- Bajata gaafate keessaa birriin miliyoona 100 fi miliyoona 31 ol hir’ifameera.
Boordiin filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa naannoo kibbaatti godinaalee jaha fi aanaalee addaa shan keessatti murtee ummataa geggeessu raawwachiisuuf bajata dabalataa gaafachuu akka danda’u beeksiseera.
Walitti qabduun boordii filannoo biyyaalessaa Itoophiyaa Burtukaan Miidhaqsaa dhimma murtee ummataa kana irratti Onkoloolessa 10 bara 2015 ibsa kennaniin; boordichi qu’annoo gatii wayitaawaa fi raga irratti hundaa’e adeemsisuun mana maree bakka bu’oota ummataa birrii miliyoona 500 fi miliyoona 41 fi kuma 300 gaafachuu isaa yaadataniiru.
Boordichi bajata raawwii murtee uummtaa qu’annoo irratti hundaa’e kan gaafate yoo ta’es; manni marichaa baasiiwwan tokko tokko ol ka’aniiru jechuun birrii miliyoona 400 fi miliyoona 10 fi kuma 100 qofa akka hayyamewalitti qabduttiin himaniiru; bajata boordichi gaafate keessaa birriin miliyoona 100 fi miliyoona 31 fi kumni 200 hir’ifameera.
Bajata ramadameef qusannaan fayyadamuun waliin gahuuf akka yaalan kan ibsan Burtukaan; maallaqichi yoo itti xiqqaate mana marichaa bajata dabalataa gaafachuun isaanii akka hihafne dubbataniiru. Filannoo sirnaan raawwachuuf maallaqa akka barbaachisu kan ibsan Burtukaan; baasii sirrii hintaane hingaafanne jedhaniiru. Maallaqa hayyamameenis hanga hojjechuun danda’amu akka hojjetan dubbatanii; maallaqni yoo isaanitti xiqqaate mana marichaa bajata dabalataa gaafachuu malee filannoo akka hinqabne beeksisaniiru.
Murtee ummataa filattoonni miliyoona 3.1 itti hirmaatu jedhamee eegamun naannoo saboota, sab-lammootaa fi ummattoota kibbaatti godinaalee Gaamoo; Goofaa; Walaayittaa; Geede’oo; Koonsoo fi Oomoo kibbaa; akkasumas aanaalee addaa Burjii; Amaaroo; Daraashee; Baaskeettoo fi Aaleetti kan taasifamu yoo ta’u; godinaalee jahaanii fi aanaalee addaa shanan naannoo tokkotti gurmeessuuf murtee ummataa taasifamuu dha.
Murtee ummataa kana raawwachiisuuf raawwachiistota buufataalee filannoo kuma 18 fi 750 akka barbaachisu ibsicha irratti kan himame yoo ta’u; filannoo biyyaalessaa bara 2013tti taasifameen raawwachiistoti filannoo shoora raawwachiistummaa bahatan kumni sagal murtee ummataa kana raawwachiisuuf hayyamamoo ta’aniiru; raawwachiistota murtee ummataa hafan guutuuf secca’insi adeemsifamaa akka jiru kan ibsan Burtukaan; raawwachiistota murtee ummataa irratti gaaffiin loogummaan walqabatu ka’aa akka jiru dubbataniiru.
Raawwachiistota filannoo komiin itti ka’u dhimma isaanii qulaulleessuun tarkaanfiin ragaadhaan deeggarame akka fudhatamu kan ibsan Burtukaan; filmaata kallattii (online) dhiyeenyatti ifa taasifamuun raawwachiistota murtee ummataa kam irrattiyyuu komiiwwan ka’an akka fudhatanuu fi akka qulqulleessa dubbatan.
Amajjii 29 bara 2015 akka adeemsifamuuf guyyaan kan qabameef murteen ummaataa kun; filattoota miliyoona 3.1 akka caalana shallagaman Mudde 06 hanga 25 bara 2015tti galmeessuuf kan karoorfame yoo ta’u; buufataaleen filannoo kuma sadii fi 756 ni jiraatu jedhamee eegama.
Waajjiraalee murtee ummataa banuuf hooggantoota bakka murteen ummataa itti kennamuu irraa deebii arifataa akka hinargatin kan himan Burtukaan; filannicha raawwachiisuuf hojiiwwan hojjetaman irratti duubatti harkifannaa uumaa akka jiru ibsaniiru. Dhimmicha irratti hooggantootaa wajjin akka dubbatanii fi rakkoowwan kana hiikuuf akka waliigalan ibsaniiru.
Murteen ummataa sagataa baheefiin akka raawwatamu qaamoleen qooda keessaa qaban itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan kan gaafatan Burtukaan; taajjabdoonni waldaalee siivikii keessaa walitti babahan akka taajjabanu ibsaniiru. Taajjabdoota biyyoota alaa keessaa walitti babahan akka taajjabanuuf hafeeruun gahee mootummaa akka ta’e ibsanii; hanga ammaatti taajjabaan biyya alaa murtee ummataa kana ni taajjaba jedhame akka hinjirre beeksisaniiru.
Kanaan dura naannoo saboota, sab-lammootaa fi ummattoota kibbaatti murteen ummataa naannoof yeroo lama kan taasifame yoo ta’u; waggaa kanas murtee ummataa kana dabalatee murteen ummataa lama naannoof akka adeemsifaman boordin filannoo beeksiseera.


