Itoophiyaa keessatti ongee hammataa mudateen naannoleen miidhamanii fi lammiiwwan sababa walitti bu’iinsaatiin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’an kumoota dhibbaan lakkaa’aman balaa beelaatti saaxilamuun isaanii yaaddessaa ta’aa dhufeera.
Yeroo ammaatti ongeedhaan kan miidhaman keessumattuu horsiisaan bultoonni godina
Booraanaa rakkoo hammaataatti saaxilamuun isaanii dhaga’ameera sababa ongee godinichatti mudateetiin lammiiwwan kuma 200 fi kuma 63 ol gargaarsa argataa akka hinjirre bulchiinsi godinichaa beeksiseera. Akkasumas naannoo Sumaaleetti naannoleen horsiisaan bultootaa hongeedhaan hubaman rakkoo guddaa keessa jiru jedhameera.
Hongee waggoottaniif irra-deddeebiin uumameen horsiisaan bultoonni waan ittiin jiraatan
dhaban beeladoonni isaanii hingichaan dhumuun balaa beelaatti saaxilamuu hordofee tibba kana duulli deeggarsa walitti qabuu tola-ooltotaan jalqabameera.
Godina Waag-Himiraattii lammiiwwan balaan hongee fi rakkoon nageenyaa isaanitti marmaare balaa beelaatti saaxilamuu isaanii godinichi torban darbe Addis Maaledaatti beeksisuun isaa ni yaadatama. Namoonni kumni 67 ol deeggarsa kan barbaadan ta’uus; mootummaanis ta’ee dhaabbileen deeggartootaa deeggarsa hawaasa balaa beelaa irraa baraaru gaha ta’e dhiyeessaa hinjiran jedhameera.
Godinichatti aanaalee Tsaagbijii fi Abargalleetii buqqa’uudhaan buufata naannoo Soqoxaa fi
magaalaa Soqoxaa keessa jiran beela hamaatti saaxilamuu isaanii waajjirri qindeessaa ittisa balaa fi wabii nyaataa godina sab-lammii Waag-Himiraa Addis Maaledaatti beeksiseera.
Akkasumas sababa walitti bu’iinsaatiin naanolee adda addaa irraa buqqa’uun naannoo Amaaraa magaalaa Dabre-Birhaan qubatan lammiiwwan kumni 30 ol rakkoo hammaataa keessa jiraachuu Addis Maaledaan bakkichatti argamuun daawachuun isee kan yaadatamuu dha. Baay’inni buqqaatotaa humna magaalattiitii ol waan ta’eef qaamoleen dhimmichi isaan ilaalu deeggarsa atattamaa akka taasisan waamichi yoo dhiyaates qaamni buqqaatota beelaa baasu hinargamne.
Itoophiyaan qamadii nyaataaf ishee barbaachisu oomishuu bira darbuun qamadii gabaa biyyaatti dhiyeessiteetti wayita mootummaan jedhutti lammiiwwan kumoota dhibbaan lakkaa’aman balaa beelaatti saaxilamaniiru. Namoonni sababa beelaatiin hubaman rakkoo hanga du’aa ga’utu isaan mudataa jira.
Bakkeewwan adda addaatti lammiiwwan rakkootti saaxilaman mootummaan deeggarsa akka taasisuuf irra-deddeebiin yoo gafatanis mootummaan deeggarsa gahaa dhiyeessaa hinjiru komiin jedhu ni dhaga’ama. Dhaabbileen deeggartootaas yoo ta’an baay’ina miidhamtootaa Itoophiyaa keessa jiran irraa ka’uun hunda waliin ga’uu akka dadhaban gabaasa yeroo adda addaatti baasaniin wayita ibsan ni mul’atu.


