Itoophiyaatti waggoota lama keessatti gaazexeessitoonni 60 ol hidhamaniiru.

0
535

Giddu-galli mirgootaa fi diimookiraasii qu’annoo bakka ogeeyyiin sab-quunnamtii argamanitti ifa taasiseen Itoophiyaa keessatti A.L.A. bara 2020 hanga 2022 waggoota lama keessatti qofa yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 63 ta’an maal na dhibdeen hidhamaniiru.

Hidhaan kun gara caalu magaalaa Finfinnee, naannolee Amaaraa, Oromiyaa, Affaarii fi Sumaalee keessatti ta’uun ibsameera. Giddugaleessichi nageenyi gaazexeessitootaa ammas yaaddoo hammaataa ta’ee itti fufeera kan jedhe yoo ta’u; waggoota kana keessatti gaazexeessitoonni lama ajjeefamuu eereera.

Hidhaa fi ajjeechaan ogeeyyii sab-quunnamtii akka kanaa fi giddu-seentummaan miidiyaatti seenuuf taasifamu biyyattii keessatti mirga biliisummaan dubbachuu kan hubu ta’eera jedhameera.

Induustiriin miidiyaa Itoophiyaa jijjiirama bara 2010tti taasifame hordofee biliisummaa olaanaa fi abdii guddinaa argatee kan ture yoo ta’es; abdiin kun hangas akka itti hinfufin erameera.

Fakkeenyaafis A.L.A. bara 2020tti Itoophiyaan biliisummaadhaan dubbachuun adunyaa irraa sadarkaa 99ffaa irra kan teesse yoo ta’u; waggaa lama booda 114ffaa ta’uun ishee ibsameera.

Giddugaleessichi sab-quunnamtiin Itoophiyaa haala kan duraanii irraa adda ta’een yeroo ammaa kana dhiibbaa siyaasaa jalatti kufeera jedheera. Gama biraatiin biliisummaan miidiyaa qorumsa olaanaa jalatti kan kufe yoo ta’es; baay’inni isaa dabalaa dhufuun ibsameera.

A.L.A. bara 2022 qofaatti Itoophiyaa keessa dhaabbileen sab-quunnamtii 117 jiraachuun himameera. Kana keessaa 39 kan ta’an buufataalee televizhiinii yoo ta’an; 78 immoo buufataalee

raadiyoo ti. Qu’annoon giddugaleessichaa akka eerutti yeroo ammaa baay’inni miidiyaalee maxxansaa kan miidiyaa biraa caalaatti gadi bu’aa jira kan jedhame yoo ta’u; bara 2022tti miidiyaalee maxxansaa dhuunfaa 18 fi kan mootummaa 11tu ture jedhameera.

መልስ አስቀምጡ

Please enter your comment!
Please enter your name here