Waggoota 17 booda bara 2012tti kan fooyya’ee fi ammas komiin hedduun kan itti ka’u labsiin taaksii eksaayizii lakkoofsi 1186/2012 fooyya’uuf akka ta’e Addis Maaledaan madden ishee ministeera maallaqaa irraa dhageesseetti.
Taaksiin eksaayizii taaksota kallattii hintaane jedhamuun beekamanuu fi ramaddii taaksii meeshaa fi tajaajila irra kaa’aman keessatti kan argamu yoo ta’u; meeshaalee biyya alaatii gara biyya keessaatti galanuu fi meeshaalee biyya keessatti oomishaman irra kan kaa’amuu dha.
Bara 2012tti wayita labsichi sirreeffame gatii gurgurtaa oomishaalee fi meeshaalee irratti hundaa’uun herrega herreegamuun; konkolaattota biyya alaatii galan irratti taaksiin dhibbeentaa shanii hanga dhibbeentaa 405; tamboo irratti dhibbeentaa 30; bishaan saamsame irratti dhibbeentaa 10 kaa’amuun wayita yaadatamu; oomishtoonnii fi fichisiistonni irra-deddeebi’uun komataa turaniiru. Utuu labsichi fooyya’aa jiruu irraa jalqabee hanga ammaatti kan gaaffiin baay’een irratti dhiyaatuudhas.
Kaayyoowwan ijoon taaksii eksaayizii mootummaadhaaf galii dabalataa argamsiisuu; itti fayyadama oomishaalee fayyaa hawaasaa irratti miidhaa qaqqabsiisanuu hir’isuu; namoonni qabeenya olaanaa qaban meeshaalee qananii qaban irraa galii walitti qabuu akkasumas itti fayyadama oomishaalee nageenya naannoo irratti miidhaa qaqqabsiisan hir’isuu irratti akka xiyyeeffate mootummaan ibsaa ture. Ta’us bu’ura labsichaatiin oomishaaleen eksaayiz taaksiin akka irraa kutamu murtaa’e irratti deddeebiidhaan gaaffiin dhiyaateera.
Gaffiiwwan kun waajjira ministeera isaaniitiif akka dhiyaatan kan ibsan maddi Addis Maaledaa; gaaffiiwwan dhiyaataniif deebiin akka hinkennamne ibsanii; waliigalaan labsicha keessa deebi’uu fi fooyyessuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Fooyya’insi kun yoom xumurama gaaffiin jedhu kan kaafameef maddi kun; fooyya’insichi hojjetamaa jiraachuu malee guyyaa kana xumurama jedhanii dubbachuun akka hindanda’amne ibsaniiru.
Haala walqabateenis; qorannoo warshaalee bishaan oomishan 15 irratti taasifameen eksaayiz taaksiin warshaalee kana irra kaa’ame fayyadamtoota irratti (bishaan liitira walakkaa irratti hanga birrii tokkoo kan gahu; bishaan liitira tokko irratti hanga birrii tokkoo fi saantima shantamaa kan gahu; bishaan liitira lama irratti birrii lamaa ol) dabalata gatii akka hordofsiise hoogganaan waldaa warshaalee oomishtoota bishaanii fi cuunfaa Ashannaafii Mariid ibsaniiru.
Qorannoo kanaanis taaksiin eksaayizii kaa’amuun baay’ina oomishaa irratti dhiibbaa faallaa akka fide mirkaneessineerra kan jedhan Ashannaafiin; taaksiin kun yoo ka’e mootummaan galii sababa taaksii eksaayiziitiin argataa ture hanga oomishaa dabalu irraa bakka buufachuu akka danda’u dubbataniiru.
Bu’aa qorannoo kanaatiin walqabateeministeera maallaqaatti taaksiin eksaayizii nuuf haka’u akka nuuf ka’u gaaffii dhiyeessineerra kan jedhan Ashannaafiin; qorannichaa fi gaaffii keenya irratti marii hooggantoota ministeera maallaqaa waliin taasisneen deebii gaarii arganneerra jedhan. Sababa kanaan labsiin taaksii eksaayizii dhiyeenyatti ni fooyya’a jedhanii akka eegan dubbataniiru.
Labsiin taaksii eksaayizii kun fooyya’uuf yoo jedhames; hir’ifamuu fi kaafamuu taaksii qofa yaada keessa kan galche akka hintaane maddi keenya ministeera maallaqaa kan ibsan yoo ta’u; waliigalaan labsicha malee fooyya’insa oomishaalee filataman qofa giddugaleessa taasifate akka hintaasifamne mirkaneessaniiru.
Labsiin taaksii eksaayizii lakkoofsi 307/1995 herreegni taaksii eksaayizii kan bu’ureeffatu baasii ittiin oomishamu bu’ureffachuun kan ture yoo ta’u; labsiin eksaayiz taaksii bara 2012tti ragga’e lakkoofsi 1186/2012 immoo gatii gurgurtaa oomishaalee kan bu’ureeffatee dha.
አዲስ ማለዳ Onkoloolessa 5 2015 No 70



