannoo sanaatti lakkoofsi lammiiwwan dahatanii kuma torbaa ol gahuun dhaga’ameera.
Kana keessaa namoonni 700 gadi hintaane haala qilleensaa naannoo sana jiruu fi waqtii gannaa hordofuun faalama bishaanii fi sababoota adda addaatiin dhukkuba wallaansaan mirkanaa’ee hinbeekaminiin yoo qabamanis; tajaajila wallaansaa argachuu akka hindandeenye Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Itti dabaluunis; buufaticha keessa ogeeyyiin fayyaa tajaajila wallaansaa kennan akka hinjirree fi naannoo sana gareen ABO Shanee jiraachuu hordofee konkolaattonni tajaajila geejjibaa kennan biliisummaan socho’uu waan hindanda’iniif gara dhaabbilee fayyaa bakka biraa jiranuutti socho’uun wallaansa argachuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Namoonni wallaansi isaan barbaachisu qaamolee mootummaa dhimmichi ilaalutti gaaffii dhiyeeffachaa kan jiran yoo ta’u; tajaajila wallaansichaa akka argataniif hojjetamaa jiraachuun yoo itti himames; hanga Addis Maaledaan odeeffannoo kana qindeessitetti deebii akka hinargatin beeksisaniiru.
Yeroodhaan deebii argachuu yookaan wallaansa argachuu yoo hindandeenye baay’inni namoota dhukkubichaan qabamanuu dabaluu akka danda’u ibsameera. Walqabsiisaniis; deeggarsi namoomaa dhiyaataa yoo jiraates; baay’inni lammiiwwan buqqa’anuu dabalaa dhufuu hordofee deeggarsichi gahaa akka hintaanee fi nama hunda akka wal hinga’in buqqaatonni himaniiru.
Addis Maaledaan komii jiraattota naannoo sanaa wallaansa hinarganne jedhu dhaggeeffattee biiroo fayyaa Oromiyaa fi ministeera fayyaatti irra deddeebiin yoo yaaltes deebii hinarganne.
Hoogganaan sab-quunnamtii koomishiinii hooggansa yaaddoo balaa Itoophiyaa Dabbabaa Zawudee gama isaaniitiin; naannoo Oromiyaa godina Wallaaggaa lixaa aanaa Gimbii ganda Toleetti lammiiwwan buqqa’an kuma shanitti dhiyaatanuuf deeggarsi namoomaa kan taasifameef yoo ta’u; deeggarsichi gahaa ta’uu fi dhiisuun isaa garuu baay’ina buqqaatotaatiin kan murtaa’u ta’a jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Koomishiinichi marsaa lamaan buqqaatota naannoo sana jiranuuf deeggarsa namoomaa ergeera jedhaniiru. Marsaa jalqabaatiin torban lama dura ruuzii kuntaala 375; daakuu qamadii kuntaala 375; akkasumas buqqaatota keessaa daa’imman, dubartoota ulfaa fi haadholii hoosisanuu fi maanguddoota yaada keessa galchuun nyaata qaama gabbisu kuntaala 37; buskutii kaartoonii 500; aatoo boonsituun kumni 100 ergamuu hooggantichi eeraniiru.
Itti dabaluunis; uffata halkanii 2,400; firaashii 400; okkotee sibiilaa 2,400; jarikaanii 1,200; kubbaayyaa 4,800; joogii 4,800; saanii 4,800; cilfaa 1,200 ergameera jedhan.
Dabalataan marsaa lammaffaadhaan jechuunis torban darbe keessa teemirii kiiloo giraama 4,800 fi uccuu konkolaataa lama guutuun fe’amee ergamuu kan kaasan hooggantichi; yeroo itti aanuttis naannicha waliin maryachuun deeggarsi akka taasifamu eeraniiru.
አዲስ ማለዳ Waxabajjii 25 2014 No 55



