Naannoo Somaalee godiinaalee 11 keessatti sababa hongee mudateen lammiileen naannichaa miliyoonni 3.7 gargaarsa hatattamaa akka barbaadan sabquunnamtiin naannichaa beksiiseera.
Itti gaafatamaan waajira kominikeeshinii naannoo Soomaalee obboo Abdulqaadiir Rashiid akka jedhanittii Hongeen kun Godinaalee naannoo Soomaalee jiran keessa hundatti kan mudatee yoo ta’u kan Godinaalee Shabalee,Daawaa fi Afderaa keessatti mudatee baay’ee haamaataa ta’u isaa ibsanii jiru.
Balaa hongee kanaan gargaarsa hatatamaa wara barbaadan lammillee miliyoona 3.7 kana kessaa ammatti gargaarsa kan argatan miliyoona 1.3 qofa ta’u isaaniis ibsanii jiru.
Ammas lamileen miliyoona 2.4 gargaarsa hatatamaa kana akka barbaadan himameeraLammileen miliyoona 2.4 gargaarsa haatattamaa kana akka barbaadan himameera.
Haaluma kanaan wal qabatee haala amma jiruun Goodina Daawwaa qofatti Gaallii kuma 340 ol ta’an kan du’an yoo ta’u horiin gaafaa kuma 600 ol haala hamaataa kessa jiraachuu isaanii himaniruu.
Obboo Abdulqaadiir itti dabaluun rakkoon bishaan dhugaati hamaataan akka jiru himuun gargaarsii namuummaa karaa mootummaan akkasummas karaa tola oltotaan godhamaa jiru jiraachuu eraniiruu.
Gargaarsii godhamaa jiru kun kan jajjabeeffamuu ta’e bal’ina rakkoo jiru waliin yoo wal madaalchisan gahaa akka hin taanee himaniru.



