Hidha Haaromsaa xumuruuf hirmaannaa uummataa itti fufu

0
864

Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa xumuruuf boqonnaa xinnaan kan hafe yoo fakkaates; xumuraan gahuuf garuu baasii fi yeroo salphaa hinjedhamne barbaaduu akka danda’u tilmaamama.

Hidhichi erga jalqabamee waggoota kudha duraa alqabee hirmaannaan uummataa bal’aan kan adda irraa hinbaane; deeggarsi haamilee fi maallaqaa guddaan kan kennamuuf piroojeektii uummataa isa dursaa dha jedhamuu danda’a.

Kibxata Hagayya 17 bara 2014 hirmaannaa uummataa caalaatti kakaasuun qabeenya walitti qabuuf jechuuf qaamoleen dhimmichi isaan ilaalu ibsa waloon kennaniin; yeroo kanatti guutinsi bishaanii marsaa sadaffaan; akkasumas tarbaayinii lammaffaan humna maddisiisuu hordofee uummata biratti kaka’umsa olaanaa uumeera jedhameera.

Kanaanis hidhichi erga jalqabamee hanga yoonaatti milkaa’ee hinbeeku kan jedhame; ji’a Adooleessaa darbe qofa deeggarsi birrii miliyoona 200 fi miliyoona 73 caalu akka walitti qabame ibsameera.

Deeggarsichi nama dhuunfaatiin qofa osoo hintaane dhaabbilees dabalatee akka ta’ee fi kanaanis dhaabbilee baay’eenis hidhichaaf deeggarsa bal’aa taasisuun isaanii ni eerama.

Pirezidaantiin baankii daldalaa Itoophiyaa Abbee Saanoo akka ibsanitti; hidhichi hirmaannaa uummataa fi dhaabbileetiin as kan ga’e yoo ta’u; baankichi hanga ammaatti humna hidhichaa kan daddabarsu diriirsuuf kan oolu naannoo birrii biliyoona 100 fi biliyoona 50 caalu humna eleektiriikii Itoophiyaatiif liqiidhaan kennuu isaa hubachiisan.

Itti dabaluunis; haala qaamni alaa liqii kennu hinjirreen baankichi madda faayinaansii tokkicha ta’uun tajaajiluu isaa eeruun; hidhichaaf birrii biliyoona 10 ol walitti qabuu isaa kaasaniiru.

Baankichi kontiraakteroota piroojeektichaatiif wabii baankii kennuu fi qabeenya walitti qabuuf haala mijataa uumuu isaa irra darbee maallaqa olaanaa kan itti dhangalaasee dha kan jedhan pirezidaantichi; hanga ammaattis hojjettoonni baankichaa fi baankichi birrii miliyoona 200 oliin boondii bituu isaanii dubbataniiru.

Yeroo itti aanuttis qusattoonnii fi maddisiistonni sharafa alaa baankicha waliin ta’uudhaan hidhicha xumursiisuuf tumsa barbaachisu akka itti fufan gaafataniiru.

Hoogganaan ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa injineer Kifilee Horoo gama isaaniitiin; piroojeektii yeroo tokko yaaddoo olaanaa keessa seenee ture dhugoomsuuf hojii hojjetameen tarbaayinii lammaffaadhaan anniisaa maddisiisuu jalqabneerra; guutinsa bishaanii marsaa lammaffaas xumurree bishaan kiyuubiik meetirii biliyoona 22 qabuu dandeenyeerra jedhan.

Piroojeektota gufuu hedduutu mudata; hata’u malee waggoota lamaa fi sadii dhufan keessatti ni xumurama jedhaniiru

Hidhichi hojiiwwan ijaarsaa sadii qabaachuu kan ibsan hoogganaan ijaarsichaa; kunis hojiiwwan siivilii, makaanikaalaa fi sibiila (hydraulic construction) dabalatee raawwiin isaa waliigalaa dhibbeentaa 87.3 gahuu ibsaniiru.

Akka ibsa hooggantichaatti; hidhichi ijaaramuu erga jalqabee hanga ji’a Adoolessaa darbetti birriin biliyoonni 100 fi biliyoonni 75 baasii ta’eera. Ijaarsa hidhichaa hafe dhibbeentaa 12.7 raawwachuufis birrii biliyoona 55 hanga 60 gaafata.

Hidhicha ijaaruun xumuruufis birrii biliyoona 200 fi biliyoona 30 akka barbaachisu kaasanii; idaan biyya kamiiyyuu saantima shank an of irraa hinqabne; faayinaansiidhaanis daraan guddaa kan ta’e piroojeektii Itoophiyaanotaa ti jedhaniiru.

Hooggantichi itti dabaluunis; haadholiin baadiyyaa hedduun fayyadamtoota eleektiriikii waan hintaaneef daa’imman isaanii gara mana barumsaatti kan erganu utuu ciree hinkenniniifi dha. Hata’u malee daa’imman tlmaama gatii ciree isaanii hidhichaaf gumaachan ni jiru. Deeggarsa walitti qabame keessaa ga’een haadholii baadiyyaa fi guddattootaa gadaanaa ta’uu ni danda’a; garuu miira gadi fagoo hidhichi kiyya jedhu of keessaa qabu jedhan.

Maallaqa dhorkuu irraa jalqabee; simmintoon gara hidhichaatti akka hingalle dhorkuu, dhiibbaawwan hanga kontiraaktaroota hidhicha ijaaran doorsisuutti gahan akka turan ibsuun; waltajjiiwwan idil-adunyaatti Itoophiyaan haqa qabdi jechaa hiyyaa kan turan Itoophiyaanotaa fi dhalattoota Itoophiyaa galateeffatanii; ammas deeggarsa isaanii akka itti fufan hubachiisaniiru.

Baankii misoomaa Itoophiaatti daarikteerri koomunikeeshiinii Yaabsiraa Kabbadaas akkasuma; baankichi boondii maxxansuun, raabsuu fi gurguruun hidhichaaf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hanga ammaattis kuppunoonni boondii miliyoona 27 caalan maxxanfamuun; miliyoona 24 ol immoo raabsamuu beeksisaniiru.

Ammas dameewwan baankii daldalaa Itoophiyaa miliyoona lamatti dhiyaatanuu fi dhaabbilee faayinaansii maayikiroo filatamanitti kuppunoonni boondii gahaan waan jiranuuf hawaasni deeggarsa isaa akka itti fufu hubachiisaniiru.

Dhuma irrattis; keessumattuu dhiibbaa idil-adunyaa dandamachuu akka dandeenyuuf; deebii qabatamaa hayyoonni yeroo yeroon kennanuuf; hidhichi deeggarsa hawaasaa akka argatuuf kan hojjetan dadammaqsiistota hawaasaatii fi dhaabbilee sab-quunnamtiif galata dhiyeessaniiru.

Waltajjichatti argamuun yaada kan kennan hoogganaan waajjira qindeessaa hirmaannaa ummata hidha haaromsaa magaalaa Finfinnee Misikkir Nagaash; ummata magaalichaa irraa hanga yoonaatti birriin biliyoona 3.8 hidhicha deeggaruu ibsaniiru.

Bara 2014 qofa deeggarsi birrii miliyoona 600 caalu taasifamuu ibsuun; xumuramuun hidhichaa keessumattuu magaalittiif hiikaa addaa qaba jedhaniiru.

Fedha anniisaa olaanaa hawaasni magaalattii qabu irra darbees; gaaffiiwwan investimentii dhiyaatan sirnaan deebisuun kan danda’amu yoo hidhichi anniisaa maddisiisuu danda’ee ta’uu hubachiisaniiru.

Hojii ijaarsa hidhichaa hafe xumuruufis deeggarsa  kan ammaatii gadi hintaane akka barbaachisu kan himan hooggantichi; kanaafi torban darbe irraa jalqabee magaalichatti sochiin gurgurtaa boondii jalqabamuu isaa beeksisaniiru. Sadarkaa biyyaalessaattis jala-bultii ayyaana bara haaraa torban tokko dursuun sochiin waan jalqabamuuf hawaasni deeggarsa danda’u akka taasisu gaafataniiru.

Laga Abbaay irratti utuu hintaane lageen keenya biraa irratti hojiiwwan misoomaa hojjechuuf biyyoonni akka Ijipti gufuu ta’anii turuu kaasuunis; ijaarsi hidha haaromsaa milkaa’aa jiru waliigaltee dogongoraa gita bittootaa kan haqe; akkuma biyyoota yaa’ichaa kan biraa fayyadamtummaa Itoophiyaa kan mirkaneesse ta’uus utuu hineerin hindabarre.

Itiyoo-telekoom gama isaatiin; keessumattuu ergaa gabaabaa 8100’tiin maallaqni akka salphaatti akka buufamu taasisuu irraa jalqabee; Itoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itoophiyaa biyyoota alaa keessa jiraatanis haala deeggarsa maallaqaa taasisuu itti danda’an mijeessuu fi hojjettoonni hidhichaa tajaajila neet-woorkii addaan hinciccine akka argatanuuf torbanii hanga torbaniitti eegumsa sa’atii 24’tiin hojjetaan jira jedheera.

Kana boodas hidhichi guutummaan hanga xumuramutti dhaabbatichi itti gaafatamummaa biyyummaa fi hawaasummaa akka bahatu hubachiiseera.

Waajjira piroojeektii qindeessaa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatti daarikteerri sab-quunnamtii fi koomunikeeshiinii Hayiluu Abraahaam gama isaaniitiin; Afriikaatti Aswaaniin kan ijaarte Ijiptiin dabalatee biyyi humna ofii isaatiin hidha ijaare hinjiru jechuun ibsanii; ummata keenyatti dabalataan michuuwwan keenya ashaaraa isaanii kaa’an hundi abbaa hidhichaa ti jedhaniiru.

Ijiptii fi Sudaanis utuu shoora omaa hingumaachin hidhicha irraa akka fayyadamanu kan eeran daarikteerichi; ajandaa jijjiirama qilleensaa adunyaan deeggaru haala hirphuu fi bifa furmaata ta’uun ijaaramaa kan jiru hidha keenyaaf dhaabbanni mootummoota gamtoomanii deeggarsa taasisuun utuu irra jiruu; faallaa kanaatiin adunyaadhaan himatamuun keenya sirrii miti jedhaniiru.

Kanaafis waggoota 11 keessatti gurgurtaa boondii fi karaawwan madda galii adda addaatiin birriin biliyoona 17 ol hawaasa irraa walitti qabamuu kaasanii; qonnaan bultoonnii fi horsiisaan bultoonni Itoophiyaas hidhichi dalalaan akka hinguutamneef hojiiwwan misooma sululaa birrii miliyoona 100 fi miliyoona 21tti shallagamu humna isaaniitiin hojjetaniiru jechuun ibsaniiru.

Hidhichi seenaa dhaloota bara kanaa; kan dhufuuf immoo seenaa fi hambaa waan ta’eef hidhicha xumuruuf kana booda deeggarsi hawaasaan taasifamu kan hanga ammaa taasifame caaluu qaba jechuun dubbataniiru.

        Abbaay

Ka’umsa isaa kutaa baddaa Itoophiyaa irraa kan taasifate Abbaay lageen adunyaa irra jiran hunda keessaa dheeraa yoo ta’u; kiiloo meetira kuma tokkoo fi 600 caalaa dheerata.

Lagichi keessumattuu faayidaa dinagdee fi sirna lafaa Afriikaa-bahaatiif murteessaa waan ta’eef; waggoota 50 darbanitti biyyoota yaa’a lagichaa jaha qofa keessatti hidhoonni madda eleektiriikii 25 ta’an irratti ijaaramaniiru.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni yaa’a Abbaay 11 yoo ta’an; isaanis Ertiraa, Keeniyaa, Ugaandaa, Rppabliika Diimookiraatawaa Koongoo, Ruwaandaa, Taanzaniyaa, Burundii, Sudaan kibbaa, Sudaanii fi Ijipti.

A.L.A. bara 1929tti Sudaanii fi Ijiptiin bitaa kan turte Inigiliiziin bishaan Abbaayitti fayyadamuuf waliigaltee mallatteessan. Waliigaltichi Ijipti laga Abbaay irratti olaantuu akka taatuuf aangoo kennuufiin dhimma Abbaay irratti mirga sagalee sagaleen diiguus ishee badhaaseera.

A.L.A. bara 1959tti Ijiptii fi Sudaan waliigaltee duraan taasisan caalaatti kan cimsu waliigaltee biraa taasisuudhaan bishaan lagichaa dhibbeentaa 66 Ijipti wayita fudhattu; dhibbaaentaa 22 Sudaan akka argattu taasiseera. Kan hafe dhibbeentaan 12 immoo urka kan ta’uu dha. Itoophiyaan waliigaltee kanaan gahee hinqabdu turte.

Tumsi Itoophiyaan dhimma Abbaaytti akka hirmaattu taasisu kan hundaa’e A.L.A. bara 1999tti yoo ta’u; yaa’ii kanatti Ertiraa irraa kan hafe biyyoonni yaa’a lagichaa kudhan itti hirmaataniiru.

Ijipti giddu-seentummaa gita bittootaatiin humna argatteen hidhoota biyyoota yaa’ichaa keessa jiran hanga too’achuutti geesseetti. Kanaanis Ijipti lagicha irratti humna too’annaa dhibbeentaa 66 yoo qabaattu; Sudaan dhibbeentaa 22 qabdi. Itoophiyaan lagicha too’achuuf siruma utuu humna hinqabaatin turteetti.

Yaa’I Abbaay bal’ina Afriikaa keessaa dhibbeentaa 10 akka qabu ni himama. Yaa’a kana keessa uummanni miliyoona 300tti dhiyaatu ni jiraata. Kana keessaa ummata Ijipti waliigalaan qabdu keessaa dhibbeentaan 95; akkasumas ummata Sudaan keessaa walakkaan isaa naannoo yaa’a Abbaay akka qubate tilmaamama.

              Hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa

Itoophiyaan bishaan lagichaa keessaa gahee dhibbeentaa 85tti dhiyaatu yoo qabaattes hanga yoonaatti lagicha irraa hidha akka hinqabne ni beekama.

Hidhi haaromsaa amma ijaaramaa jiru keessumattuu uummata Itoophiyaanota hanga yoonaatti faayidaa kana jedhamu lagicha irraa hinargatiniif abdii guddaa qabatee jira.

Ol ka’insa hidhichaa meetira 145 fi dheerina dalgee isaa kiiloo-meetira saddeetitti bishaan kiyuubiik-meetira biliyoona 74 qabuun; humna maddisiisuu irra darbee tuurizimiif faayidaa olaanaa kan qaban odoloota nam-tolchee 70 akka qabaatu ibsameera.

Yeroo kun ta’etti akka ibsametti humna meegaa waatii kuma shanii ol maddisiisuun Afriikaatti hidha guddaa ta’a.


አዲስ ማለዳ Hagayya 21 2014 No 63

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here