Daandiin qilleensaa Itoophiyaa maallaqni mootummaa Naayijeeriyaatiin jalaa qabame akka
deebi’uuf kan gaafate hanqina sharafa alaa Itoophiyaa mudate sababeeffachuun akka ta’e
dhaga’ameera.
Pirezidaantiin Naayijeeriyaa Muhaammaduu Buhaarii yaa’ii 36ffaa hooggantoota Gamtaa
Afriikaa 36ffaatti hirmaachuuf wayita Finfinnee dhufan dura taa’aa boordii daandii qilleensaa Itoophiyaa waliin maryataniiru.
Kanaanis walitti qabaan boordichaa obbo Girmaa Waaqee mootummaan Naayijeeriyaa maallaqa rakkoo hanqina sharafa alaatiin qabame akka deebisu pirezidaanticha gaafachuu isaanii Ze Neeshin gabaaseera.
Akkasumas mootummaan Naayijeeriyaa daandiin qilleensaa Itoophiyaa daandii qilleensaa
Itoophiyaa irraa karoora gahee yookaan sheerii dhibbeentaa 49 fudhatee hojjechuuf qabu seerota gufachiisan akka furuuf gaafataniiru.
Mohaammaduu Buhaarii gama isaaniitiin; daandiin qilleensaa Itoophiyaa Naayijeeriyaa
keessatti akka hojjetuuf murteen hayyamuu mootummaa isaaniitiif ulfaataa akka ture ibsanii; yeroo itti aanutti haalawwan salphataa akka deeman amantaa qaban ibsaniiru.
Dhimmoonni mana murtiitiin qabaman hundi furmaata akka argataniin daandiin qilleensaa
Itoophiyaa Naayijeeriyaa keessatti sochii jalqabuuf qophii ta’uun eerameera.
Dabalataanis daandiin qilleensaa Itoophiyaa Leegosii – Finfinnee fi Abujaa – Finfinneetti balalii taasisuun walitti hidhamiinsa gabaa caalaatti cimsuuf karoorfachuun isaa dhaga’ameera.



