Filannoo biyyalessaa jahaffaa irratti raawwachiistota naannoo filannoo ta’uun qaamoleen tajaajilaa turan; boordiin filannoo bu’uura waliigaltee nuuf seeneetiin kaffaltii xumuraa hanga ammaatti nuuf kaffaluu hindandeenye jechuun Addis Maaledaatti ibsaniiru.
Waliigaltee kan raawwanne filannoo Waxabajjii 14 bara 2013 filatame akka raawwachiisnuuf ture kan jedhan komattoonni; kaffaltiin xumuraa filannoo booda meeshaalee filannoo akkuma deebisneen akka nuuf raawwatamuuf waliigaltee yoo raawwannes; hanga yoonaatti qaama nu dhagahu dhabuun kaffaltiin nuuf hinraawwatamne jedhu. Meeshaalee filannoo Qaammee keessa deebisuu isaanii ibsaniiru.
Naannoo Amaaraatti raawwachiisaa naannoo filannoo aannaa tokkoon ture kan jedhan Abbabaa Muucee; birrii kuma 37 boordii filannoo waliin waliigalle keessaa; dhibbeentaan 40ni filannoon akkauma xumuramee fi meeshaalee filannoo akkuma deebisneen akka nuuf kafalamu yoo waliiggalles; meeshaa deebisneeyyuu utuu kaffaltiin nuuf hinkaffalamun ji’a afuritti dhiyaacha jira echuun ibsaniiru.
Kanaafis sababni isaa maal akka ta’e hinbeeknu. Yoo bilbilles isaan yoo nu barbaadan malee nuti isaaniin barbaannee argachuu hindandeenyu jedhan. Qaamaan dhaqnee gaafachuufis sababa fageenya bakkichi qabu qabuutiin kan hhindanda;amne jedhan.
Meeshaalee filannoo ji’a Qaammee keessa erga deebisnee booda dursitoota ICTf, itti aansee filachiistota buufataalee filannootiif kaffalameera. Utuu meeshaalee hindeebisne ta’ee isaaniifis hinkaffalamu ture jedhan.
Qindeessaan raawwachiistota buufata filannoo maqaan isaani akka dhahamu hinbarbaadin gama isaaniitiin; yeroo ji’a Hagayyaatii hanga Fulbaana walakkeessatti jirutti meeshaalee deebisnee nagahee fudhanneerra jedhan. Hata’u malee qaamni komii keenya itti ibsannu waan hinjirreef haala yeroo akka waan mijataatti fayyadamuun qaamoleen maallaqa keenya nu saamuuf qophaa’an ni jiru shakkii jedhu nu keessatti uumeera jedhan; warri komicha dhiyeessan.
Bilbilaan wayita gaafannu eegaa ni seenaa nuun jedhu; yeroo tokko tokko immoo meeshaa isin hindeebisintu jira nuun jedhu. Hata’u malee saanduqni sagaleen itti kennamu kan hindeebi’in yoo jiraatanis; isaanumti hinfayyadu jechuudhaan kan dhiisanii dha jechuun dubbataniiru.
Meeshaa deebi’uun irra jiraatus yoo ta’e nu harkaa fuudhaa jechuun kadhanneetu itti kennine kan jedhan komattoonni; ammas meeshaan faaidaa qabuu fi kaffaltii keenya dhorkisiisu hinjiru; saanduqichaa fi chaarjeroota kukkutaman yoo ta’e yeroo nu gaafatanitti deebisuuf nuti qophii dha jedhaniiru.
Kaffaluu waan hinbarbaanneef malee kana godhaa jedhanii nu gaafatanii wanti nuyi dinne hinjiru; maallaqni nu hafes birrii kuma 15 hanga kuma 20 kan gahuu dha jechuun ibsaniiru.
Naannichatti raawwachiistota naannoo filannoo godinaalee hedduutti argaman waliin akka walii bilbilanuu fi enyuufuu akka hinkaffalamin odeeffannoo qabaachuu isaanii ibsanii; akka biyyaattis raawwachiistota naannoo filannoo naannolee biraatiifis kan kaffalame natty hinfakkaatu jechuun ibsaniiru.
Komataan kun dabaluunis; dadhabbii keenyaaf kan ta’uun irra ture kana miti; ammas komii olaanaa yoo qabaannes ji’oota afurii oliif sababa tokko malee eegneerra; yoo xiqqaate kana booda yeroo dhiyootti nuuf kaffalamuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Addis Maaledaan qaamolee boordii filannoo keessa hooggansaan hojjetanitti bilbiluun dhimmicha irratti deebii yoo gaafattes yaada kennuuf fedha qaban utuu hinibsin hafaniiru. Dhimmicha irratti deebii ni kennu kan jedhaman daarikteera koominikeeshiinii irraa deebii argachuuf tattaaffiin irra-deddeebi’uun taasisne utuu hinmilkaa’in hafeera
አዲስ ማለዳ 30 Muddee 2014 No 29



