Itoophiyaa keessatti namoota ija buqqisanii wallaanamuuf eeggatan kuma 300 ol keessaa hanga yoonaatti namoota kuma lamaa fi 824 qofaaf akka raawwatame baankiin ijaa Itoophiya Addis Maaledaatti ibse.
Baankichi qu’annoo waggoota 14 dura qoratameen Itoophiyaa keessatti dhukkuba ijaatiin hubamuu isaaniitiin ija buqqisanii bakka buusuufii namoonni barbaadan kuma 300 ol ta’uun isaanii yoo beekames; hanga hanga ammaatti agruu namoonni qaroo ijaa arjooman baay’ee xiqqaan waan jiranuuf tajaajilichi namoota muraasaaf qofa kennamuun himameera.
Kanaais yeroo qu’annoon yoo qoratame namoonni miliyoona tokko ta’an ija buqqisanii bakka buusuun isaan barbaachisa. Hata’u malee namoonni qaroo ijaa arjooman daraan xiqqaa ta’uu isaaniitiin hanga barbaadamu hojjechuu hindandeenye jedha baankichi.
Qindeessaan hubannoo qabachiisaa baankiin ijaa Itoophiyaa Naggaa Damissee; namoonni ija buqqisanii wallaanamuu barbaadanii fi baay’inni arjoomtotaa baay’ee wal irraa fagoo dha jechuun ibsaniiru. Qu’annoon kan beekame dhibamtoota kuma 300 ol hanga xumura ji’a Caamsaa darbeetti namoota kuma lamaa fi 824 qofaaf raawwatame jedhaniiru.
Waggaa kanas ji’a Amajjii irraa jalqabee hanga ammaatti namoota 90 ta’anu qofaaf ija buqqisanii bakka buusuun kan raawwatameef yoo ta’u; kunis kan ta’e baay’inni arjoomtotaa waan xiqqaa ta’eef jedhaniiru.
Baankichi karaa sadiin qaroo ijaa akka walitti qabu ibsuunis; jalqaba waamicha bilbilaa hayyamamaan yoo ta’u; kunis namoonni dursanii waadaa galan erga du’anii booda dhaamsa isaanii karaa maatii isaaniitiin bilbiluun karaa itti raawwatamuu dha jechuun dubbataniiru.
Inni lammaffaan waamicha bilbilaa fedhiidhaan taasifamu yoo ta’u; qaamni arjoomu waa’ee baankii ijaa hubannoo qabaachuun utuu waadaa hinseenin yoo boqotan; karaa hayyama maatii isaaniitiin arjoommiin kan taasifamuu dha.
Inni sadaffaan walitti qabuu qaroo ijaa hospitaala bu’ureeffate yoo ta’u; kunis arjoomtonni dursanii xiqqaachuu hubannootiin ykn giddugalli waadaan itti seenamus Finfinnee qofa ta’uu isaatiin bakkii fi yeroon mijachuu hafuu isaatiin utuu waadaa hinseenin hospitaalatti yoo boqotan; gorsitoota baankii ijaa erguudhaan maatii isaanii wajjin maryachuun hayyamamoo yoo ta’an arjooma qaroo ijaa raawwatamu ta’uu ibsan. Kunis yeroof kan hojjetamaa jiru hospitaala Xiqur Anbassaa, Phaa’uloosii fi Raas Dastaatti jechuun ibsan.
Qindeessichi hubannoon hawaasni waa’ee baankii ijaa irratti qabu xiqqaa dha erga jedhanii booda “namni baay’een ijji isa guutuun kan ka’u itti fakkaata; hata’u malee qaroon isaa erga ka’ee booda ogeessaan yoo ta’e malee ka’uun isaa hinbeekamu” jedhan.
Kan arjoomamu daraan laafaa kan ta’e foddaa hanga qeensaa geessuu dha; kunis jireenya namaa haala olaanaadhaan kan jijjiiru waan ta’eef namoonni erga du’anii guyyoota sadii booda kan dhangala’uu fi biyyoof kan ta’u ija isaanii lammii isaaniitiif akka kennan hubachiisaniiru.
Giddugaleessonni buqqisanii jijjiiruu fi baay’inni ogeeyyii utuu dabalee; akkasumas namoonni arjooman baay’een utuu jiraatanii namni ijji isaa dhukkubsate hundi ijji isaa akka fayyuuf barbaada kan jedhan qindeessichi; yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti haakimoonni tajaajila kana kennan saddeet qofaa dha jedhan.
Ogeeyyota kana keessaas Jimmaa, Gondarii fi Hawaasaatti kan argamanuun alatti kan hafan Finfinnee keessa kan jiran yoo ta’u; oeeyyiin barataa jiran waan jiranuuf gara fuula duraatti baay’inni isaanii ni dabala jedhan.
Kunis kan ta’e ogeessi ijaa hundi hojii kana hojjechuu waan hindandeenyeef; barnooti isaa leenjii addaa kan barbaaduu fi biyya alaatti kan kennamu “sun speciality” Itoophiyaa keessatti waan hinkennamneefi dha jechuun dubbatan.
Kana waan ta’eef itti gaafatamni baankii ijaa kun qaroo ijaa walitti qabuu, qulqullinaa fi fayyaa isaa mirkaneessuu, gara giddugaloota jijjiirraatti raabsuu, kan raabsame too’achuu yoo ta’u; giddugaleessota keessattis ogeeyyii baay’isuun hojii isaa isa duraa ti jedhaniiru.
Baankiin ijaa gara naannoleettis adeemuun hojii hubannoo horachiisuu hojjechuuf yoo yades; sababa rakkoo maallaqaatiin kana gochuu dadhabuu isaatiin hojiiwwan dursaa raawwataa akka jiru ibsameera.
Baankiin ijaa Itoophiyaa tajaajila hawaasaaf kennu irraa kan ka’e A.L.A. bara 2020tti sadarkaa adunyaatti moo’ataa dhiibbaa umtotaa akka ture ni yaadatama.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 16 2014 No 58



