Horsiisonni lukkuu qabeenyaa isaanii gurguruun sadoo hojii dhaabuu taasisuuf akka ta’e dga’ame

0
2987

Horsiistonni lukkuu qabeenyaa harka isaanii jiru dimshsaashaan gurguruun erga xumuranii booda sadoo hojii dhaabuu taasisuuf karoorfachuu isaanii horsiisonni lukkuu magaalota naannolee adda addaa keessa jiran Addis Maaledaatti himaniiru.

Horsiistonni dame kanatti bobba’an baay’een isaanii gatii hanga ammaatti ittiin gurguraa jiran irraa hir’isuun qabeenyaa isaanii guutuu kennaa jiraachuu kan eeran yoo ta’u; mootummaan horsiisa lukkuutiif xiyyeeffannaa waan hinkenniniif bu’aa isaa irra miidhaan isaa akka caalu tarreessuun ibsaniiru.

Namoonni hojichatti bobba’an akka himanitti; ji’oota dura uumameera jedhamee kan ture weerara lukkuu ajjeesa jedhameen dhorkaa mootummaan kaa’een buphaa baay’een waan hingurguraminiif kasaaraan waan isaan mudateef; gatiin nyaata lukkuu waan qaala’eef akkasumas dabaree ganni dhufuun qorumsa waan isaanitti ta’uuf akka ta’e dubbataniiru.

Hojii dhaabuuf adeemsa irra jiraachuu kan ibsan horsiistonni lukkuu; hundaa olitti qaala’insi gatii nyaata lukkuu akka isaanitti hammaate dubbataniiru. Gatiin nyaata lukkuu kuntaalli tokko yeroo walfakkaataa waggaa darbeetti birrii kuma lamaa fi dhibba lama akka ture yaadachuun; bara kana garuu gara birrii kuma sadii fi dhibba afuriitti ol ka’eera jedhan.

Horsiistonni waggoota hedduuf lukkuu horsiisaa turanii fi magaalota Dabre Maarqos, Hawaasaa, Bishooftuu fi Finfinneetti argaman; waan qaban gurguruun hojii dhaabuuf kan fiffiigaa jiran keessaa muraasa ta’uu ibsaniiru.

Horsiistonni lukkuu naannoo Dabre Maarqositti argaman hojicha dhaabuuf lukkuuwwan horsiisaaf bitanii fi buphaa kasaaranii gurguraa jiraachuu dubbataniiru.

Horsiistonni lukkuu hundi yoo hojii dhaaban immoo bu’aa lukkuu argachuun akka hindanda’amne utuu hinhimin bira hindabarre. Namoonni naannoo Hawaasaatti hojii kanarratti bobba’an gama isaaniitiin; lukkuuwwan, buuphaa akkasumas meeshaa buphaa irra ka’an gurguraa jiraachuu eraniiru. Komattoonni kun akka ibsanitti yoo ta’e; lukkuuwwan hanga yoonaatti birrii 400tti gurguraa turan amma birrii 250tti gurguruuf dirqamaniiru.

Horsiistonni naannoolee hundatti argaman dhorkaan sababa weerarichaatiin taasifamee tureen buphaa baay’een faayidaan ala akka jalaa ta’e kan ibsan yoo ta’u; weerarichi Bishooftuu bakka tokkotti uumamuu isaatiin mootummaan dhorkaa taasisee turuun isaa “shirri yaade waan jiruuf” jechuun irra-deddeebiin ibsaniiru.

Gama horsiisota lukkuutiin ejjennoon lama jiraachuu Addis Maaledaan dhageesseetti. Muraasni isaanii rakkoo damee kana qoraa jiru dandamachuun hojii keenya itti fufna yoo jedhan; kaan immoo waan qaban gurguruun sadoo hojii dhaabuu taasisna jechuun isaanii dhaga’ameera.

Rakkinicha dandamachuu akka qaban horsistonni amanan mootummaan sababa weerarichaatiin daldaltoonni bakkaa bakkatti akka hinsochoone kan dhorkaa kaa’e daldaltoonni kasaaraa isaan mudatuun dallananuun hojii akka dhaabanuuf gochuuf ta’uu hubachuudhaani jedhaniiru.

Kan hafan immoo qaala’uu gatii nyaata lukkuu fi dhorkaa kaa’ameen kasaaraa keessa waan galaniif hojicha dhiisuu fi shira mootummaan yaadeera jedhan kana fashaleessuuf kan damee hojii kanaatti bobba’an hundi sadoo hojii dhaabuu akka taasisan amanuudhaan ta’uu ibsaniiru.

Hoogganaan waldaa horsiistotaa fi qindeessitoota lukkuu Itoophiyaa Biraanuu Miliyoon gama isaaniitiin; hedduun isaanii qaala’uu gatii nyaata lukkuu fi weerarichaan akkasumas sababa gatiin buuphaa gadi bu’eef horsiistonni lukkuu baay’een hojicha keessaa bahuuf murteessuu isaanii ibsaniiru.

Kun yoo ta’e yeroo tokko gatiin buuphaa sadarkaa olaanaa irra gahuun isaa waan hinhafneef namoonni hojichatti bobba’an haaluma turaniin akka itti fufanuuf mootummaa wajjin dubbataa jirra yoo ta’es; hanga ammaatti rakkinichi hinfuramne jedhaniiru.


አዲስ ማለዳ Hagayya 14 2014 No 62

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here