Qaala’ina Gatii Meeshaalee Barnootaa

0
800

Waan Dursaa

Dhimmoota waggaa haaraa hordofuun hedduu keessaa jalqabbiin barnootaa tokko ta’ee mul’ata. Itoophiyaa keessatti ji’a Fulbaanaa irraa eegaluun barattoonni yeroo gara barnoota isaaniitti deebi’anuu dha. Kanaafis ministeerri barnootaa barattoonni gara mana barnootaatti akka deebi’an wamicha taasisaa tureera. Barri moofaan 2014 xumuramee barri haaraan 2015 erga seenee guyyoota 14 kan lakkoofsise yoo ta’u; Fulbaana 9 bara 2015 banoonni jalqabamuu isaa ministeerri barnootaa ifatti beeksiseera.

Hata’u malee barattoota hunda ta’uu baatanus; bu’ura waamichichaatiin barattoonni kutaa keessatti argaman barnoota jalqabuun isaanii himamaa jira.

Kunis maatii barattootaa dabalatee barnoonni jalqabamuun isaa kan nama gammachiisu ta’uu gammachuudhaan ibsaa jiru. Garuu immoo dhimmi maatii haala hammaataadhaan mufachiise jiraachuu isaa hindhoksine. Dhimmichi akkasi; kan isaan mufachiise qaala’insa gatii meeshaalee barnootaa ta’uu ni dubbatu.  

Egaa bittaa meeshaalee nyaataa fi dhugaatiitiin walitti dabalamuun waggaa haaraan akkuma dhufee darbuun dabalata gatii agarsiisaa kan dhufu meeshaaleen barnootaa akka isaan haala hammaataan mufachiise keessumattuu maatiin garaagarummaa gatii waggaa gara waggaatti jiru bal’inaan ibsu.

Ogeeyyiin dinagdee gama isaaniitiin; biyya tokko keessatti waraanni wayita uumamu qaala’insi gatii uumamuun isaa akka hinhafne dursanii ibsaa turaniiru.

Fakkeenyaaf yuunivarsiitii Finfinneetti hoogganaan barnoota dinagdee piroofeeseer Alamaayyoo Gadaa; bara 2013tti wayita waraanichi jalqabame rakkoowwan inni hordofsiisuu danda’u akkasitti ibsanii turan.

“Gaaga’ama waraanichi hordofsiisuu danda’u tilmaama keessa yoo galchine qaala’insi gatii yookaan (humni maallaqni waa bituuf qabu) rakkoon isaa yoo xiqqaate waggaa tokko yookaan waggoota lamaan itti aananuuf tarii haala hammaataadhaan kan itti fufu ta’a.”

Maalree; kan ta’es akkuma piroofeeseer Alamaayyoon jedhanii dha. Keessumattuu waraanichi erga jalqabamee as wantoonni nyaatamanuu fi meeshaalee irratti qaala’insi gatii hubatameera.

Dabalati gatii meeshaalee adda addaa irratti mul’ate mataa bowwuu hawaasaa erga ta’ee oolee buleera. Ka’umsa qaala’insa gatiitiif ka’umsi olaanaan waraana waggoota muraasaa asitti Itoophiyaa keessa jiru ta’uu isaa ogeeyyiin dinagdee irra deddeebi’uun wayita ibsan ni dhaga’ama.

Ammas taanaan qaala’insa gatii Itoophiyaa keessatti mul’atuuf waraanni kutaa kaaba biyyattii waggaa tokkoo fi ji’oota 11f itti fufee jiru sababa adda-duree ta’uu namoonni hedduun Addis Maaledaatti ibsaniiru.

Waraanichi qaala’insa gatiitiif sababa adda-duree ta’uu isaa gorsaan dinagdee Yohaannis Aragaawii ni dubbatu. Waraanichaan gamatti gochaan dhuunfannaa daldaltootaa sirnaan ala ta’e qaala’insa gatichaatiif ka’umsa ijoodha jedhu. Dhuunfannaa daldaltootaa kana gorsaan dinagdee kun “moonoopoolii” ittiin jedhaniiru.

Itoophiyaa keessatti hawaasni dhibbeentaa 70 ta’u hiyyummaa keessa jiraachuun ni himama. Ta’us humni dhuunfannaa daldaltootaa wayita wal-jijjiirraa daldalaatti kan hacuuccaa qaqqabsiisu gara-caalu kutaa hawaasaa isa hedduu irra akka ta’e ni dubbatama. Gabaan biliisaa fedha daldaltootaatiin hoogganamu keessumattuu humna hiyyeeyyii kan giddugaleessa hintaasifannee fi kan hacuuccaa qaqqabsiisuu dha kan jedhan gorsaa dinagdee Yohaannisuma kana.

Meeshaalee barnootaa irrati bara 2015tti qaala’insi gatii mul’ate haala kanaan gadiitiin kaa’ameera.

   Qaala’insa Gatii

Meeshaaleen nyaataa fi dhugaatii fi kan biraa hundi dabalata gatii agarsiisuu isaatiin namoota magaalaa hanga baadiyyaatti jiran dhimma mufachiise ta’uun isaa manamaa dha. Ta’us; gabaasni kun gara-caalu kan xiyyeeffatu meeshaalee barnootaa ilaalchisuun waan ta’eef dabtara, beennaa, irsaasaa, uffata seeraa (yuuniifoormii) akkasumas korojoo meeshaalee barnootaa itti baadhatan (borsaa) irratti bara 2015tti jijjiiramni gatii mul’ate akka kanaan gadiitti dhiyaateera.

Addis Maaledaan daawannaa gabaa taasisteen bara barnootaa 2015tti dabtara, beennaa, irsaasaa, uffata seeraa (yuuniifoormii) akkasumas korojoo meeshaalee barnootaa itti baadhatan (borsaa) irratti dabalati gatii olaanaan argameera.

Suuqotaa fi mana gurgurtaa meeshaalee barreeffamaa adda addaatti dabtarri siineer-laayinii fi raadikaaliin darzeenni isaa (dabtara 12) birrii 840tti gurguramaa jiraachuu Addis Maaledaan magaalaa Finfinnee keessa naanna’uun argiteetti.

Gatiin dabtaraa kana caalaatti dabaluu akka danda’u daldaltoonni hindhoksine. Maatiin gama isaaniitiin dabtarri iskuweerii siineer-laayinii fi raadikaalii namni walitti makuun bitu hanga birrii kuma tokkoo akka baasu ibsaniiru.

Gama biraatiin beennaa, irsaasaa fi qartuu isaa, dabtara fakkii itti kaasan dabalatee waliigalaan baasii hanga birrii 700 akka gaafatu keessumattuu maatiin daa’imman isaanii oolmaa daa’immaniitti galchan dhugaa bahaniiru.

Waggaa tokko dura birrii 400 hanga 600tti gurguramaa kan ture korojoon baattoo dabtara barattootaa (borsaan) gara birrii kuma tokkoo fi dhibba lamaatti kan ol ka’e yoo ta’u; maatiinis ijoollee keenya barnoota addaan hinkuchisiisnu jechuun xiiqii qabachuun bituuf dirqamaniiru. Tokko tokko galiin isaanii gadaanaa waan ta’eef meeshaalee barnootaa guutuu dadhabuun barnoota jalqabuu akka hindandeenye ibsameera.

Hnga birrii kuma tokkoo fi 700tti kan gurguramu borsaa fannifamu yoo ta’u; kan harkifamu immoo gatiin isaa akka ol dabale Addis Maaledaan mirkaneessiteetti. Gatiin borsaa harkifamuus birrii kuma lamaa fi 500 hanga birrii kuma sadii fi 400 ti.

Wanti maatii mufachiise kan biraa gatii uffata seeraa barattootaa yookaan yuuniifoormii ti. Gatiin uffatta seeraa barattoota daa’immanii bara 2015tti gabaa irratti gurguramaa jiru hanga birrii kuma tokkoo fi 700 ti. Kopheen daa’immanii huccuu kanaa wajjin huffatamu gatiin isaa birrii kuma tokkotti gurgurama.

Barattoota oolmaa daa’immaniitti baratanuuf meeshaa laaqanaa qopheessuun dirqama ta’uu maatiin cimsanii kan ibsan yoo ta’u; meeshaan laaqanaa gatiin isaa birrii kuma tokko akka ta’e beekameera. Egaa keessumattuu maatiin barattootaa kaffaltii mana barnootaa dabalatee meeshaaleen barnootaa fi gatiin meeshaalee biraa qaala’uun isaa qormaata jireenyaa akka itti ta’e dubbatan.

    Komii Maatii Barattootaa

Maatiin bara 2015tti dabalati gatii meeshaalee barnootaa irratti taasifame ijoolleen isaanii barnoota irraa akka gufatan hanga taasisuu akka ga’e kan ibsan ni jiru. Yashiiwarq Mollaayee hojii kophee qulqulleessuutti bobba’uun akka jiraatan kan ibsan yoo ta’u; qaala’insa gatii meeshaalee barnootaa hordofee bara barnootaa 2015tti mucaan isaanii mana barnootaa galuu akka hindanda’in utuu gaddanuu dubbataniiru.

Itti dabaluunis; “mucaan koo hiryoota isaatii gadi ta’eera; boo’aa jira; maalan godha; kophee qulqulleessuun kiraa manaa; qallaba; huccuu; kana irra darbee meeshaalee barnootaaf … oolchuu hindandeenye” jedhan.

Bakka gabaa Shoolaatti utuu mucaa isaaniitiif meeshaalee barnootaa bitan Addis Maaledaan kan dubbifte Tizitaa Kaffaaloo haati jedhaman maatii barattootaa qaala’insi gatii meeshaalee barnootaa mufachiisee fi nuffisiise keessaa kan biraa ti. Qaala’insa gatichaa ilaalchisuun akkas jedhan.

“Waggaa kana siruma dabalati gatii meeshaalee barnootaa adda. Waggaa darbe dabtaran hanga birrii 30tti bitaa ture barana birrii 70n bite” jechuun dinqamanii ibsan.

Itti dabaluunis; “Itoophiyaa keessatti kan gatii dhabe firoomaa fi du’aatii dhala namaa ti; kuf jechuun kan adda ta’e immoo fooyya’insatu taasifame jedhamuun maqaadhaaf qunxuramee kan mul’ifamu dhimma miindaa ti. Hunda irra kan hammaate garuu gaggaba daldaltootaa ti” jedhaniiru.

Maatiin barattootaa gara waggoota shanii duubatti deebi’uun yaadachuun gatiin meeshaalee barnootaa hanga dacha shaniitti dabalata agarsiisuu isaa waliin madaaluudhaan ibsu.

    Gatiin Wal-cinatti Wayita Ilaalamu

Gatii meeshaalee kan waggoota darbanii wajjin wal cinatti ilaaluun kan waggaa kanaa garaagarummaan isaa bal’aa ta’uu jalqaba kan ibsan Addis Maaledaa waliin kan turtii taasisan Ingidaawarq Abrahaa ti. Ingidaawarq oolmaa daa’immanii fi kutaa kurnaffaa kan baratan ijoollee lama akka qaban dursanii ibsuun waa’ee qaala’insa gatii wal cinatti madaaluu akka kanan gadiitti ibsan.

Ingidaawarq bara 2009 dabtara abbaa fuula 50 darzeena tokko raadikaalaa fi siineer-laayinii birrii 168n bitanii akka turan kan yaadatan yoo ta’u; bara 2009 ka’umsa godhachuun qaala’insa gatichaa lakkoofsaan deeggaruun ibsu. Yeroo sanaa jalqabuun haala gabaa jiru wayita ibsanus; yeroo yerootti dabalata agarsiisuu isaa ibsanii; keessumattuu waggaa jalqabame kanatti ijoollee isaaniitiif dabatara yoo bitan gara dacha shaniitiin maallaqa ol ka’e baasuu isaanii himan.

Akka ibsa isaanii yoo ta’e; bara 2009 dabatarri siinaar-laayinii abbaan fuula 50 tokko birrii 14; darzeenii birrii 168 baasuun kan bitan yoo ta’u; waggaa kana garuu dabatara siinaar-laayinii abbaa fuula 50 tokko birrii 70n bituun darzeenaaf birrii 840 baasuuf dirqamaniiru. Maatiin kan uffata seeraa fi waanti ittiin barreessan wayita itti dabalamu mataa bowwuutti saaxilama jedhanii; mootummaan yoo furmaata kenne malee ijoollee barsiisuun ulfaataa dha jedhan.

Kan biraa Wubaalam Sisaay mucaa isaanii kutaa kudha tokkootiif dabatara siinaar-laayinii abbaa fuula 100 darzeena tokko birrii kuma tokkoo fi 224n akka bitan Addis Maaledaatti himaniiru. Wubaalam mucaan isaanii wayita kutaa jahaffaa turetti dabatara siinaar-laayinii abbaa fulla 100 tokkicha birrii 20n; darzeena isaa birrii 240n akka bitan ni yaadatu. Barana garuu siinar-laayinii tokko abbaa fuula 100 birrii 102n; darzeena isaa immoo birrii kuma tokkoo fi 224n bituu isaanii ibsuun “ajaa’iba” jechuun raajeffataniiru.

Maatii kan mufachiise dabalata gatii dabtaraa qofa miti. Inumayyuu dabalata uffata seeraa; borsaa fi beennatti dabalameedhas malee.

Addis Maaledaan daawannaa gabaa Markaatoo, Addisuu Gabaa, Shoolaa, akkasumas Siidist Kiiloo fi Kaarraatti taasifteen borsaa fi uffanni seeraa barattootaa hanga birrii kuma tokkoo fi 700tti gurguramaa jiru.

Bakkeewwan kanaan olitti ibsamanitti suuqota adda addaa argamanutti borsaan barattootaas hanga birrii kuma tokkootti gurguramaa kan jiru ta’uu mirkaneessuun danda’ameera. Maatiinis uffata seeraa kan ijoollee isaaniitii bitan akka sadarkaa kutaa isaanii fi akka gosa isaatti birrii kuma tokkoo hanga kuma tokkoo fi dhibba torbaatti ta’uu dhugaa bahaniiru.

Uffanni seeraa yookaan yuunifoormiin brattootaa gosaa fi hanga adda addaa maatii barattoota sadarkaalee kutaa adda addaatti qabaniif mataa bowwuu isa biraa ti. Manneen barnootaa Finfinnee keessa jiranutti uffanni seeraa barattootaa kan oolmaa daa’immanii, kan kutaa tokkoo hanga afurii, kan kutaa shanii hanga saddeettaffaajechuun akka qoqqoodamu bulchiinsi magaalaa Finfinnee bara 2011tti ibsuun isaa ni yaadatama.

Kana hordofees keessumattuu ijoollee isaanii sadii fi isaa ol sadarkaalee manneen barnootaa adda addaatti maatiin barsiisanuu fi uffata seeraa bituuf dirqaman baasii olaanaa akka isaan gaafate hindhoksine.

      Maal Wayya?

Barri barnootaa 2015 utuu hinjalqabamin torbeewwan turanitti dhaabbileen gargaartotaa adda addaa barattoota meeshaalee barnootaa guuttachuuf rakkatanuuf hojii meeshaalee barnootaa walitti qabuu wayita hojjetan hubatameera.

Kanas ta’ee garuu keessumattuu ijoolleen galiin maatii isaanii gadaanaa ta’e barnoota addaan kutuuf dirqamuu isaanii maatiin ibsaniiru.

Gorsaan dinagdee Yohaannis Araagaawii gama isaaniitiin; qaala’insa gatii meeshaalee barnootaa uumameef qabxiiwwan furmaata ta’a jedhan ibsaniiru. Gorsichi jalqaba jireenya dhala namaatiif qormaata kan ta’e keessumattuu bara 1997 eegaluun hammaataa kan dhufe qaala’insa gatii nyaataa ta’uu kaasanii; amma garuu gatiin meeshaalees qaala’uu dubbataniiru.

Itti dabaluunis; qaala’insi gatii meeshaalee akka tasgabbaa’uuf keessumattuu gabaa biliisaa irratti mootummaan murtee kennuu qaba jedhan. Fakkeenya tokkos akkas jechuun itti dabalan. “Gatiin geejjibaaf kaffalamu mootummaadhaan utuu hinmurtoofnee; har’a birrii shan kaffaluun daandii imalle tarii birrii 40 fi 50 gaafatamuu ni dandeenya turre. Meeshaaleen barnootaa fi kan biraa sadarkaa gatii qaala’ee kana irra kan gahan mootummaan gabaa biliisaa irratti murtee dabarsuu waan dhiiseefi” jedhan.

Haala walqabateenis; yeroon waraanni itti dhaabbate yoo hinjirres xiqqoo akka tasgabbaa’u yoo hingodhamne qaala’insi gatii yoo dabale malee hir’achuu danda’a jechuun yaada gowwaa ti jedhan. Kanaan dabalatatti tola ooltonni hojii isaanii baratame yoo itti fufanii fi daldaltoonnis namummaan itti dhaga’amuun dabalata gatii daangaa darbe gochuu irraa yoo of-qusatan hundumaafuu gaarii ta’a jedhaniiru.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here