Hidha haaromsaa guddichaaf nuusa waggaa akanaatti galiin birrii biliyoona 1.1 caalu walitti qabame

0
410
  • Kan bara darbee birrii miliyoona 900 fi miliyoona sagaliin ni caala.

Bara 2015 nuusa jalqabaatti nuusa jalqabaatti galiin birrii biliyoona 1.1 ol walitti qabuu waajjirri qindeessaa hirmaannaa ummataa ijaarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaa Addis Maaledaatti ibse.

Yeroo walfakkaataa bara darbeetti galii argamee wajjin wayita wal cinatti madaalamu caalaa birrii miliyoona 900 fi miliyoona sagalii ni qaba. Galiin nuusa waggaa kanatti walitti qabame olaanaa ta’uu waajjirichatti daarikteerri koomunikeeshiinii Hayiluu Abrihaam dubbataniiru.

Kanaanis nuusa bara bajataa jalqabame kanatti bittaa boondii fi kennaa biyya keessaatiin birriin biliyoona tokkoo ol; gurgurtaa boondii fi kennaa diyaaspooraa biyya alaa irraa birrii miliyoona jahaa ol akkasumas lakkoofsa herregaa humna eleektiriikii Itoophiyaatti galii kan ta’e birrii miliyoona 62 ol; ergaa gabaabaa 8100n birrii miliyoona 38 olii fi galii adda addaa irraa birriin miliyoona 600 fi miliyoona 60 caalu; waliigalaan birriin biliyoona 1.1 ol argamuu beeksisan.

Bara bajataa 2013/2014 yeroo walfakkaatutti kan turee wajjin wayita wal cinatti madaalamu birrii miliyoona 900 fi miliyoona sagaliin akka caalu eeranii; nuusa waggaa darbe yeroo walfakkaatutti galiin argame birrii miliyoona 200 fi miliyoona 87 fi kuma 800 akka ture ibsaniiru.

Bara kana ji’a Fulbaanaatti birriin miliyoonni 500 fi miliyoonni 35 argamuus ibsaniiru. Kunis kan yeroo walfakkaataa darbee wajjin wayita madaalamu caalaa birrii miliyoona 400 fi miliyoona 49 akka qabu ibsaniiru.

Galiin nuusa waggaa kanatti argame baay’ee olaanaa dha kan jedhame yoo ta’u; kunis galii walitti qabamu guddisuuf hojiiwwan adda addaa xiyyeeffannoon hojjechuun argamuu danda’uun isaa eerameera. Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa erga jalqabamee hanga yoonaatti (hanga Fulbaana 30 bara 2015tti) galiin birrii biliyoona 18.1 walitti qabamuu beekuun danda’ameera.

Galiin argame Itoophiyaanonni birmadummaa fi misooma biyya isaaniitiif ejjennoo qaban kan mul’isuu dha kan jedhame yoo ta’u; hawaasni deeggarsa hidha haaromsaa guddicha Itoophiyaatiif qabu cimsee akka akka itti fufu waamichi dhiyaateera.

Hanga ammaatti birriin biliyoona 100 fi biliyoonni 75 kan baasii itti ta’e hidhichi; hojiiwwan hafan xumuruuf birrii biliyoona 55 hanga biliyoona 60 akka gaafatuu fi ijaarsisaa waliigalaa hanga waggoota sadan itti aananutti ni xumurama jedhamuun isaa kan yaadatamuu dha.

Akkasumas humna meegaa waatii kuma shanii ol maddisiisuun Afriikaatti hidha guddaa akka ta’u ibsame. Hanga ammaattis tarbaayinoota isaa humna maddisiisuu jalqabaniin humna eleektiriikii meegaa waatii 500 ol maddisiisaa akka jiru ibsamuun isaa hindagatamu.

Naannoo Biiniishaangul Gumuzitti ijaaramaa kan jiruu fi erga jalqabamee waggoota kudhanii ol kan galmeessise hidhi haaromsaa raawwiin isaa waliigalaa dhibbeentaa 87 ol ta’uun ibsameera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here