Abbootiin Gadaa fi Maanguddoonni zoonii Gujii caasaa haaraa mana maree kaabinee naannoo Oromiyaatiin ragga’e akka hin fudhanne ifatti beeksisaniiru.
Yaa’ii 6ffaa waggaa 2ffaa walga’ii idilee 3ffaa mana maree kaabineen mootummaa naannoo Bitootessa 20/2015 gaggeeffameen zoonii 21ffaa Boorana Bahaa jedhamu Boorana irraa aanaalee fi magaalota kudhan walitti hidhuun, Zoonii Gujii fi Baalee jedhamu hundeesseera jechuun isaa ni yaadatama.
Godina Booranaa zoonii Mooyyalee, Gujii fi Waachlee irraa zoonii 21ffaa haaraa hundeeffame; Mootummaan naannichaa aanaalee Zoonii Gujii, Gumii, Lledolo fi Liben, akkasumas Zoonii Baalee Aanaalee Magaalaa Negelee Booreena, Dewalabuu, Oborsoo fi Harena Buluq hammachuudhaan hundeeffamuu isaa beeksise.
Murtee kana hordofuun kutaaleen hawaasaa magaalota adda addaa fi naannolee zoonii Gujii keessa jiran hiriira mormii ba’un murtee mootummaan naannichaa dabarse akka hin fudhanne ejjennoo qaban ibsaniiru.
Abbootiin Gadaa Gujii fi jaarsooliin biyyaa naannoo hiriira kana irratti tarkaanfii humni nageenyaa naannichaa fudhateen lubbuun namootaa badee qabeenyi barbadaa’uu ibsaniiru.
Abbootiin Gadaa fi Maanguddoonni zoonii Gujii, murtee naannichaa ilaalchisee ibsa kaleessa Finfinneetti kennaniin, jijjiirama gurmaa’insaa haaraa sababa mormii kanaa ta’e akka hin fudhanne ibsaniiru.
Dhimma isaanii ibsuuf jecha walumaa galatti waajjira ministeerota 8 dabalatee Waajjira Ministira Muummee, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa, Ministeera Nageenyaa, Ministeera Maallaqaa, fi Waajjira Badhaadhinaaf xalayaa dhiyeessuu isaanii dubbataniru.
Haa ta’u malee deebii tokkollee erga hin arganneen booda gara Finfinnee dhufanii aanga’oota olaanoo naannoo Oromiyaa waliin marii taasisuun dhimmicha karaa nagaa furuuf akka ta’e himan. Marii isaanii keessatti dhaabbati haaraan kun “Gujii durii dagateera, haqa kan hin qabnee fi akkaataa jireenyaa fi aadaa ummataa giddu galeessa hin godhannee fi kan ukkamseedha” jechuun komatan.
Jijjiirama gurmaa’insaa ilaalchisee komii isaanii erga dhiyeessan booda, qondaaltonni olaanoo mootummaa naannoo sanaa “maqaan ni jijjiirama” jechuun waadaa akka isaaniif galan ibsaniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa zoonii haaraa Boorana Bahaa hundeessuuf yeroo yaadaa ture abbootii gadaa naannoo, manguddootaa fi hawaasa waliin mari’achuu qaba ture jedhan.
Gaafa isaan zoonii haaraa morman gosoota Oromiyaa fi gareewwan hawaasaa biroo waliin ta’uu hin barbaanne miti. Zooniin haaraan kun akkaataa jireenyaa, bulchiinsaa fi seenaa durii waliin akka hin deemne cimsanii dubbataniiru.
murtee mootummaa naannoo oromiyaa kan mormineef, ” magaalaa guddoo gujii kan turte Nagelee Borana, Magaalaa guddoo zoonii Boorana Bahaa haaraa akka taatuuf godhamuu isaatis jedhaniru.



