Ministeerri geejjibaa fi loojestiikii rakkinicha furuuf kallattii qabachuu isaa eereera
Naannolee Itoophiyaa bakka adda addaatti kutaaleen hawaasaa argaman dabalata gatii taariifaan ol ta;etti mufachuu isaanii Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Haala dhiyeessitoonni komichaa ibsaniin naannolee Itoophiyaa adda addaa keessatti tumsa boba’aa mootummaadhaan taasifame sababeeffachuun konkolaachistoonni taarifa murtaa’een ala kaffalchiisaa jiru jedhameera.
Dabalati taarifichaa Finfinnee irraa jalqabeetu jechuun kan dubbatanii fi Addis Maaledaan buufata konkolaataa Laambaratitti argachuun kan dubbifte imalaan Moogas Yirdaaw jedhaman; gara Dabirebirhaan adeemuuf taarifni isaa birrii 82 ta’uu eeraniikonkolachistoonni kan kaffalchiisan birrii 150 fi isaa oli jedhan.
Dabalati taarifaa kan murtaa’een ol ta’e furmaati itti kennamaa hinjiru kan jedhan Moogas; ji’a lama dura Finfinnee gara Dabirebirhaanitti imaluuf kaffalamaa kan ture birriin dhibbi tokkos tarifaan ala akka ture yaadachiisan. Sun sirraa’uu utuu qabuu keessaa habaatuu gara birrii 150tti ol ka’eera jechuun komii isaanii ibsan.
Imaltoonni naannoo Harariitti argaman gama isaaniitiin; kaffaltiin geejjibaa hanga murteeffameen kaffaluun haahafuutii buufata konkolaataa keessayyuu qaamni komii fuudhu waajjiratti hinargamu jedhaniiru.
Ji’a Adoolessaa irraa jalqabuun tumsi boba’aa yoo taasifames rakkoo hawaasaa furuu akka hindandeenyee fi kaffaltiin geejjibaas bu’ura taarifaatiin kaffalamaa akka hinjirre tajaajilamtoonni dubbataniiru.
Naannoo Amaaraa gdina Shawaa kaabaa aanaa Raayyaa Qobbootti magaalaa guddattuu Takuleesh irraa gara magaalaa Qobbootti imaltoonni adeeman daandii taarifni isaa birrii 30 ta’eef konkolaachistoonni dirqisiisuun birrii 100 kaffalaa akka jiran eeran.
Geejjibni daandii imala kanaaf taarifni murteesse birrii 30 ta’us; konkolaachistoonni garuu fedha ofii isaaniitiin kaffalticha gara birrii 100tti akka guddisan imaltoonni himaniiru.
Imalaan Mollaa Mallasaa jedhaman “Takuleesh irraa gara Qobbootti imaluuf daandii taarifni isaa birrii 30 ta’eef birrii 100 kaffalaa jirra” jedhaniiru. Qaama dhimmichi ilaalu hunda gaafanneerrakan jedhan Mollaan; hooggantoonnis utumaa ilaalanuuti akka waan hinargineetti bira darbu jedhan. Tiraafiikiin daandiis ji’a keessaa gaaf tokko daandi as baha” jechuun himaniiru.
Dabalati taarifaa kan hubatame konkolaattota deddeebisaa uummataa xixiqqaa fi giddugaleessaa irraa jalqabee awutobuusota biyya qaxxaamuran kan biraas akka dabalatu komii dhiyeessitoonni himaniiru.
Awutobuusonni Salaam, Iskaay, Abbaayii fi kan biraa biyya qaxxaamuran hangi birrii kaffalchiisan yeroo yeroon dabalaa jira jedhameera.
Imaltoonni Finfinnee irraa gara Dabre Maarqositti adeeman gama isaaniitiin; kaffaltichi ji’oota lama keessatti dachaadhaan ol dabaluu isaa ibsaniiru. Akka imaltoonni jedhan yoo ta’e; Maarqosii gara Finfinneetti imaluuf ji’a lama dura birrii 355 kan ture yoo ta’u; ji’a tokko keessatti dabalata birrii 100 agarsiiseera.
Dabalati kun sirraa’uu utuu qabuu ammas keessaa habaatuu birrii 445 irraa gara 600tti guddachuu isaa kaasaniiru. Bakkeewwan adda addaa kan biraattis dabalati gatii geejjibaa jiraachuu dubbataniiru.
Ministeera geejjibaa fi loojestikiitti hoji geggeessaan koomunikeeshiinii fi sab-quunnamtii Taaxaq Nagaash; tumsa boba’aa mootummaan taasise ilaalchisee haala olaanaadhaan taarifaan ol kaffatamaa jiraachuu dhugaa bahaniiru.
Tumsichaan karaa walqabateenis too’annaan barbaachisaa ta’ee waan argameef poolisii federaalaa fi humnoota nageenyaa naannolee wajjin ta’uun dhiyeenyatti hojiin dhimmicha too’achuu ni jalqabama jechuun Taaxeq ibsaniiru.
Hooggantichi yeroo dhiyoo keessatti kan ifa taasifaman kallattiiwwan rakkinicha furuuf gargaaran jiraachuus Addis Maaledaatti ibsaniiru.
አዲስ ማለዳ Adoolessa 30 2014 No 60



