Barnoonni bara 2015 jalqabamuuf yeroo muraasni wayita hafe kanatti dabtarri barattoonni itti baratan hanga birrii 80tti gurguramaa jira.
Addis Maaledaan akka mirkaneessitetti keessumattuu magaalaa Finfinneetti gosi dabtaraa Raadikaal jedhamu abbaan fuula shantamaa tokko hanga birrii saddeettamaatti kan gurguramu yoo ta’u; magaalota kutaa biyyatti hir’ina xiqqaa akka qabu beekuun danda’ameera.
Dabtaroonni biraa qulqullina waraqaa gadaanaa qaban kan durii irraa haala adda ta’een gatii dabalataatiin gurguramaa jiru. Kanaanis dabatarri abbaan fuula shantamaa birrii 50 irraa jalqabuun gurguramaa jira.
Dabtaroonni fuula 32 qabanis akkuma sadarkaa qulqullina isaaniitiin gatiin isaanii birrii 30 hanga 60 ti. Maatiin barattootaas gatiin meeshaa barattootaa qaala’uu isaatiin komii qaban ibsaniiru.
Obbolaa isaa sadiif dabtara itti baratan bituuf birrii kuma lamaa ol baaseera kan jedhe dargaggeessi tokko; “ani waanin maallaqa qabuuf biteera; ta’us barattoonni baay’een sababa kanaan mana barumsaa irraa akka hinhafneef mootummaan deeggarsa addaa gochuu qaba” jedheera.
Hojii qinxaaboo daandii irraatiin kan jiraatan miseensi maatii tokko yaada kennaniin; “dabtarri barattootaa barnooti utuu hinjalqabamin gatiin isaa kan akkas qaala’e; erga barnoonni jalqabamee booda baay’ee akka dabalu ifaa dha. Gama kootiin bara barnootaa haaraatti mucaan kiyya kutaa shanaffaa barattu dabtara tokko gosa barnootaa lamaaf akka itti fayyadamtun taasisa; dura nyaannee buluu waan qabnuuf; isas yoon danda’ee dha” jechuun dubbataniiru.
Waggaa darbe jalqaba bara barnootaatti dabtarri hanga birrii 40tti gurguramaa ture waggaa kana dacha oliin dabaleera jedhameera.
Ji’oota boodas gatiin isaa kanaan olitti qaala’uu danda’a yaaddoo jedhu kan qaban maatiin barattootaa; mootummaan akkuma meeshaalee bu’uraa kan biraa ashuura irraa biliisa ta’uun akka galu gochuu irraa jalqabee deeggarsas gochuu qaba jedhaniiru.
Maatii tokko keessa ijoollee sadii fi afur; sanaan olis maatiin barsiisanii fi galiin isaanii gadaanaa ta’eef meeshaaleen ittiin baratan hanga kanatti dabalata gatii agarsiisuun isaa barnoota ijoollee irratti dhiibbaa hammaataa hordofsiisa jedhameera.
Keessumattuu kutaalee baadiyyaa biyyattiitti barattoota argamanuuf rakkinichi caalaatti hammaataa ta’uu akka danda’u ibsameera.
Gatiin qaala’aan kun dabtara qofaa osoo hintaane beennaa fi kooppees akka dabalatuu fi isaan kunis gatiin isaanii akkasuma qaala’aa dha jedhameera.
Akkasumas meeshaalee ittiin baratanuun dabalatatti waraqaa dabalatee meeshaaleen barreeffamaas gatiin isaanii guyyaa gara guyyaatti hammaataa akka jiru ibsameera.
Abbaan taayitaa barnootaa fi leenjii guyyoottan dura manni barumsaa dhuunfaa kamiyyuu hayyamni kan kennameef barsiisuu qofaaf waan ta’eef kitaabas ta’ee dabtara gurguruu akka hindandeenyee fi kan utuu kana godhuu argame tarkaanfiin akka irratti fudhatamu akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.
Addis Maaledaan barattoonni qaala’insa gatii meeshaalee barnootaatiin barnoota isaanii irratti dhiibbaan akka hinuumamne taasisuuf maaltu hojjetamaa akka jiru akkasumas ashuuraan ala galcuun dnd’amuu isaa irratti ibsa argachuuf hooggantuu koomunikeeshiinii ministeera barnootaatti bilbiluun kan gaafatte yoo ta’u; hooggantuttiin beellama kennanii yeroo beellamichaatti irra-deddeebiin bilbila waan hinkaasiniif utuu hinmilkaa’in hafeera.
አዲስ ማለዳ Hagayya 21 2014 No 63



