Baankonni sadii garee ABO Shaneetiin saamamuun himame

0
701

Naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu aanaa Amruutti baankonni sadii garee ABO Shaneetiin saamamuu jiraattonni naannoo sanaa Addis Maaledaatti beeksisan.

Jiraattonni naannoo sanaa Addis Maaledaatti akka himanitti; naannoo Oromiyaa godina Horroo Guduruu aanaa Amuruutti gareen ABO Shanee mana maree bakka bu’oota uummataatiin shororkeessummaan itti murtaa’e baankii daldalaa Itoophiyaa, baankii Awaash, baankii hojii gamtaa Oromiyaa; waliigalaan karraa fi saanduqa baankota sadii cabsuudhaan saamicha raawwateera jedhan.

Dabalataan naannoo Oromiyaa, godina Horroo Guduruu aanaa Amuruu magaalaa Agamsaatti akkasumas bakkawwan adda addaa fi naannoo Oromiyaa godina Wallaggaa bahaa aanaa Kiiramuu magaalaa Harootti gareen ABO Shanee lammiiwwan irratti akkasumas dhaabbilee mootummaa fi qabeenyaa namoota dhuunfaa irratti hubaatii qaqqabsiisaa fi saamaa akka jiru jiraattonni Addis Maaledaaf mirkaneessaniiru.

Addis Maaledaan jiraattota naannichaa irraa odeeffannoo kana hanga qindeessitetti; Hagayya 23 hanga 25 bara 2014tti guyyoota sadan jiranitti qofa magaalaa Agamsaa bakka adda addaatti garee ABO Shaneetiin namoonni 11 kan ajjeefaman yoo ta’u; namoota kan biraa 11 irra immoo miidhaan qaamaa salphaa fi cimaan qaqqabeera. Akkasumas namoonni 20 gadi hintaane immoo buqqa’uu isaanii himaniiru.

Dabalataan manneen abbootii warraa jiraattota naannoo sanaa 20 ol akka barbadaa’ee fi qabeenyaan maallaqaan hintilmamamin jechuunis beeladoonni, oomishaaleen qonnaa, meeshaaleen manaa fi qabeenyaan kan biraas saamamaniiru jedhameera.

Hubaatii fi saamichi kunkan raawwatamaa jiran naannoo sanatti kan argaman humni raayyaa ittisa biyyaa; humni addaa fi qaamoleen nageenyaa kan biraa bahaa jiraachuu hordofeetu jedhameera.

Naannoo Oromiyaatti magaalota godinaa lamaanitti nageenyi tasgabbaa’e waan hinjirreef namoonni garichaan miidhamaa jiran gara dhaabbilee fayyaa adeemuun tajaajila argachuu akka hindanda’in ibsameera.

Haroo fi Agamsi kan wal daangessan yoo ta’an; bakkeewwan ittiin wal daangessan biraatti daandiiwwan argaman cufamaa waan jiranii fi lammiiwwanis socho’uu haala hindandeenyetu jira jedhameera.

Mootummaan rakkoo nageenyaa naannoo sana jiru fulla’insaan furuun nageenya akka mirkaneessuu fi lubbuu lammiiwwan nagaa akka baraaru jiraattonni gaafataniiru.

Addis Maaledaan waa’ee dhimmichaa odeeffannoo dabalataa argachuuf biiroo koomunikeeshiinii naannichaatti yaaliin taasiste deebii hinarganne.

Gareen ABO Shnee naannoo Oromiyaa keessa keessumattuu godinaalee Wallaggaa bahaa, Horroo Guduruu, Shawaa kaabaa, Shawaa lixaa fi Shawaa bahaatti; yeroo yeroon nama ajjeesaa akka jiruu fi miidhaa qaqqabsiisaa akka jiru ibsamaa akka turee fi ammas dhaabbateera jechuuf akka hindanda’amne himameera.

Gareen ABO Shanee torban lama dura jiraattota naannichaatiin bakka adda addaatti hubaatii kamiinuu akka hinqaqqabsiisne yoo  “dubbatee” tures; dhugaan jiru garuu kana akka hintaanee fi gocha isaa irraa akka of hinqusatin jiraattonni eeraniiru.


አዲስ ማለዳ Ogosto 28 2014 No 64

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here