Araddaa agadaa warshaalee sukkaaraatiif dhiyeessiin xaa’oo akka hinjirre Addis Maaledaan ogeeyyii warhsaalee keessa hojjetan irraa beekuu dandeesseetti.
Bara kana hanqinni xaa’oo biyyoo akka biyyaatti kan mudate ta’uu hordofee; dursi qonnaan bultootaafi jechuun araddaaleen agadaa shonkooraa xaa’oo malee misoomaa jiru jedhameera.
Maqaan isaanii akka ibsamu kan hinbarbaanne warshaa sukkaaraa Wanjiitti araddaa agadaa shonkooraatti hojjetaa qonnaa ta’uun ogeessi hojjetan Addis Maaledaatti akka ibsanitti; araddaan shonkooraa hektaaraan xaa’oo hanga kuntaala afurii ta’u kan fayyadamu ta’us; waggaa kana garuu dhiyeessiin xaa’oo waan hinjirreef duwwaadhuma dhaabataa jira jedhan.
Araddaan shonkooraa xaa’oo malee wayita dhaabatu hir’ina oomishaa bal’aa hordofsiisa jechuun ibsanii; kan jalqaba dhaabamu caalaatti kan agadaan isaa muramee yeroo lammaffaa fi sadaffaaf biqilu oomishtummaan isaa hir’ataa waan deemuuf xaa’oo ni barbaachisaaf ture jedhan.
Warshaalee sukkaaraatiif dhiyeessiin xaa’oo kan hinjirre warshaa sukkaaraa Wanjii Shawaatiif qofa osoo hintaane warshaalee hundaaf jechuun dubbatan.
Hata’u malee rakkinicha furuudhaaf akka xaa’oo uumamaatti kan tajaajilu haftee oomisha warshichaa fayyadamuuf yaaliin taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Warshichi yeroo ammaa lafa hektaara kuma saddeet ta’u irratti shonkoora misoomsaa yoo jiraates; ammas hanqinni lafaa ni jira jedhan.warshichi humna daakuu isaa waan guddiseef yeroo suphiinsaa xumuruun gara oomishaatti wayita galu hanqinni agadaa akka jiraatu ibsaniiru.
Dabalataanis; sababa hanqina bishaaniitiin shonkooraan utuu hindhugin hafu jiraachuu isaa kaasuun; oomishtummaan shonkooraas yeroo gara yerootti hir’achaa jira jechuun hubachiisan. Itti dabaluunis agadan kan muramu harkaan waan ta’eef kunis hundee irratti akka hinmuramne waan taasisuuf qisaasa oomisha uuma jedhaniiru.
Agadaa lafa hektaara kuma 13 irratti misoome qaba kan jedhame warshaan sukkaaraa Xaanaa Balas; hanqina dhiyeessii xaa’oo qabuun cinatti yeroo ammaa kana humna isaa guutuudhaan oomishaa waan hinjirreef; oomishni shonkooraa isaa dursee qaqqabuudhaan gogaa jira jedhameera.
Gama biraatiinis; warshaalee sukkaaraa tokko tokkotti fakkeenyaaf warshaalee sukkaaraa Wanjii fi Xaanaa Balasitti araddaa shonkooraa irraa hangi murtaa’e qamadiin waan irra faca’aa jiruuf waggaa itti aanu hanqinni sukkaaraa jiraachuu danda’a yaaddoon jedhi ni jira.
Hata’u malee; kun kan ta’e araddicha boqochiisuuf akkasumas wayita gannaa suphiinsa irra waan turanuu fi shonkoorri yeroo kanatti yoo dhaabame waggaa isaatti Waxabajjii keessa waan ta’eef qisaasa lafaa hir’isuuf dha jechuun ogeeyyiin Addis Maaledaatti himaniiru.
Addis Maaledaan warshaalee sukkaaraatti hanqinni shonkooraa mudachuu kanaan dura gabaasuun ishee ni yaadatama. Fakkeenyaafis warshaa sukkaaraa Matahaaraatti roobni arfaasaa yeroo eegee roobuu hafuu isaa fi hongeen naannicha jiru kan waggaa biraa adda ta’uu isaatiin; hanqinni shonkooraa jiraachuu; akkasumas naannoo Affaaritti kn argamu warshaan sukkaaraa Tandaahoo sababa hongeetiin araddaan isaa barbadaa’uu koorporeeshiiniin sukkaaraa dursee beeksiseera.
Addis Maaledaan warshaalee sukkaaraatti waa’ee hanqina xaa’oo jiruu ilaalchisuun koorporeeshiinii sukkaaraa Itoophiyaa irraa ibsa argachuuf irra-deddeebi’uun yaalii yoo taasistes utuu hinmilkaa’in hafeera.


