Namoonni lama ajjeefamanii shan mada’aniiru
Naannoo saboota sab lammootaa fi ummattoota kibbaa aanaa addaa Amaarootti hidhattoonni ABO Shanee kan baratame irraa haala adda ta’een meehshaa waraanaa gurgudduudhaan hubaatii banuu isaanii jiraattonni Addis Maaledaatti ibsan.
Hubaatii meeshaa waraanaa gurguddaa kan baname aanaa addaa Amaaroo jalatti kan argaman gandoota Sharoo fi Jaloo jedhaman lamatti ta’uu Addis Maaledaan jiraattota naannoo sanaa irraa dhageesseetti. ABO Shaneen hubaatii baneen hanga gabaasni kun qophaa’etti jiraattonni ganda Sharoo lama ajjeefamuu isaanii ragaaleen ijaan argan Addis Maaledaatti himaniiru.
Namoonni du’an ni fayyu jedhamanii mana wallaansaatti geeffamanii yoo turanis miidhaan isaan irra gahe cimaa ta’uu isaatiin fayyuu akka hindanda’inii fi turtii guyyaa tokkoo booda; jechuunis Adoolessa 14 bara 2014 mana amantaa kiristaanaa Makaane Iyyesuusii Sharootti sirni awwaala isaanii akka raawwatame madden ibsaniiru. Madden Addis mledaa akka ibsanitti yoo ta’e; baay’inni namoota du’anii fi miidhamanii kana caaluu akka danda’uu dha.
Hidhattoonni jiraattota irratti miidhaa ajjeechaa kan qaqqabsiisan Adoolessa 13 bara 2014 yoo ta’u; humni raayyaa ittisa biyyaa naannaawaa sana ture 30 hincaalu jedhameera. Humni raayyaa ittisaa xiqqaa ta’uu hordofees gareen hidhataa kun wayita hubaatii qaqqabsiisutti jiraattota dhiisuun baqataniiru jedhameera. ABO Shaneen namoota ajjeesuu isaatiin dabalatatti beelada qonnaan bultootaa 70 ol hooffachhuun isaa ibsameera.
Gama biraatiin; Hawaasaa hanga Diilaa; Diillaa hanga Amaarootti daandiin geessu erga cufamee waggaa torba akka lakkoofsisee fi hanga ammaatti akka hinbanamin eeranii; mootummaan garuu hanga kana hundi raawwatamutti callisee ilaalaa jira jedhameera.
Shaneen waggoota torbaan duraa jalqabee hanga ammaatti aanaa addaa Amaarootti hubaatii raawwachuu akka hindhaabne kan jedhan jiraataan ganda Jaloo; kan kana caalu utuu hindufin yoo xiqqaate humni waraanaa baay’ina qabu akka ramadamuuf hubachiisaniiru.
Madden akka ibsanitti yoo ta’e; kun ta’ee ganamaan isaa jechunis Adoolessa 14 bara 2014 aanicha jalatti kan argamtu ganda Jaloo jiraatanutti meeshaa gurguddaadhaan hubaatii baneera.
Gandi Jaloo ammas taanaan kutaa hubaatii jala jiraachuu ishee hordofee miidhaan guutummaadhaan qaqqabe yoo hinbeekamnes; jiraattonni naannoo sanaa odeeffannoo hanga amaatti qabanuun jiraattonni shan mada’aniiru.
Kana waan ta’eef Maanguddootaa fi daa’imman dabalatee tulluuwwanitti faffaca’nii akka jiranuu fi kana keessaas tokko ta’uu isaanii kan odeeffannoo kennan kun Addis Maaledaatti himaniiru.
Aanichi buufata hubaatiit ti kan jedhan jiraataan naannoo sanaa; kan tibba kana qaaxxeen itti baname ganda Jaloo dabalatee hanga ammaatti namoonni gandoota 10 keessa turan garee hidhate kanaan ajjeefamaa; buqqifamaa fi qabeenyi isaanii saamamaa tureera jechuun yaadachiisan. Ammas taanaan ganda Jaloo sagaleen dhukaasa meeshaa gurguddaa dabaaleera jedhaniiru. Adoolessa 14 bara 2014 guyyaa sa’atii saddeetii jalqabee hanga galgala sa’atii 12 fi walakkaatti utuu addaan hincitin wal jijjiirraan dhukaasaa taasifamuu bakkicha irraa dhiyeenyatti kan argaman jiraataan naannoo sanaa Addis Maaledaatti himaniiru.
Addis Maaledaan kan dubbiste bulchaa itti aanaan aannaa Amaaroo Taarreqeny Malaakuu; gareen hidhataa ABO Shanee kanaan duras hubaatii raawwachaa turuu isaa kaasanii; ammas ganda Jaloo too’annaa jala oolfachuuf qaaxxee banuu isaa dubbataniiru. Bakka bulchcichi jiran dhukaasni jiraachuu himanii; kana caalaa deebii kennuu akka hindandeenye ibsaniiru.
Hoogganaan waajjira nagaa fi tasgabbii aanichaa obbo Biruk Ayyalaa gama isaaniitiin; Addis Maaledaa wajjin wayita dubbataa turanitti; naannoo isaan jiran hidhattoonni waan jiranuuf dhimmicha ibsuun akka hinmijnne dubbataniiru.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 16 2014 No 58


