መነሻ ገጽAfaan OromooOduu AbooliiQajeelfamni gaaffii kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa irratti ka’u furu qophaa’a jira

Qajeelfamni gaaffii kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa irratti ka’u furu qophaa’a jira

Gaaffiiwwan kaffaltii manneen barnootaa dhuunfaa irratti ka’an kan furu qajeelfamni fooyya’insaa qopha’aa jiraachuu ministeerri barnootaa Addis Maaledaatti beeksise.

Ministeera barnootaatti ogeessi hordoffii fi madaallii kutaa barnoota waliigalaa Balaay Awwaqaa Addis Maaledaatti akka ibsanitti; bu’uura seera kanaan dura tureetiin manneen barnootaa dhuunfaa fi maatii gidduutti waliigaltee taasifameen kaffaltiin barataa akka raawwatamuu fi amma hojmaata kana fooyyessuuf qajeelfamni gargaaru qopha’aa jira jedhaniiru.

Manni barnootaa dhuunfaa tokko dabalata yookaan hir’ina kaffaltii mana barumsaa barataa taasisuuf wayita dirqamu barri barnootaa utuu hindhumin ji’oota sadii dursuun maatii fi koreewwan mana barnootichaatti beeksisuun odeeffannoo sababootaa manni barumsichaa dhiyeessu irratti hundaa’uun maatii akkasumas koree mana barumsichaatiin marii bal’aa taasifameen kaffaltiin mana barnootichaa akka murtaa’u qajeelfama taasisuu dha.

Kanumaan cinatti manneen barnootaa dhuunfaa waliigalaan gurmaa’ina isaanii irraa jalqabee sirni barnoota isaanii maal akka fakkaatuu fi sadarkaa idil-adunyaa kan ta’an xiyyeeffannaan adda baasuu; hawaasaaf kan hundaa’an adda baasuu; bu’aaf kan hundaa’an adda baasuu; humna nama isaanii addaan baasuu; misooma bu’uraalee isaanii fi kan biraas dabalatee maal akka fakkaatan adda baasuu fi qajeelfama fooyya’insaa deebii kennuu danda’u ta’uu ogeessichi Addis Maaledaatti eeraniiru.

Ogeessichi itti dabaluunis; yeroo ammaatti ministeerri barnootaa qajeelfama fooyya’u kan qopheessaa jiru yoo ta’u; qajeelfamichi erga xumuramee booda qaamolee dhimmichi isan ilaaluu wajjin irratti ni maryatama jedhaniiru.

Qajeelfamichi mariin ykn falmiin irratti taasifamuun yaadonni fooyya’an yoo jiraatan carraan itti fooyya’an jiraachuu waan danda’uuf; qajeelfamichi xumuramuun yoom hojii irra ooluu akka danda’u eeruun akka hindanda’amne himameera.

Dabalataan qajeelfamni fooyya’insaa kun qophaa’ee erga xumuramee booda ministeera Haqaatti dhiyaatee lakkoofsi kennameefii erga ragga’ee booda qajeelfamichi hojii irra akka ooluu fi kutaalee hawaasaa hundaaf ni ibsama jedhameera.

Ministeerri barnootaa yeroo itti aanutti qopheessuun hojii irra kan oolchu qajeelfama fooyya’insaa maatii fi manneen barnootaa dhuunfaa kan hinraawwanne irratti seera bahu bu’ureeffachuun gaafatamaa akka ta’anu ogeessichi dubbataniiru.

Ministeera barnootaatti ogeessi hordoffii fi madaallii kutaa barnoota waliigalaa kun walqabsiisuunis; magaalaa Finfinneetti; naannolee Amaaraa fi Oromiyaatti kan argaman manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa idil-adunyaa 29 ta’antu jiru. Manneen barnootaa kun kan barsiisanuufis ta’ee barattoota humna hinqabneef adeemsi carraa barnoota biliisaa itti kennan kan jiru yoo ta’es; gama ministeera barnootaatiin garuu seerri dirqisiisaan kaa’ame hinjiru jedhaniiru.

Manneen barnootaa sadarkaa idil-adunyaa Itoophiyaa keessa jiran kun barattoota hangam barsiisuuf akka humna qaban yeroof eeruuf akka rakkatanu ogeessichi kaasaniiru.

Dabalataanis dhaabbileen barnootaa idil-adunyaa kanaan olitti eeraman seerrii fi danbiin isaanii garaagara akka ta’ee fi bu’ura ulaagaa isaaniitiin carraa barnoota biliisaa akka kennan ibsameera.

Manneen barnootaa kun itti gaafatamummaa hawaasummaatiif waan hunda’aniif wayita carraa barnootaa biliisaan mijeessan ministeerri barnootaa itti gaafatamummaa beekamtii kennuu bahataa akka jiru ogeessichi eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Adoolessa 30 2014 No 60

- ይከተሉን -Social Media
ተዛማጅ ጽሑፎች

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here

- Advertisment -
Ads

የቅርብ ጊዜ ጽሑፎች