Qorichoota beeladoota adda addaa irratti qaala’insi gatii uumamuun dame kanaaf rakkisaa ta’uu ogeeyyiin wallaansa fayyaa beeladaa Addis Maaledaatti ibsan.
Qorichoonni beeladoota dhibeewwan adda addaa irraa fayyisuuf hmna qaban gatiin isaanii qaala’uun beeladoota miidhuu isaatiin dabalatatti; hojjettoota damichatti bobba’aniifqormaata ta’uu ogeeyyiin fayyaa beeladaa Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Ogeessi fayyaa beeladaa Geetaahun Adimaasuu jedhaman gosoonni qorichaa qaala’insi gatii irratti mul’ate beeladoota fayyisuuf kan humna qabanii dha jechuun; ammaan kana garuu badaa jiraachuu isaaniitiin dabalatatti kan bakka isaaniitti gabaa irratti argaman immoo dhiibbaa isaan cinaan qabantu caala jedhan.
Fakkeenyaafis qorichi ‹‹tetraclozan cattle›› jedhamu ji’oota keessatti birrii 60 irraa gara kuma tokkoo fi 400tti dabaluu isaa eeraniiru. Kanaan walqabsiisuunis qorichi ‹‹oxy20›› jedhamu kanaan dura hanga birrii 91tti gurguramaa kan ture yoo ta’u; tibbana gara birrii 190tti ol ka’eera jedhan.
Hayyuun damee kanaa kan biraa Sayid Jamaal jedhaman qorichi beeladaa ‹‹Vival penistrip›› jedhamu tokkichi ji’a lamaan dura birrii 250n bitamaa akka ture yaadatanii; tibba akana garuu gara birrii 700tti qaala’uu isaa himaniiru.
Gatiin qorichichaa birrii 250 irraa gara birrii 700tti utuu hinqaala’in dura wayita gabaa tokko gara birrii 400tti ol ka’ee akka ture kaasaniiru.
Ogeeyyonni fayyaa beeladaa kan biraa hedduun gama isaaniitiin; keessumattuu dabalati gatii ‹‹Vival penistrip›› agarsiise arifataa dha kan jedhan yoo ta’u; birrii 700 olittis birrii 800 fi 900tti gurguramaa jiraachuu isaa kaasaniiru. Kana waan ta’eefis hanga hojii dhaabuutti dallanuu isaaniis utuu hindubbatin bira hindabarre.
Kana hordofees beeladoonni baay’een yeroon wallaansa itti hinarganne bal’aa ta’uu fi hojjettootaattis rakkoo uumuun isaa eerameera. “nuti ogummaa wallaansa beeladaatti aarsaa baay’ee kaffaluun namoonni baranne mootummaan damichaaf xiyyeeffannaa waan hinkennineef ogeeyyonni hanga ‹‹Doctor of veterinary medicine›› jirru hojii hinarganne; damee hojii dhuunfaatiin beelada wallaanuun sochii yoo jalqabnes gatiin qoricha beeladaa qaala’insa nam-tolchee agarsiisuu isaatiin beeladootaafis ta’ee hojjettootaaf rakkisaa ta’eera” jechuun dabalataan dubbataniiru.
Kana irra darbee qonnaan bulaan sababa qaala’insa qorichaatiin beeladoota baay’ee du’aan dhabaa jiraachuun isaa ka’eera. Daldaltoonni gama isaaniitiin; gatii kan nutty dabalan raabsitoota jedhan. Raabsitoonni immoo dabalati gatii kan taasifame fichistootaani jedhaniiru. Fichisiistonni gama isaaniitiin; gatiin sharafa doolaaraa dabaluu isaa ti jechuun akka sababeeffatanuu fi kana gidduutti garuu beeladoonni, qonnaan bultoonnii fi hojjettoonni damichaa rakkoo hammaataa dabarsaa jiraachuun ibsameera.
Gatiin qorichichaa taateen guyyaa guyyaan itti dabalu jiraachuus Sayid Addis Maaledaatti ibsaniiru. Haala wal-qabateen qorichi beeladaa “viva” jedhamu ji’oota dura birrii 50n bitamaa akka turee fi turtii xiqqoo booda immoo gara birrii 70tti ol ka’uu isaa yaadatanii; isumayyuu tibbana gara birrii 150tti ol ka’uu isaa ibsaniiru.
Kana qofaa osoo hintaane torbeewwan dura birrii sagalii fi saantima shantamatti gurguramaa kan ture qorichi ‹‹3400mg teter›› tibba akana birrii 20 gaheera jedhan.
Kanaaf mootummaan gabaa qoricha beeladaa xiyyeeffanaann ilaaluu qaba jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Kana hordofees namoonni horsiisa beeladaa irratti bobba’an tokko tokko hanga hojicha dhaabuu irra utuu hinga’in akka hinhafne ibsaniiru. Komattoonni kun qaala’insi gatii akka umamu kan taasise daldala seeraan alaa ta’uu akka danda’u eeranii; mootummaan xiyyeeffannaa kennuufii qaba jechuun hubachiisaniiru.
Dabalata gatii ka’e ilaalchisuun deebii akkamii akka kennu beekuuf yaaliin gara instiitiyuutii eegumsa fayyaa beeladaa biyyaalessaatti taasifame utuu hinmilkaa’in hafeera.
አዲስ ማለዳ Ogosto 28 2014 No 64


